Barattoota hingalmaa’in miliyoona 13

0
916

shamarri waggaa 12 Mintiwwaab Bagaashaaw (maqaan abbaa ishee kan jijjiirame) godina Wallaa-kaabaatii gara Finfinnee dhufte. Sababni ishee immoo waraanaan kan ka’e waggaa darbe abbaa ishee waan dhabdee fi achi jiraachuuf wantoonni rakkisaa ta’an waan jiranuuf.

Mintiwwaab waggaa darbe bara 2014tti barattuu kutaa shanaffaa kan turte yoo ta’u; obboloota dhiiraa fi shamarranii barnoota irra turanis ni qabdi turte. Hata’u malee sababa abbaan isaanii du’aniif maatiin isaanii akka duraaniitti itti fufuu hindandeenye.

Ilmi dhiiraa angaftii fi guddichi kutaa saddaatitti addaan kutuun hojii guyyaa hojjetaa jiraachuuf gara Dasseetti galeera. Haati isaanii ijoollee hafan lamaan qabachuun buufata qubannaa keessa jiraatu. Mintiwwaab immoo obboleettii haadha ishee (adaadaa) ishee wajjin jiraachuuf gara Finfinnee dhufte. Gara Finfinnee kan dhufte barnoota ishee itti fufuu fi jireeya fooyya’e jiraachuuf miti.

Adaadaan ishee mana xiqqoo keessatti hojii buna danfisanii gurguruu waan hojjettuuf achitti shiinii dhiquu fi hojiiwwan tokko tokko gargaaraa jiraachuuf yaaddeeti.

Waa’een barnoota isheehoo isa jedhuuf immoo barnooti waggaa darbe addaan kuttee turte baranas adda cite turuun waggaa dhufu bakka dhaloota ishee irraa kutaa shanaffaa gahuu isheetiif raga fiduun Finfinneetti galgala akka barattuuf yaadameera.

“Kun tattaaffii kiyyaan malee abjuun ijoollummaa ishee kan dhumate wayita abbaan ishee du’ee fi maatiin isaanii akka hinjirre ta’eedha” jetti; umurii dargaggummaa keessa kan jirtu adaadaan Mintiwwaab.

Wantiwwaab biratti waa’ee waraanaa dubbachuun dhorkamaa dha. Bakka isheen itti guddatte maqaa waamuu fi waa’ee turtii barnoota ishee; waliigalaan waa’ee jireenya ishee kanaan duraas akkasuma kaasuun yaadachiisuun hindanda’amu. Kun yoo ta’e imimmaan ishee tasa dhangala’a. tokkicha boo’uu yoo jalqabde kan ishee dhaabsisu hinjiru.

Kanaaf adaadaan ishee; jireenyi Mitiwwaab jireenya shamarranii fi dardarran hedduu akka bakka bu’u ibsuun; akkas ta’uun ishee ishee caalaatti anaan miidhaa jira jetti.

“Akka hiryoota ishee guyyaa guyyaa sirnaan barachuutu irra ture. Abbaa ishee dhabdeetti. Maatiin isaanii diigameera. Waggoota lamaaf barnoota addaan kutteetti. Umurii ishee kanaanis sagantaa barnoota galgalaatiin akka barattu yaaduun keenya kan nama qaanessuu dha. Dhuguma namoonni lubbuun hinjirree fi daa’imman barachuu hindanda’in hedduu waan ta’aniif jiraachuu ishee fi kan galgalaas yoo ta’e akka barattu carraa ta’uu isaa ibsuufii yaalaan jira” jetti adaadaan Mintiwwaab.

Ta’us sababa waraana kaabaatiin kan ka’e jireenyi Mintiwwaab utuu hinyaadamin gara Finfinneetti jijjiirameera. Hiryoonni ishee waggaa dhufu kutaa torbaffaa wayita gahan isheen kutaa shanaffaa; isumayyuu sagantaa galgalaatiin barachuuf yaalii taasisti. Haala kanaan carraan Mintiwwaab gara boruu maal ta’uu akka danda’u adaadaan ishee fi Mintiwwaab mataan ishee waanti beekan akka hinjirre hubachuun ni danda’ama.

Keessumattuu waraana kaabaatiin kan ka’e carraan akka Mintiwwaab kan isaan mudate; kana irra yoodarbes maatii isaanii dhabuun dhaabbilee guddistootaaf kan kennaman; qaaxxeen qaamaa fi koorniyaa kan irratti raawwatame; kan du’anii fi buqqifamanii eessa akka jiran kan hinbeekamne; bakka jiranuttis barachuu kan hindandeenye dardarraanii fi shamarran kumaa kitilli jiraachuun dhimma bal’inaan dubbatamaa turee dha.

