Naannoo Biiniishaangulitti kan argamu godina Kaamaashii keessa albuudni adda addaa yoo jiraates; sababa rakkoo nageenyaa uumameetiin yeroo ammaa hojiin albuuda baasuu addaan cite akka jiru jiraattonni Addis Maaledaatti ibsan.
Kanaanis dureeyyonni Finfinnee, naannolee Amaaraa fi Oromiyaatii achi dhaquun hojjetaa turan baay’een bakkicha gadhiisanii bahuu isaanii himaniiru.
Jiraattonni waldaadhaan gurmoofnee dureeyyotaa wajjin hojjechuun fayyadamna jechuun ibsanii; yeroo ammaa garuu waldaadhaan gurmaa’anii eegaa yoo jiraatanis dureessa hojjechuu danda’u akka hinargatin ibsaniiru.
Fakkeenyaafis albuuda meetii bakka tokko jiru baasuuf waldaan gurmaa’anii eegaa akka jiran ibsuun; haalli itti hojjechuu dandeenyu yoo uumame albuudni barbaannee arganne baay’eetu jiru jedhaniiru.
Godinichatti magaalaa Kamaashiikeessa kan jiraatan Ejersoo Alamaayyoo Addis Maaledaatti akka himanitti; keessumattuu hojii dhakaa cilee baasuu irratti kan bobba’an dureeyyonni 200 ta’an wajjin gurmaa’uun hojjetaa yoo turanis; godinichatti rakkoon nageenyaa erga uumamee kaasee hojii dhaabaniiru.
Wayita nagaan turetti hojiin albuuda karaa seeraan alaatiin baasanii gurguruu jiraachuus eeranii; keessumattuu albuuda ometiist jedhamu gara naannoo Oromiyaatti geessuun kiiloon tokko birrii 500tti gurguramaa akka ture eeraniiru. Itti dabaluunis namoonni baay’een borsaa isaanii keessa dhoksuun albuuda kiiloo tokkoo fi lama gurguraa akka turan kaasaniiru.
Aanaalee godinichatti argama hunda keessa kuufamni albuudaa hedduun jiraachuu kaasuunis yeroo ammaa garuu qaamni bitu waan hinjirreef qaamni qotu hinjiru jedhan.
Wayita nagaan turetti godinicha keessaa hojii albuuda baasuutti bobba’anii kan turan dureeyyota Itoophiyaa ta’uu erga ibsanii booda; kubbaaniyyaan biyya alaa tokko aanaa Agaloo gandoota 14tti waldaadhaan gurmeessee warqii baasuuf socho’aa akka ture himaniiru.
Yeroo sana dureeyyonni waldaalee gurmaa’anii wajjin yoo hojjetan dhibbeentaa 70 dureessichaaf; dhibbeentaan 30ni immoo waldaadhaaf qoodamaa kan ture yoo ta’u’; amma garuu ministeerri albuudaa hojmaaticha fooyyesseera odeeffannoo jedhu dhaga’uu isaanii eeraniiru.
Godinni Kaamaashii yeroo dheeraaf rakkoo nageenyaa akka qabu kan beekamu yoo ta’u; yeroo ammaatti raayyaan ittisa biyyaa bakka adda addaa galeera jedhan.
Kuufama albudaa godinichatti ni argama jedhamu keessaa fakkeenyaaf Warqii, ku’aartiiz, dhakaa cilee, Ometist, meetii, ibnebarad, ixaana, akkasumas dhakaan maxaaxisii ‘magnetic stone’ fi ‘opal’ albuudota hineeramin wajjin baay’inaan akka argaman eerameera.
Itoophiyaan qabeenya albuuda ishee galmeessuun kaa’uu fi faayidaa dinagdeetiif oolfachuuf kan itti tajaajilamtu piroojeektii daataa beezii albuudaa bocuun socho’aa akka jirtu ministeerri albuudaa ibsuun isaa ni yaadatama.
Piroojeektiin daataa beezii albuudaa Itoophiyaa keessa albuudota jiran bakka itti argamanuu fi hanga isaanii beekuuf akka gargaaru ibsameera.
Addis Maaledaan hojiiwwan albuuda qotuu sababa nageenyaatiin rakkoon mudateef odeeffannoo dabalataa ministeera albuudaatii argachuuf yoo yaaltes utuu hinmilkaa’in hafeera.


