Polisiin Paartiilee Siyaasaa Akeekachiise

0
1296

Poolisiin Magaala Addiis Ababaa magaalittii keessatti Paartileen siyaasaa gochaa nageenyaa fi tasgabbii uummattaa sarbu keessatti hirmaatan akka of qusatan ibsa ejjanno kaleessa baaseen hubachiisee jira.

Qaamoleen `farra nageenyaa` jechuun waamaman kun `ajandaa badii eenyummaa irratti xiyyeefate` uumuun manneen barnoota magaalittii giddu gala jeequmsaa gochuuf hojjeta akka jiranis dhaabbanni poolisii magaalittii dabalee kaasee jira. Gohcaa kana keessatti kallattiidhaan harka qabaachuu isaanii ragaadhaan kan irratti mirkaa’e miseensota paartii Baaldaraas Dimookraasii Dhugaaf to’annoo jala oolchuu isaas ifa godhee jira.

Dabalataanis barattootaa fi barsiisota jeequmsa kana keessatti hirmaatanis hidheen jira jedheera. Mana barumsaatii ala ta’anii jeequmsichi akka babal’atu kanneen taasisan, yeroo jeequmsaas gara mooraalee manneen barnootaatti cabsanii seenuun qabeenya manneen barnootaa irratti warra miidhaa geessisanis to’annoo jala oolchuun dhimmoota isaanii qorachaa akkaa jiru hime poolisiin.

Manneen barnoota magaalaa Addiis Ababaatti faaruu fi Alaabaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin wal-qabatee rakkoon nageenyaa erga muudatee torbee lamaa olk lakkoofsisee jira. Bulchiinsi magaalittii dhimma kanaan wal-qabatee namoota hedduu hidhuu isaas gabasee ture. Poolisiin magaalittii ibsa kenneen namoota 97 hidhuu isaa yoo gabaasu, biiroon dhimma nageenyaa fi tasgabbii immoo namoota 72 hidhuusaa gabaasee jira.

Rakkoo manneen barnootaatti muudachaa dhufe kanaan wal-qabatee dhaabileen siyaasaa fi dhimmoota namuummaa adda addaa ibsa ejjannoo baasuudhaan furmaata adda addaa gorsanii jiru. Kanneen keessaa gochaan seeraa fi qajeelfama tokko malee manneen barnootaa magaalittii keessatti Alaabaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Fannisuu fi Faaruu Alaabichaas faarfachiisuu dhabuun furmaata ta’a jedhanii jiru.

Haa ta’u malee karaa bulchiinsa magaalittitiin Kantiibaa Adaanach Abeebee akka ibsanitti Alaabicha fannisuunis ta’ee faaruun kun cimee itti fufa jedhanii jiru. Kantiibaa Adaanach jeequmsaa fi wacaan wanti dhaabbatu hin jiru jedhan.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here