Walitti bu’iinsa naannolee Sumaalee fi Affaar

0
1080

Mootummaa federaalaa fi naannolee gidduutti; akkasumas naannolee gidduutti waldhabiinsa yookaan walitti bu’iinsa uumamuu danda’u kamiinuu hanga danda’ametti waliigalteedhaan hiikuuf tattaaffiin taasifamuu akka qabu seerri ni gorsa.

Qaamoleen lama dhimma isaanii mariin hiikkachuuf tattaaffii danda’an gochuu akka qabanuu fi kana gochuufis kan kanaan hundeeffames ta’ee gurmaa’insa hariiroo fi hojmmaata biraa raawwachuu akka barbaachisu ni dubbatama.

Garuu immoo; wal dhabiinsaa fi walitti bu’iinsa waliigalteedhaan hiikuun yoo hindanda’amne walitti bu’iinsi akka kanaa aangoon walitti bu’iinsa mootummootaa murteessuu kan kennameef mana maree federeeshiiniitti dhiyaachuu akka qabu wayita himamu ni dhaga’ama.

Seera hordofuudhaan rakkoo nageenyaa fulla’insaan hiikuun waan hindanda’aminii fi manni maree federeeshiiniis rakkoowwan dhimmichaaf ka’umsa ta’an jalqaba irraa kaasee dhabamsiisuu dadhabuu isaatiin gaaga’amni nageenyaa yeroo yerootti wayita ka’u mul’ata.

Kana keessaa immoo walakkaa jaarraa tokkoo ol kan turee fi furmaata sirrii waan hinargatiniif yeroo yerootti kan ka’u keessaa walitti bu’iinsi Affaarii fi Sumaalee ni eerama.

Naannoleen lamaan sababa daangaa lafaatiin yeroo adda addaatti walitti bu’iinsa keessa haalli itti seenan ni jira. Gandoota daangaa naannolee Sumaalee fi Affaaritti torbeewwan lama dura akkasuma walitti bu’iinsi ka’uun isaa ni beekama. Rakkoo kana fulla’insaan furuufis naannoleen lamaan waliigaluun isaanii himameera.

Gandoota daangaa waliinii Gadaamaayituu, Andhufoo fi Garba’isee jedhamanitti walitti bu’iinsi uumamaa ture  du’aa fi godaansa hordofsiisuu irra darbee naannolee lamaan walitti wayita buusu hubatamaa tureera.

Pirezidaantiin mootummaa naannoo Affaar Awwal Arbaa magaalaa Jigjigaatti argamuudhaan gita isaanii naannoo Sumaalee Musxafee Mahaammadii fi abbootii aangoo biraa wajjin marii taasisaniiru. Xumura waliigaltichaa irrattis waliigaltee furmaata fulla’aa fiduu danda’u irra gahameera jedhameera.

Marii fi waliigaltee hooggantoota naannolee lamaanii gidduutti taasifame ilaalchisee yaada isaanii bilbilaan Doochee Veeleetti ibsanii kan turan pirezidaantii itti aanaan mootummaa naannoo Sumaalee Ibiraahim Usmaan; waliigaltichaan dhimmi dursaan humnoonni hidhatan naannolee walitti bu’iinsaa keessaa akka ba’anuu fi humnoonni nageenyaa federaalaa gara bakkeewwan adda baafamanii kanatti akka galan kan jedhu ta’uu ibsaniiru.

Akka ibsa Ibiraahimitti hawaasa waggoota dheeraaf waliin jiraate gidduutti nageenya buusuuf mariin sadarkaa sadarkaadhaan ni taasifama jedhameera.

Walitti bu’iinsa yeroo adda addaatti tureen namoota qe’e isaanii irraa buqqa’an gara qe’e isaaniitti deebisuu fi deeggarsa barbaachisu akka argatanu taasisuuf ejjennoon waloo qabamuu kan eeran Ibiraahim; gama nageenya fulla’aa diriirsuutiin hundumtuu ga’ee isaa akka bahu waliigalamuu ibsaniiru.

Teessoo mootummaa naannoo Sumaalee kan taate Jigjigaatti marii taa’ame irratti ministira nageenyaa Binnaalf Andu’alem dabalatee qondaaltonni olaanoon naannoo Sumaalee fi Affaar argamuun isaanii ni yaadatama.

