Interpiraayizoota xixiqqaa fi giddugaleessaatiif dabalataan bajati liqii doolaara miliyoona 200 qabamuufii piroojeektiin faayinaansii interpiraayizii xixiqqaa fi giddugaleessaa Addis Maaledaatti ibse.
Bajatichi kan argame liqii baankii adunyaa irraa yoo ta’u; interpiraayizoota faayinaansiidhaan deeggaruuf Fulbaana jalqabame kana irraa eegaluun waggoota sadiif hojii irra oola jedhameera.
Liqichi kan dhiyaatu karaa baankii misoomaa Itoophiyaatiin ta’ee; liqii hayyamame faayinaansii liizii fi liqii hoji-raawwachiituutiin kennuuf hojiin waajjira keessaa qofti akka hafe ibsameera. Liqin amma hayyamame kanaan dura interpiraayizootaaf deeggarsa taasifamaa ture itti fufsiisuu fi kanaan dura kan liqii hinargatin akka argatanu dandeessisa jedhameera.
Piroojeektii faayinaansii interpiraayizii maayikiroo fi xixiqqaatti hoogganaan koomunikeeshiinii Warradaqaal Gabre Kiristoos; liqichi karaa bankii misoomaa Itoophiyaatiin darbee karaa baankota biraatiin interpiraayizootaaf akka kennamu Addis Maaledaatti himaniiru.
Baankichi kan akka hayyama daldalaa; waliigaltee kiraa bakka hojii; qabdii duraa fi ulaagaalee kana fakkaatan baasuun liqicha akka kennu eeraniiru. Itti dabaluunis liqichi dhala xiqqaadhaan akka dhiyaatu eeruun; dhalichi hojmaata dhala baankiitiin murtaa’a jedhan.
“Interpiraayizoonni xixiqqaan dhaabbilee faayinaansii maayikirootiin deeggaramu; interpiraayizoonni gurguddaan baankota irraa deeggarsa faayinaansii argatu” kan jedhanhooggantichi; piroojeektichi kan qophaa’e giddugaleessa irra kan jiranuu fi rakkoo kaappitaala hoji raawwachiistuu fi liqaa qaban interpiraayizoota xixiqqaa fi giddugaleessaa gargaaruuf akka ta’e ibsan.
Kanaaf liqicha damee oomishaatti kan bobba’anii fi ramaddii xixiqqaa fi giddugaleessaa keessa kan jiran interpiraayizoonni biyyattii keessa jiran hundi akka argatanu ibsaniiru.
Interpiraayizoonni piroofoormaa walitti qabaniin bu’a-qabeessummaan isaanii qoratamee meeshaa liqiidhaan kan fudhatan yoo ta’u; boodas dabtara abbaa qabeenyummaa meeshichaa akka argatanu himameera.
Hojiiwwan waggoota shan keessatti hojjetamaniin interpiraayizoota kuma sadii fi 300 oliif doolaara miliyoona 200 fi miliyoona 40 ol baasuun maashiiniin liiziidhaan akkasumas liqii hoji raawwachiistuu karaa baankii misoomaa Itoophiyaa akka argatan taasifameera jechuun hoogganaan koomunikeeshiinii kun itti dabalaniiru.
Akkasumas piroojeektichaan interpiraayizoota guutummaa biyyattiitti argaman kuma tokkoo fi 200 caalanuuf leenjiiwwan ijaarsa dandeettii adda addaa kennamaa turuu itti dabalaniiru.
Dabalataanis interpiraayizoonni 33 immoo baazaarota biyyoota alaatti qophaa’anitti hirmaachuun kaampaanota biyyoota alaa wajjin walitti dhufeenya akka uuman taasisuun danda’amuun eerameera.
Piroojeektiin faayinaansii interpiraayizii xixiqqaa fi giddugaleessaa waggaa shan dura hojii wayita jalqabe interpiraayizoonni xixiqqaa fi giddugaleessaa kuma torba hincaalle jiraachuun kan ibsame yoo ta’u; yeroo ammaatti deeggarsa isaaniif taasifamuun baay’inni isaanii kuma 21 ol gahuun himameera.
Piroojeektiin faayinaansii kunis baankii misoomaatiin walitti hidhamuun rakkoo tajaajila misooma faayinaansii fi daldala interpiraayizotaa furuuf bajata raawwii dabalataa waggoota sadiif hayyamamuun isaa fedhii faayinaansii damee kanaa furuu fi deeggaruuf carraa akka uumu eerameera.
አዲስ ማለዳ Fulbaana 21 2015 No 68



