Baankiin biyyaalessaa dhiibbaa waraana kaabaatiin qajeelfamoota haaraa hojii irra oolchuun isaa damee baankii irratti dhiibbaa uumuun isaa ibsame

0
528

Waraanni Itoophiyaa kaabaa waggoota lamaaf itti fufe dhiibbaa hordofsiiseen; baankiin biyyaalessaa baankota irratti irra-deddeebiidhaan qajeelfamoota hojii irra oolchuun isaa damee baankii irratti dhiibbaa akka uume ibsameera.

Baankiin biyyaalessaa dhiibbaa sababa waraana kaabaatti umameetin fooyya’insi hahaaraan damee baankii irratti taasise hojii baankotaa irratti dhiibbaa uumuu isaa hoogganaan baankii Daashin Asfaaw Alamuu ibsaniiru. Hooggantichi kana kan jedhan Onkoloolessa 17 bara 2015 yaa’ii idilee 29ffaa baankii Daashin irratti waa’ee raawwii baankii isaanii abbootii aksiyonaatiif wayita gabaasa dhiyeessanitti.

Hoogganaan baankichaa; rakkoowwan baankonni bara bajatichaatti keessummeessan keessaa tokko kan ta’e hanqinni sharafa alaa kan baankii Daashin qore akka ture eeraniiru. Sababa waraanichaatiin deeggarsi Itoophiyaan alaa argattuu addaan cituu isaanii hordofuun baankiin biyyaalessaa baankota irratti qajeelfamoota hahaaraa hojii irra oolchuu isaa kaasaniiru. Baankiin biyyaalessaa qajeelfamoota walitti fufan damee baankii irratti hojii irra oolchuun isaa; dameen kun dhiibbaa hedduu keessa akka darbu taasisuu isaa hooggantichi eeraniiru.

Yaa’ii baankichaa irratti raawwii bara bajatichaa kan dhiyeessan walitti qabaan boordii baankichaa Duulaa Mokonnon gama isaaniitiin; barri bajataa darbe gaaga’amni hedduun kan itti hubatame akka ture yaadachiisan. Dinagdeen dhiibbaa biyya keessaa fi alaa keessa darbuu isaa fi dhiibbaan waraanni kaabaa uume dame kanaaf gaaga’ama akka ture kaasan.

Kanaanis dameen baankii qaala’insa gatii fi shira dinagdee ittisuuf; qaamolee oomisha gara gabaa biyya alaatti ergan jajjabeessuu fi of-eeggannoo sharafa alaa mootummaa guddisuuf imaammata maallaqaa ciminaan became jalatti hojjechuuf waggaa itti dirqaman akka ture yaadachiisaniiru.

Bakkawwan waraanni kaabaa itti adeemsifametti baankonni saamichaa fi barbadaa’uu qabeenyaa irraa hanga badiisa liqiitti hubaatii jiru keessummeessaniiru. Baankonni rakkoowwan saamichaa fi barbadaa’uu qabeenyaa keessummeessan akkasumas badii liqiitiin dabalatatti naannoo Tigiraayitti yeroo waggoota lamatti dhiyaatuuf; wayita waraanni naannolee Affaarii fi Amaaraatti taasifames tajaajila kennuu hindandeenye.

Dameen baankii dhiibbaa keessa darbus raawwiin baankiin Daashin waggichatti galmeessise gaarii akka ture walitti qabaan boordichaa eeraniiru. Baankichi bara kana taaksiidhaan dura bu’aa birrii biliyoona 3.8 argachuu isaa fi kunis kan waggaa darbee waliin wayita madaalamu guddina dhibbeentaa 57 galmeesseera jedhameera.

Dameen tajaajila baankii dhala-malee guddinni agarsiise quubsaa ta’uun kan ibsame yoo ta’u; kuufamni maallaqa dhala-malee baankichaa waliigalaan birrii biliyoona 5.9 gahuun isaa himameera. Qabeenyi baankichaas waliigalaan birrii biliyoona 100 fi biliyoona 17.14 kan gahe yoo ta’u; kunis kan waggaa darbee wajjin wayita madaalamu guddina dhibbeentaa 24 agarsiisuun isaa eerameera.

Gaheen abbootii aksiyoona baankichaas gara biliyoona 14.4tti kan gahe yoo ta’u; kunis kan waggaa darbee waliin wayita madaalamu guddina dhibbeentaa 42 agarsiiseera. Abbootiin aksiyoonaa yaa’ii isaanii darbeen kaappitaala dabalataa dhiyeessuuf murteessuu isaanii hordofee hangi kaappitaala baankichaa kaffalamee birrii biliyoona 6.9 gaheera jedhameera.


አዲስ ማለዳ Onkoloolessa 19 2015 No 72

 

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here