Barnoonni biyya fooyya’e ijaaruu keessatti meeshaa amansiisaa ta’uu isaa irraa kan ka’e; biyyoonni baay’een carraa biliisaan barachuu irraa jalqabee dhaloota isaanii barsiisuuf wayita baay’ee tattaafatan mul’atu. Faallaa kanaatiin immoo biyyoota muraasa hintaane keessatti barnoonni sadarkaa maqaa qofaaf jedhmun maqaa barreessuuf yookaan dubbisuu fi barreessuuf; yoo ol guddates kaayyoo qacaramuuf fakkaatuun qulqullina gadi-bu’aadhaan wayita kennamus ni mul’ata.

Ta’us biyya tokkotti sirna barnootaa fooyya’e diriirsuuf sirna barnootaa milkaa’e; nagaa; horata gahaa fi kutannoo hordoffiif ta’u barbaachisa.

Hiyyummaa fi doofummaan lafee ishee dugdaa ta’uudhaan ardii yaadatamtu Afriikaatti garuu; waa’een barnootaa waggaa waggaadhaan haala hammaataa adeemuun kufaatii ardittii kan ta’e fakkaata. waggaa waggaatti guddattoonni miliyoona baay’eedhaan lakkaa’aman utuu barachuu hindanda’in wayita hafan yookaan barnoota eegalan addaan kutuuf dirqaman odeeffaannoon jedhu wayita bahu hubatama.

Barri barnootaa 2015 wayita jalqabamu manneen barnootaa hinjalqabin baay’een jiraachuun isaanii ni beekama. Waraanaa fi walitti bu’insaan kan ka’e barbadaa’uu manneen barnootaa; rakkoo nageenyaa; buqqa’iinsa maati fi ijoollee isaanii barsiisuuf humna dhabuu akkasumas hongeen bara barnootaa kana barattoota hedduu mana barnootaatiin ala akka taasisu ibsama.

Addis Maaledaan waggaa darbe wayita gareen Adda Biliisummaa Ummata Tigiraay naannoo Amaaraa bahaa gadhiisee bahe bakkicha keessa naanna’uun odeeffannoo argatteen; garichi kan weeraree ture godinaalee saddeetii fi aanaalee 87 keessatti dhaabbilee barnootaa kuma tokkoo fi 145 irratti saamichaa fi gochaa barbadeessuu raawwateera.

Kanaanis gamoowwan barnootaa baa’een; manneen yaalii (laboratories); manneen kitaabaa; galteewwan barnootaa fi meeshaaleen biraa waliigalaan birrii biliyoona jahatti siqu baasan barbadeeffamaniiru.

Kanaan kan ka’es barattoonni barnoota isaanii hordofuuf haalli daraan hammaataan waan isaan mudateef bara barnootaa 2014 naannoo Amaaraa qofa keessaa barattoonni miliyoona lamatti siqan rakkoo kanatti saaxilamuun barnoota irraa fagaataniiru jechuun naannichi beeksisuun isaa kan yaadatamuu dha.

Manneen barnootaa kun atattamaan suphamuun haala duraan turanitti deebisuun rakkisaa ta’uu mootummaan irra deddeebi’uun kan ibse yoo ta’u; naannolee Affaar; Oromiyaa fi Biiniishaangul Gumuzittis akkasuma bara barnootaa darbe qofatti barattoonni baay’een utuu barnoota hinargatin turaniiru.

Barattoota miliyoona 13

Barri barnootaa kun sirni barnootaa haaraan kan hojii irra itti oolu dha yoo jedhames; hanga yoonaatti kan hinmudatinii fi bara barnootichaatiif daraan ulfaata dha kan jedhame bara 2014 irra haala hammaataa fakkaatuun barattoonni hedduun barachuuf waggaa itti hingalmaa’inii dha.

Ministeerri barnootaa guyyoottan dura akka ifa taasisetti bara barnootaa 2015 guutummaa biyyattiitti barattoota miliyoona 29.3 galmeessuuf karoorfamee kan ture yoo ta’es; kan galmaa’uu danda’an garuu miliyoona 16.3 qofaa dha.

 Kunis bara kana ni galmaa’u jedhamee kan karoorfame keessaa dhibbeentaa 55.6 qofa akka ta’e beekameera. Barattoonni hafan barachuu danda’an gara % 45 galmee barachuuf isaan dandeessisu hinraawwanne. Kunis akka biyyaatti yoo ilaalamu lakkoofsa baay’ee guddaa fi kasaaraa namoomaa isa olaanaa dha jedhameera.

Barattootni miliyoona 16.3 galmaa’aniiru jedhamanis hanga Qaammee 5 bara 2014tti yoo ta’u; manneen barnootaa barumsa utuu hinjalqabin dura hanga Fulbaana 20 bara 2015tti barattoota dabalataa galmeessuu ni danda’u abdiin jedhu kaa’amee ture.

