- Paawundiin birrii 115 gaheera
Sharafni doolaarri tokkichi dhoksaadhaan (black market) itti gurguramu kan baankiitti ittiin sharafamu irra dachaa oliin dabaluun birrii 105tti gurguramaa jiraachuu Addis Maaledaan hordoffii taasisteen ilaalteetti.
Yeroo ammaatti doolaarii fi paawundiin gatii baankiitti ittiin sharafaman irra gatii dachaa ta’een dhoksaadhaan sharafamaa jiru. Hanga gabaasni kun qindaa’etti doolaarri tokko baankiitti birrii 52 fi saantima 63tti kan sharafamu yoo ta’u; garaagarummaan kan dhoksaan sharafamu waliin qabu birrii 52 fi saantima 37. Paawundiin tokko baankiitti birrii 57 fi saantima 13 yoo ta’u; garaagarummaan kan dhoksaan gurguramau waliin qabu birrii 57 fi saantima 87.
Hanga Fulbaana 26 bara 2015tti Addis Maaledaan magaalaa Finfinnee bakka gabaan dhoksaa kun itti raawwatamu naannoo Tiyaatira Biyyaalessaatti argamuun; namoota gabaa kana keessatti hirmaannaa qabanitti akka nama sharafatuutti dhiyaachuun calallii hojjetteen sharafni dhoksaa (black market) kun baay’ina doolaara namni sharafatu dhiyeessuu irratti hundaa’a. kanaanis doolaarri tokko bakka gabaa dhoksaa kanatti birrii 98 hanga 105tti yoo ta’u; namni doolaara sharafatu tokko doolaara 100 hanga 500 yoo dhiyeesse birrii 98 hanga 100tti sharafamaaf.
Gatiin sharafa doolaaraa gabaa dhoksaa kanaan akkaataa baay’ina doolaarichaatiin kan murtaa’u yoo ta’u; baay’inni doolaarichaa 500 hanga kuma tokkoo yoo ta’e gatiin sharafa doolaara tokkoo hanga birrii 103 herregama. Nama doolaara kuma tokkoo ol dhiyeesseef daldaltoonni gabaa kanaa doolaara tokko birrii 105tti herreguun akka kanfalan Addis Maaledaan bakkichatti argamuun hordoffii taasisteen taajjabdeetti.
Gatiin sharafa doolaaraa gabaa dhoksaa kanatti baay’ina doolaarii sharafataan dhiyeessu irratti kan hundaa’u yoo ta’es; bittaa fi gurgurtaan isaa duraa duubaan ta’uu hordofee kan daldaltoonni gabicha irratti bobba’an qaamolee “isaan ijoo” ittiin jedhan ni jiru. Kanaanis kan kallattiidhaan qaamolee “isaan ijoo” jedhaman wajjin hariiroo qaban yookaan doolaara bitan kan “isaan ijootti” dhiyeessan gatii ol kaasanii bitu sababni kun ta’eef caasaan gabaa dhoksaa doolaaraa namicha bite tokkichaan kallattiidhaan “isaan ijoo” bira yoo gahee fi; wal-harkaa fuudhinsi yoo itti heddummate immoo bu’aa qaamolee hojichatti bobba’anii irratti garaagarummaa waan qabuuf ta’uu Addis Maaledaan dhageesseetti.
Gatiin doolaaraa bittaa fi gurgurtaa dhoksaa keessatti ariitii dabaluun; yeroo hedduu dabalati gatii olaanaan kan irratti hinmul’anne gatiin bittaa fi gurgurtaa Paawundii; gatii baankiiti ittiin sharafamu irra dachaadhaan guddachuun pqqwundiin Ingiliizii tokko birrii 115tti gurguramaa jira. Gatiin sharafaa paawundiin bittaa fi gurgurtaa dhoksaan raawwatamu keessatti qabu kan murtaa’u akka kan doolaaraa baay’ina isaatiin yoo ta’es; baay’inaan paawundiin tokko birrii 115tti kan sharafamu yeroo tokkotti paawundiin kumni lamaa ol al tokkicha yoo dhiyaatee dha.
Itoophiyaa keessatti sharafni doolaaraa karaa seeraatiin baankiiti kan sharafamu caalaatti; baankiidhaan alatti dhoksaadhaan yookaan isuma kan baankiitiin cinatti gabaan isaa kan ho’e waggoota sadii fi afur walitti aanuun darbanitti ta’uun hubatameera. Garaagarummaan gatii sharafa baankiitti raawwatamuu fi kan seeraan-alaa kunis akkuma bal’atetti itti fufeera.
Maallaqni biyyoota alaa sharafni isaan baankiin alatti qaban bal’inni garaagarummaa isaanii kan guddate hanqinni sharafa alaa hammaataa waan dhufeef jechuun ogeeyyiin dinagdee akka sababaatti kaasu. Baankiin biyyaalessaa; ministeerri maallaqaa fi manneen hojii mootummaa adda addaa hanqinni sharafa alaa jiraachuu yeroo adda addaatti ibsaa turaniiru. Hanqinni kun maallaqa biyyoota alaa sharafa olaanaatti saaxiluu isaatiin alatti; hojiiwwan misoomaa mootummaan hojjetaman irraa kaasee hanga damee dhuunfaatti dhiibbaa faallaa salphaa hintaane qaqqabsiisaa jiraachuun irra-deddeebiin ni dhaga’ama.
አዲስ ማለዳ Fulbaana 28 2015 No 69


