Gaaffiin fooyya’insa daangaa bu’aa raabsitoota boba’aa yeroo dhiyootti akka fooyya’u ibsame

0
629
  • Liitira tokkoof bu’aan birrii tokkoo fi saantima 25 gaafatameera.

Fooyya’insi daangaa bu’aa raabsitoonni boba’aa gaafatan deebiin qu’annoo irratti hundaa’e kennameefii yeroo dhiyootti hojii irra akka oolu abbaan taayitaa boba’aa fi inarjii beeksise.

Waldaan raabsitoota boba’aa Itoophiyaa bu’aa raabsitoota boba’aa waggoottaniif liitira tokkotti saantima 23 ta’uun hojii irra ture akka fooyya’uuf gaaffii dhiyeessuun isaa ni yaadatama. Waldichi gaaffii kana kan dhiyeesse waggaa tokko dura yoo ta’u; daangaan fooyya’insa bu’aa dhiyaate kan amma jiru irraa gara birrii tokkoo fi saantima 25tti akka guddatuu dha.

Abbaan taayitaa gaaffichi dhiyaateef rakkoo naannoo sana jiru hubachuun fooyya’insi qu’annoo irratti hundaa’e akka taasifamuuf hojjetaa turuu isaa daarikteerri itti aanaan abbaa taayitaa boba’aa fi inarjii Heenook Warquu Addis Maaledaatti ibsaniiru. Daarikteerri itti aanaan kun akka ibsanitti; raabsitoonni boba’aa bu’aan argatan gadaanaa ta’uu fi kan fooyya’uu qabu ta’uu abbaan taayitichaa fudhateera. Gaaffii dhiyaateef deebii kennuuf abbaan taayitichaa furmaata qu’annoo irratti hundaa’e kennuuf kan hojjetaa ture yoo ta’u; daangaan bu’aa kun yeroo gabaabaa keessatti fooyya’insi ni taasifamaaf jedhaniiru.

Waldaan raabsitoota bobaa dangaan bu’aa murtaa’eef fooyya’uu hafuun isaa hojichaa fi hammaachuu rakkoolee damee kanaatiif shoora gumaachaa jiraachuu isaa miseensi hoji-raawwachiiftuu waldichaa Afawarq Xilaahun eeraniiru. Hangi bu’ichaa xiqqaa ta’uun; boba’aan karaa seera-qabeessa qofaadhaan akka hingurguramne taasisuun hawaasa irratti dhiibbaa uumaa jiraachuu Afawarq ni dubbatu. Raabsitoonni boba’aa bu’uraa daangaa bu’aa amma jiruutiin boba’aa bottee tokko irraa birrii kuma 10 buufatu. Kunis baasii isaanii karaa adda addaatiin dabalaa dhufeensiruma kan hinbaafne ta’uu waldichi ni ibsa.

Addis Maaledaatti yaada isaanii kan ibsan miseensi hoji raawwachiiftuu waldichaa kan biraa Efreem Tasfaayee; daangaan bu’aa kanaa gadaanaa ta’uun dureeyonni damee kanaa akka hinjajjabaannee fi adeemsaanis gabaa keessaa akka bahan kan taasisuu dha jedhan. Kanaafis akka agarsiistuutti kan kaasan buufataalee raabsaa Itoophiyaan qabdu naannoo kuma tokkoo fi 200 keessaa hojii irra kan jiran kuma tokko kan hinguunne ta’uu dha. Efreem akka jedhanitti; biyyoonni akka Keeniyaa fi Yugaandaa baay’ina ummataa kan Itoophiyaatii gadi qaban buufataalee dachaadhaan kan Itoophiyaa caalan qabu.

Daangaan bu’aa Itoophiyaa keessa jiru gadaanaa waan ta’eef dureeyyonni naannoo isaaniitti buufataalee boba’aa ijaaruuf maallaqa akka hinbaafne taasisuu miseensi hoji-raawwachiiftuu kun ibsaniiru. Itoophiyaan gatii qaala’aan boba’aa biyya alaatii waan fidduuf bu’aa olaanaa ta’uun yoo irra hinjiraannes; gama kanaan bu’a-qabeessa ta’uu hafuun isaa buufataaleen raabsaa boba’aa akka hinbabal’anne taasisuu isaatiin garuu qaamoleen bu’aa daldaltoonni seera-qabeessa ta’an buufatanuun dachaadhaan buufachuun boba’aa karaa seeraan-alaatiin gurguranuuf haalichi karaa banuu isaas ni dubbatu.

Buufataaleen raabsaa boba’aa babal’achuu hafuun bu’a-qabeessummaa damee kanaa wajjin kallattiidhaan akka walqabatu kan amanan daarikteerri itti aanaan abbaa taayitaa boba’aa fi inarjii Heenook; bu’aan argamu xiqqaachuu isaatiin bakka raabsaan boba’aan hinqaqqabinitti abbaan taayitichaa boba’aa barmeelaan geejjibuun daldaltoota qinxaaboodhaan gurguranuuf hayyama kennuun qaawwicha guutuun hojjetaa jiraachuu ibsaniiru.

“Qabeenyi boba’aa sadarkaa biyyaatti sharafa biyya alaa qaala’een kan galu waan ta’eef sirni daldala isaas qu’annoo fo of-eeggannoo olaanaa barbaada kan jedhan Heenook; gaaffii daangaa fooyya’insa bu’aa waldaan raabsistoota bobaa dhiyeesseef deebii kennuuf kan yeroo fudhate kanumaaf jedhan. Hanga bu’aan ittiin fooyya’uu danda’uu fi guyyaa fooyya’insichi itti bahu himuu garuu hindanda’u jedhaniiru.

Miseensi hoji-raawwachiistuu waldichaa Tasfaayeen akka jedhanitti yoo ta’e; waldichi liitiraan bu’aa birrii tokkoo fi saantima 25 kan dhiyeesse waggaa tokkoon dura ta’uu fi gaaffichi kan deebiin atattamaan itti kenname waan hintaaneef; erga gaaffichi dhiyaatee booda qaala’insi gatii dacha hedduudhaan dabaluu isaa eeraniiru.


አዲስ ማለዳ Onkoloolessa 19 2015 No 72

 

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here