Ta’us Addis Maaledaan guyyoota yaadaman 20 keessatti barattoonni dabalataa hangamtu galmaa’an kan jedhu beekuuf ministeera barnootaatti hooggantuu sab-quunnamtii fi koomunikeeshiinii Amalawarq Hizqeeliin bililtee gaafatteetti. Hooggantuttiin erga gaafficha fuudhanii booda qaamni dhimmichi ilaalu akka deebii itti kennun taasisa yoo jedhanis waan hinraawwatiniif deebii isaanii kanatti ida’uun hindanda’amne.

Naannolee Amaaraa fi Affaar bakkawwan waraanni irra-deebiin itti ka’etti; naannoo Oromiyaa Wallaggaatti; akkasumas kutaalee Itoophiyaa rakkoo nageenyaa qaban kan biraatti galmeen barattootaa hintaasifamne.

Miliyoonni 13 baay’ina uummata biyyoota baay’ee ti. Itoophiyaa keessatti barachuu utuu danda’an hinbaratin kan hafan daa’imman miliyoonni 13 jiraachuun isaanii carraa gara fuula-duraa biyyattii irratti dhiibbaan hordofsiisu salphaa akka hintaane amanamaa dha.

Kasaaraawwan Qaqqaban

Hayyoonni xiinsammuu akka jedhanutti; gaaga’amni hawaasummaa dadhabuu sirna barnootaatiin dhufu akka salphaatti kan ibsamu miti. Hawaasa hinbaranne biratti gaaga’amni namoomaa taatee baratame ta’a. kunis dudhaawwan kanaan dura turan akka badanuu fi waliigalaanis sirnaa fi seeraan durfamuun hafee; hawaasni gar-malee dadhabaa ta’e akka uumamu taasisa.

Yeroo kana magaalotatti daa’imman hedduun umuriin isaanii waggaa kudhan hinguutin madaala ulfaatina ittiin madaalan qabatanii wayita raata’an mul’atu.

Gochaan kun walitti bu’iinsa; hiyyummaa fi kufaatii maatii biyyattii keessa jiruuf agarsiiftuu ta’uun kan fudhatamu yoo ta’u; guddattoonni mana barnootaa seenuun furmaata rakkina boruu ta’uu osoo aban har’a haala kanaan wayita rakkoon mataa isaanii irratti wal-jijjiiru arguun gadaantummaa raawwii barnootaa jiru kan ibsu ta’eetu kaafama.

Waliigalaan hawaasni barate carraa hiyyummaa fi doofummaa keessaa bahuu waan argatuuf; kan ofitti amanu; qaroomaa; hawaasa haqa-qabeessa, tasgabbaa’aa fi fayyaalessa akka ta’u isa dandeessisa kan jedhan yaadonni ciccimoon ni jiru.

Gama dinagdeetiinis ifatti akka mul’atutti sirna barnootaa fooyya’aa diriirsuun dargaggoota baay’ee leenjisuun waggaa waggaadhaan biyyoonni gara hojiitti bobbaasan; faallaa kanaatiin biyyoota sirna barnootaa dadhabaa fi qaqqabummaa gad-aanaa qaban caalaatti guddina dinagdee fooyya’aa fi si’ataa galmeessisaa jiru. Kanaan kan ka’es biyyoonni baay’een damee barnootaatiif maallaqa olaanaa wayita dhangalaasan ni mul’ata.

Kanaan gamatti barnoonni yaada siyaasaa jal’ate sirreessuuf meeshaa murteessaa ta’uun isaa ni ibsama. Lammiiwwan mirgaa fi dirqama isaanii beekuun akka bahan; wal-harkaa fuudhinsi aangoo naga-qabeessi akka jiraatu; waliigalaan olaantummaan seeraa hunduma akka bulchuu fi haqni akka diriiru barnoonno shoora kan biraatiin bakka hinbuune qabaachuu isaa ragaaleen ni eeru.

Kun utuu hinta’in hafee lammiiwwan baay’een haala barachuu hindandeenye keessatti sirni bulchiinsaa jiraachuu danda’u kan qoqqoduu fi abbaa hirree ta’uu akka danda’u nama hinshakkisiisu.

Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaan kutaa barnoota saayinsii Dr. Salamoon Balaay turtii Addis Maaledaa waliin taasisaniin; sirna barnootichaa irratti rakkoon waliigalaan amma mul’atus calaqqee rakkoo Itoophiyaa ti yaada jedhu qabu.

“Barnooti biyya tokkoof waan olaanaa waan ta’eef yeroo tokko gadi-taa’anii maryachuudhaan rakkoowwan furuu barbaachisa” jedhan.

Barattoonni miliyoonaan lakkaa’aman barachuu dadhabuun isaaniis biyyattiin dursitee damee barnootaatiin kasaaruu isheetiin kan ishee mudate ta’uu ibsuun; kunis dhaloota itti aanee dhufu kallattii guddinaa fi nageenyaa kan isa ddhabsiisu akka ta’u hubachiisan.


አዲስ ማለዳ Fulbaana 28 2015 No 69

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here