Beeyladoonni Miliyoona 10 dhumuunis himamee jira
Dhaabbata Motummoota Gamtoomaniitti, Biiroon Dhimmoota Namummaa akka gabaasetti hanga ji’a bara warra dhihaa isa dhumaatti hongeen gaafa Afrikaatti muudate miidhaan geesisaa jiru qo’atamee jira.
Gabaasa qo’annoo kanaanis Namoonni miliyoona 36.4 ta’an beelaaf saaxilamanii jiru. Rakkoowwan muudatan keessaa adda duree kan ta’es rakkoo hanqina bishaaniiti. Rakkoo naannichatti muudateen adda dureen kan miidhaman Itoophiyaanota yeroo ta’an, Itoophiyaatti Namoonni miliyoona 24.1, Somaliyaatti Namoonni miliyoona 7.8, Keeniyaatti immoo Namoonni miliyoona 4.5 yeroo dhihoo keessatti hongeen akka miidhamuu danda’an himamee jira.
Akka gabaasichaatti beeyladoonni jiruu fi nyaataaf fayyadan miliyoona 10nii ol ta’an dhumanii jiru. Kana keessaas beeyladoonni miliyoona Afur kan horsiisee bulaa Itoophiyaa yommuu ta’an, kan Somaaliyaa miliyoona sadii ol, kan Somaaliyaa immoo miliyoona 2.5nitu dhume jedhamee.
Beeyladoota dhuman kana irraa yoo xiqaate aannan liitira miliyoona 120tu argama ture yoo jedhamu sababa kanaan Daa’imman waggaa shanii gadii miliyoona 1.6 ol ta’an guyyaatti aannan kubbaayyaa tokkollee argachuu hin dandeenye jedhamee jira. Hongeen Gaafa Afrikaatti muudate kun itti fufuu danda’a kan jedhame yoo ta’u, Uummata naannichaa dabalatee qaamoleen isaan ilaallatu hundi qophii of eegganoo isaaniif danda’ame taasisuu qabus jedhamee jira.