Gama biraatiin; marichaan dura hongee naannoo Sumaalee mudateef kan oolu deeggarsa birrii miliyoona kudhanii pirezidaantiin mootummaa naannoo Affaar Awwal Arbaa hooggantoota naannoo Sumaaleetti kennaniiru.

Mootummoonnii fi pirezidaantonni naannolee Affaarii fi Sumaalee rakkoowwan isaanii fulla’insaan furuuf wayita rakkoon uumamu walitti dhufuun kan maryatanu yoo ta’es; mariiwwan hanga ammaatti jiranuun garuu wanti lfa qabate hinjiru.

Addis Maaledaan walitti bu’iinsa naannolee lamaan gidduutti uumaman maaliif furuun hindanda’amin? Yeroo itti aanutti maaltu yaadamuu qaba kan jedhuu fi gaaffiiwwan biraa gaafatteetti.

Miseensa Adda Biliisummaa Biyyaalessaa Ogaadan kan ta’an Ahimad Muhaammad akka jedhanutti; gama mootummaa Sumaalee fi Affaariin rakkoo nageenyaa irra-deddeebiin uumamuuf sababni inni tokko xiyyeeffannaan gama mootummoota naannolee lamaaniitiin jiru gadaanaa ta’uu dha.

Kun utuu kanaan jiruu rakkoon torban lama dura gama naannolee lamaaniitiin lafa sababa godhachuun uumame barbaachisaa hinturre. Uummannii fi mootummaan naannoo Sumaalee wayita Alshabaab wajjin waraana irra turanitti bulchiinsii fi humni addaa Affaar uummata Sumaalee irratti miidhaa raawwataniiru jedhan.

Sababa kanaan daa’imman, abbootiin warraa fi kan biraa 200 ta’an akka ajjeefamanii fi balaa kanatti paartiin isaanii akka gadde ibsaniiru.

Itti dabaluunis rakkoowwan nageenyaa irra-deddeebiin uumanuu fi ka’anu fulla’insaan furamuu hafuun immoo mootummoonni naannolee lamaanii rakkinicha furuuf yaada akka hinqabne agarsiisa jedhaniiru.

Ummanni Sumaalee fi Affaar kan wal irraa horan ta’uu isaaniitiin dabalatatti aadaa fi afaaniin dhibbeentaa 50 ol walfakkaataa akka ta’anii fi haalli jireenya isaanii utuu hinhafin waan walfakkaatuuf walitti bu’iinsa keessa seenuu hinqaban jedhaniiru.

Miseensichi itti dabaluunis; ummanni naannolee lamaanii yeroo itti aanutti nageenya mirkanaa’e akka argatanuu fi rakkinichi fulla’insaan akka furamu yoo yaadame abbootii amantaa, dursitoota aadaa dhagahamummaa uummataa qaban, hayyootis walitti qabamuun rakkinicha furuu fi furmaanni xumuraa akka argamuuf gochuu akka barbaachisu eeraniiru.

Dura taa’aan Paartii Haqummaa Diimookiraatawaa Ummata Affaar Muhaammad Daawud gama isaaniitiin; gama naannolee Affaarii fi Sumaaleetiin sababa lafaa yookaan daangaatiin walitti bu’iinsa keessa seenaniiru jechuun kan afarfamu dogaongora jedhan.

Naannoon Affaar naannolee Amaaraa, Oromiyaa, Tigiraayii fi Jibuutiidhaan kan wal daangessuu dha.

Duta taa’ichi itti dabaluunis lafa kan naannoo Affaar ta’e naannoo Sumaalee kan hindaangessine akka waan wal daangessuutti ibsuu fi akka kan bulchiinsa isaanii ta’eetti kaasuun yeroo yeroon weeraruuf yaaduun lammiiwwanii fi qaamolee nageenyaa naannichaa dabalatee ummata Affaar irratti qaaxxee raawwachuuf tattaaffiin ni taasifama jedhaniiru.

Gama kanaan lammiiwwanii fi humni addaa Affaar ofii isaanii fi naannoo isaanii ittisuuf too’annaa cimaa akka taasisan dubbataniiru.

