Bakkawwan magaalaa Finfinnee irraa gara Oromiyaatti daangeffamanitti tajaajilli bittaa fi gurgurtaa addaan cite

0
746
  • Tajaajilichi gara naannoo Oromiyaatti naanna’eera

Daangaan magaalaa Finfinnee fi godina addaa Oromiyaa daangeffamuu isaa hordofuun; bakkawwan gara naannoo Oromiyaatti daangeffamanitti tajaajilli bittaa fi gurgurtaa manaa fi dhorkaa addaan cituu Addis Maaledaan dhageesseetti.

Qaama bulchiinsa magaalaa Finfinnee kan turanii fi magaalaa Finfinnee jalatti tajaajilli kan itti kennamaa ture manneen hojii mootummaa; gurgurtaan, bittaan, maqaa jijjiiruu fi tajaajilli dhorkaa erga addaan cite booda bakkeewwan kanatti bittaa fi gurgurtaan manaa dhaabbateera.

Ragaalee bakkawwan magaalaa Finfinnee irraa gara naannoo Oromiyaatti jijjiiramanii bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi naannoon Oromiyaa uchuun isaniis dhaga’ameera.

Wal harkaa fuudhinsi ragaalee yoo raawwatames; naannoon Oromiyaa tajaajila kennuu hinjalqabne. Naannichi bakkawwan magaalaa Finfinnee irraa fudhateef tajaajila kennuu yoom akka jalqabuu fi tajaajilichi eessatti akka kennamu wanti sirriitti beekamu akka hinjirre tajaajilamtoonni Addis Maaledaan dubbiste himaniiru.

Bakkawwan gara naannoo Oromiyaatti daangeffamanitti bittaa fi gurgurtaan manaa akkasumas tajaajila dhorkaa argachuuf tajaajilamtoonni gara sanatti qajeelan tajaajila argachuu dadhabuun rakkataa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajilicha argachuuf tajaajilamtoota kutaa magaalaa Aqaaqii-Qaallittiitti argaman keessaa hojjetaan baankii maqaan isaanii akka ibsamu hinbarbaanne; maallaqa hojii dhuunfaatiif nama irraa liqeeffatan kaffaluuf mana isaanii wabummaan qabsiisuun baankii itti hojjetan irraa maallaqa liqeeffachuu yoo barbaadanis tajaajilichi addaan cituu isaatiin rakkachuu isaanii eeraniiru.

Tajaajilicha argachuu kan dadhaban manicha wabummaan qabsiisanii liqeeffachuuf dursanii dhorkaa manichaa baankichaaf dhiyeessuu waan qabanuu fi tajaajilli dhorkaa waan addaan citeefi. Namoonni tajaajila barbaadan gara duraan tajaajilicha argatanutti yoo qajeelanis deebiin kennamuuf “gara Oromiyaatti daangeffameera; dhaqaa gaafadhaa” kan jedhu ta’uu hojjetaan baankii kun ibsaniiru.

Hojjetaan baankii kun itti dabaluunis bakkichi gara naannoo Oromiyaatti yoo daangeffames jiraattota magaalaa Finfinnee ta’uun keessan itti fufa erga jedhamee booda; tajaajilichi Finfinnee keessaa ba’uun isaa tajaajilamtoota irratti komii akka uume eeraniiru.

Bakkawwan qaama Finfinnee turanii fi gara naannoo Oromiyaatti daangeffamanitti jiraattonni argaman jiraattota magaalaa Finfinnee ta’anii akka itti fufan kantiibaa Adaanach Abeebee ibsuun isaanii kan yaadatamuu dha. Hata’u maleejiraattonni kan tajaajila argatan naannoo Oromiyaatti akka ta’ee fi bulchiinsi magaalichaa hojii fayila dabarsuu raawwachuu isaa dhaga’uun isaanii komii itti uumeera.

Dhimmi daangaa Finfinnee fi naannoo Oromiyaa falmisiisaa kan ture yoo ta’u; murteen daangaa daangessuu erga murtaa’ee boodas keessumattuu gama paartilee siyaasa mormitootaatiin qeeqni isa mudateera. Paartileedhaan dabalatatti gara naannoo Oromiyaatti daangeffamuu isaanii tasa akka dhaga’an kan ibsan jiraattonni gara naannoo Oromiyaatti daangeffaman “murtichi kan murtaa’e utuu hinbeekinii fi utuu irratti hinmaryatin” jechuudhaan komachuun isaanii hindagatamu.

Mootummaan gama isaatiin dangaa daangessuun wal-dhabdee daangaa magaalaa Finfinnee fi naannoo Oromiyaatiif fulla’insaan furmaata kennuufiif kan murteeffame ta’uu naaf beekaa jechuun isaa kan yaadatamuu dha. Murtichi mootummaa federaalaa; mootummaa naannoo Oromiyaa fi chaarterii bulchiinsa magaalaa Finfinnee kan bu’ureffate ta’uu isaa mootummaan ibseera.

Daangaa daangessuu kanaan manneen waliinii gara naannoo Oromiyaatti daangeffaman keessaa Koyyee Faccee’ Tulluu Diimtuu; hanga tokkoo fi Jamoo lakkoofsi lama kan keessatti argaman yoo ta’u; naannoo Oromiyaa keessaa immoo manneen waliinii Oromiyaa gara magaalaa Finfinneetti akka daangeffamu ta’eera.

Daangaa daangessuu kanaan walqabatee bakkeewwan magaalaa Finfinnee irraa gara Oromiyaatti daangeffame keessa jiraattonnigatiin gurgurtaa mana isaan daraan hir’achuun isaa dhaga’ameera.


አዲስ ማለዳ Fulbaana 28 2015 No 69

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here