Ibsituu adda Finfinnee ta’a jedhamee Waggoota Shan dura kan karoorfame piroojektiin Taaworii boca mosoobii qabu, ji’oota lamaan dhufan keessatti yoom gara hojiitti akka galu ifa taasifama jedhameera.
Hundeessaa fi Hogganaan piroojektichaa Tsaggaahee Takiluu Waggoota lama dura hojiin isaa ni eegala kan jedhame piroojektiin boca mosoobii qabu ibsituu addaa Finfinnee ta’e Taaworiin Boca mosoobii rakkoo namtolchee fi uumamaan akkasumas sanada gurgurtaa qopheessuuf hanga ammatti harkifachuu ibsuun, ji’ootaa lamaan dhufan keessatti yoom gara hojiitti akka galu kan ibsinu ta’a jechuun Addis Maaledaatti himaniiru.
Akkasumas qorannoon piroojektichaa erga xumuramee booda hojiin isaa dhibbantaa 49 sharafa alaa kan barbaadu ta’uu isaatiin hojii deeggaraa biyya alaa barbaaduu, hojjetameen Tarkii,Dubaay,Kuwaatar Kooriyaarraa filannoon adda addaa dhufee ture.kanaanis Taaworii Boca Mosoobii fi Odaa irratti hirmaachuuf abbootiin qabeenyaa doolaara biiliyoona 1 qabachuun dhufan jiraachuus eeraniiru.
Akkasumas Piroojektii Taaworii Boca mosoobii;misooma Riil isteetii, ijaarsa warshaa simintoo akkasumas ijaarsa daandii irratti hirmaachuuf abbootiin qabeenyaa doolaara biiliyoona 10 qabachuun dhufan jiraachuu ibsaniiru.
Abootiin qabeenyaa Kuweet humna guddaa qaban dhufanii kan turan ta’us, dursanii gaaffii wabii walabummaa dhiheessaniif, mootummaan yeroo sanatti kennuu dhabuu isaatiin deebi’anii deemaniiru;piroojektichis kaardii akeekachiisa ibsee argamaadha kan jedhan.
Kun kan ta’e, ji’a shan dura akka ta’e ibsuun,nuti simanna dadhabuun keenyaan,kanneen biroo ammoo simannaa danda’u isaaniitiin wanti nu jala bahee jira jedhaniiru.
Abbootiin qabeenyaa Kuweetis Yugaandaa deemuun wabiin walabummaa kennamneefi investimentii guddaa irratti hirmaataa jiru jedhaniiru.
Abbootii qabeenyichaa ammas waamichi yoo taasifamee fi gaaffii wabii gaafatan kan kennamuufi yoo ta’e, dhufuuf qophiidha;ta’us dadhabanii waan deemaniif hogganaa biraa waliin haasa’uuf fedhii hin qaban;dhufuu kan danda’an yoo ministirri muummichaa affeeran qofadha jechuun dubbataniiru.
Abbootiin qabeenyaa kunneen waliin ta’uun hojjechuuf sharafa alaa qabatanii dhufan, waggoota soddomatti bu’aa isaanii sharafa alaatiin fudhatanii akka deebi’anii Mootummaan dursee beekuu akka qabu wabii isaan barbaachisadha kan jedhan.
Itti dabaluunis Abbootiin qabeenyaa kunneen waggoota soddoma keessatti mallaqaa isaanii fudhatanii erga bahanii booda, piroojektichi kan Hawaasaa akka ta’us ibsaniiru.
Kanaan dura piroojektichi Finfinnee bakka Hoteelli Gannat jiru irratti akka ijaaramuuf karoorfamuu kaasuun, bakka isarra fooyya’aa ta’e barbaaduun jijjiirraan bakka jiraachuu akka danda’us eeraniiru.
Kanaan dura kaareen Kuma 30 qabameefi kan ture amma kaaree Kuma 50 akka barbaachisu eeruun, bajanni yeroo qabameefi birriin biiliyoona 20,sababa daballii gatii simintoo, sibiilaa fi bobba’atiin sirrerffamni bajataa jiraachuu akka danda’uun fi hanga birrii biiliyoona 25 gaha jedhamee tilmaamadha kan jedhan.
Fooyya’insi dizzaayinii taasifamuu kaasuun, gamoowwan gosa akkasii qulqulleessuuf rakkisaa ta’uu isaatiin, gamichi ofii isaa of qulqulleessuu akka danda’u, sistemii soolaarii akka qabaatu, misooma magariisaa waliin wal qabatee akka deeman, walumaan galatti ogummaa gamoo ammayyaa waliin wal simsiisuuf fooyya’insi ni taasifama jedhaniiru.
Piroojektichi karoora waggaa shanii komishinii karooraa keessatti hammatamee akka jiru kan ibsan hoggantichi, Kunis bajata mootummaa kan gaafatu osoo hin hin taane Mootummaan lafa kennuu hawaasa waliin kan hojjetamu akka ta’e ibsaniiru.
Piroojektichi Afriikaattis ta’e Itoophiyaatti ibsituu addaa hawaasaa jalqabaa ta’uu, akkasumas seenaa ogummaa gamoo Itoophiyaa guddaa duraa deebisanii fiduun kan hin danda’amne ta’uu kaasanii, Finfinneetti Taaworii Boca mosoobii, Oromiyaatti Taaworii Odaa, Hawaasatti Taaworii shaafetaa, Bashir Daaritti Taaworii Gilgilii akkasumas naannolee biroottis ibsituu addaa tokko hojjechuuf karoorfamuu himaniiru
Piroojektii kana fakkaatu, gidduu gala hoteelaa fi turizimii, carraa hojii uumuu, hawwata turizimiif gahee guddaa akka qabu, kan kaasan hoggantichi piroojektichi Taaworii Boca mosoobiin carraa hojii miiliyoona 12 ol kanneen biroo ammoo tokkoon tokkoon isaanii carraa hojii Kuma 5 ni uumuudha kan jedhan.
Hoggantichi piroojektichi bara 2008 yaada abbaa darbii 25 eegalame gara abbaa darbii 40’tti achi booda gara abbaa darbii 70 guddachuu isaatiin Abbaa qabeenyummaa kalaqaa akka qabaatu taasifamus yaadachiisaniiru.
አዲስ ማለዳ Waxabajjii 11 2014 No 53