Humni addaa naannoo Affaar dhiyeenya kana gama naannoo Sumaaleetiin rakkoo uumuuf sochiin jalqabamee kan ture yoo ta’es; rakkoo uumame too’achuun akka danda’ame eeraniiru.

Kanaan alatti ummata naannoo Sumaalee irratti gama mootummaa fi ummata Affaariin qaaxxees ta’ee ajjeechaan siruma hinraawwatamne jedhan.

Gama naannolee Affaarii fi Sumaaleetiin boora’uu nageenyaa irra deddeebiin uumamuuf mootummoonni naannolee lamaanii maryachuun dhimmicha fulla’insaan furuu dadhabuun isaanii irra-deddeebiin ka’uu rakkinichaatiif sababa eeramu ta’uu ibsan.

Dura taa’ichi ittuma dabaluun; yeroo yeroon tuttuqaa kaasuuf yaaluurra mootummoonni naannolee lamaanii fi qaamoleen dhimmicha keessaa gahee qaban maryachuun rakkinicha fulla’insaan akka furan gaafataniiru.

Daarikteerri itti aanaan yaa’ii mirgoota namoomaa Itoophiyaa Zayyadee Gabre Tsaadiq Addis Maaledaatti akka himanitti; naannolee Affaarii fi Sumaalee gidduutti haalli walitti bu’iinsi itti uumamu jiraachuu taajjabneerra jedhu.

Yaa’ichi naannolee lamaan gidduutti walitti bu’iinsa kanaan dura uumameen gama lamaaniinuu da’imman, maanguddoota fi namoota biraa irra miidhaan ga’ee akka ture ibsaniiru. Mootummaan rakkoowwan irra-deddeebiin uumaman kana akka furuu fi furmaata fulla’aa akka kaa’u yaa’ichi beeksisuus ibsaniiru.

Gauu immoo; hojiin guddaa fi kallattii kaa’uun kan mootummaa yoo ta’es; ammas haala rakkoon uumamuu itti danda’u jiraachuu taajjabneerra kan jedhan yoo ta’u; mootummaan rakkinicha akka furu gaafataniiru.

Yaa’iin mirgoota namoomaa Itoophiyaa walitti bu’iinsa dhiyeenya kana naannolee Affaarii fi Sumaaleetti uumaman ragaadhaan deeggaree calaluun yeroo itti aanu gabaasa isaa ummataaf, mootummaa fi qaamolee dhimmicha keessaa qooda qabanitti akka beeksisu eeraniiru.

Walitti bu’iinsi daangaa naannolee Sumaalee fi Affaar gidduu jiru kan ture yoo ta’u; waggoota lama duraa jalqabee namoonni baay’een kan itti du’an walitti bu’iinsa daangaa akka ta’es ni amanama. Kanaan dura naannolee Affaarii fi Sumaalee gidduutti mariin kan taasifamaa akka jiru yoo himames; hojii irra oolee argaa jirra jechuuf akka nama hindandeessisne namoonni kaasan ni jiru.

Ummanni naannolee lamaanii aadaa walfakkaatu akka qaban akkasumas gaa’ilaan walitti hidhamanii akka jiraatan kan himamu yoo ta’u; faayidaa siyaasaaf jecha ummata nyaatee fi dhugee hinbulle ficcisiisuun sirrii akka hintaanes kan dubbatan inuma jiru.

Daangaa Affaarii fi Sumaalee irratti kan argaman bakkeewwan daangaa Adaa’ituu fi Garba’isee bakkeewwan jedhamanitti waldhabdee uumameen lubbuun namootaa kan darbe yoo ta’u; rakkinichi naannolee lamaan gidduutti burjaajjii olaanaa hordofsiisee akka ture kan yaadatamuu dha.

Addis Maaledaan dhimmicha irratti irra-deddeebiin kan hojjette yoo ta’u; dhiyeenya kanas rakkoo nageenyaa naannolee Affaarii fi Sumaalee gidduutti uumameen lammiiwwan qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’an ni jiru. Waa’ee dhimmichaa qulqulleessuuf tattaaffiin gara qaamolee mootummaa dhimmichi isaan ilaaluutti taasisteef garuu deebii hinarganne.


አዲስ ማለዳ Hagayya 14 2014 No 62

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here