Waraana marsaa sadaffaa dhiyeenya kana ka’e hordofee magaalota godina Walloo kaabaa adda addaa keessatti Wixata Hagayya 23 bara 2014 jalqabee tajaajilli baankii kamiyyuu addaan cite akka jiru Addis Maaledaan jiraattota irraa mirkaneessiteetti.
Kanaanis waraanichaan kan miidhamte magaalaa Qobboo dabalatee magaalonni akka Waldiyaa, Wucaalee, Siriinqaa, Marsaa fi Urgeessaa; hanga gabaasni kun qindaa’etti (guyyoota afurii ol) baankonni hundi tajaajila kennaa akka hinjirre ibsameera.
Jiraataan magaalaa Waldiyaa tokko akka dubbatanitti; magaalattiitti Wixata irraa jalqabee tajaajilli baankii kan addaan cite yoo ta’u; gaafa Sanbata duraa nama tokkoof hanga birrii kuma lamaa kennuudhaan amma tokko hojjetaa turan jedhaniiru.
Ta’us gaafa Roobii baankiin Abbaay bane yoo tures; namoonni wayita fiiganii dhaqan utuu birriin hinkennamin wayituma sana cufamuu danda’eera jedhan. Itti dabaluunis; “birrii hinqabnu gara Dasseetti geessineerra jedhu” jechuun; koompiyuutarootaa fi meeshaalee biraa geejjibuun baankonni gara magaalaa Dasseetti geessan jiraachuu ibsaniiru.
“Baankonni maal akka yaadan yoo hinbeeknes; utuu bananii rakkoon kamiyyuu isaan mudata jennee hinyaadnu” jechuunis dubbataniiru
“Baankonni yoom hojii akka jalqabanus hinbeeknu; bulchiinsi magaalichaa dhaabbileen mootummaa fi dhuunfaa hojiitti akka galan gaafa Roobii ajaja yoo kennes; barii isaa humna ibsaatiin ala dhaabbanni waajjira bane hinturre” jechuunis eeraniiru.
Hata’u malee; Kamisa irraa jalqabee sochiin magaalattii kan tasgabbaa’e fakkaata jechuun ibsanii; jiraattonni gara Dasseetti baqatanii turan deebi’aa akka jiranuu fi waajjiraaleen mootummaas muraasni gara hojiitti galuu isaanii eeraniiru. Kamisa irraa jalqabee baajajii fi konkolaattonni gara sochiitti deebi’uu isaanii; suuqonni banamuu fi sochiin magaalatti kan fooyya’e ta’uu kaasuunis; sagaleen meeshaalee waraanaa gurguddaa duraan magaalaa Waldiyaa irraa dhiyeenyatti dhaga’amaa tures guyyaa kana akka hindhaga’amne eeraniiru.
Magaalaa Laallibalaa ilaalchisuunis; kantiibaa itti aanaan bulchiinsa magaalichaa Tasfaa Habtee akka ibsanitti; hanqina maallaqaa baankonni nu mudateera jedhaniin gaafa Wixataa irraa kaasee addaan ciccituun tajaajilaa tureera.
Kanaanis hojjettoonni mootummaa miindaan waan hinkaffalaminiif gaaffii dhiyeessuu isaanii hordofee hooggantoota baankii wajjin mariin taasisuun rakkinicha furuuf yaalii taasifame ibsaniiru.
Namoonni baay’een maamiltoota baankii daldalaa waan ta’anii fi baankichi konkolaataan yoo naaf ramadame maallaqa bakka biraatii fideen tajaajila kenna waan jedheef; konkolaataa fi qaamni nageenyaa ramadameefii maallaqa bakka biraatii fidee gaafa Wixataa tajaajila kennaa ooluu isaa dubbataniiru.
Hata’u malee; maallaqichi gaafuma sana dhumuu isaatiin gaafa Roobii irra-deebiin fichiciicuun tajaajila kennaa ooluu isaa akkasumas hanqina maallaqaatiin kan ka’e hojiitti kan hingalin baankii Abbaay irraa kan hafe baankonni Hibiratii fi Abisiiniyaan gaafa Kamisaa gara hojiitti galuu isaanii beeksisaniiru.
Maamiltoonni tajaajila hanga birrii kuma shaniitti daangeffame kan argachaa jiran yoo ta’u; gahaa yoo jedhamuu baates hojiin tasgabbiif ta’u hojjetamaa jiraachuu eeran.
Hojjettoota mootummaa fi hooggansa walitti qabuun haala amma jiru irratti generaalotaan odeeffannoo sirriin waan kennameef; hojjettoonni mootummaa hojii isaanii akka hojjetan; ummannis akka tasgabbaa’u taasifameera jedhaniiru.
Magaalaa guddoon Walloo kibbaa Dasseettis haala wal-fakkaatuun guyyoota muraasaaf tajaajilli baankii kan addaan cite ture yoo ta’u; Roobii booda baankonni tajaajila kennuu jalqabuun isaanii beekameera. Hata’u malee namoonni waa’ee waraanichaa yaadda’an magaalota Waldiyaa fi kan biraatii gara magaalattiitti waan galaniif dabareen olaanaan jiraachuun isaa ibsameera. Namni tokko birriin baasuu danda’u olaanaan isaa birrii kuma lamaa ol akka hintaane ibsameera.
Jiraattonni birrii baankii keenye utuu qabnuu fayyadamuu dadhabuu keenyaafis rakkoo bu’uraatu nu mudataa jira jechuun ibsaniiru.
Yeroo rakkisaa akkasiitti baankonni cufamuun isaanii rakkoo lammiiwwanii caalaatti waan hammeessuuf; dhaabbileen kun sababoota maallaqni dhumeera jedhuu fi kan biraatiin tajaajila addaan kutuu isaaniitiin komatamaa turaniiru.
አዲስ ማለዳ Ogosto 28 2014 No 64


