Haala yeroo mana kiristaanaa irratti mootummaa waliin erga waliigalteen taasifamee boodas burjaajjiin ittuma fufeera

0
560

Gochaa tokkummaa bataskaana Ortoodooksi Tawaahidoo Itoophiyaa hubu kan jedhame muudamni Ephiis Qophosaatota seeraan-alaa yookaan qaamni “Sinoodoosii Ormiyaa fi Sabaa fi Sab-lammootaa””jechuun ka’e burjaajjiin kaase akkuma itti fufetti jira.

Dhimmichi hammaachaa dhufuu hordofee; mootummaan qaamolee lamaan waliin maryachuun dhimmichi mariidhaan akka furamu haala mijeessuun isaa dhaga’ameera. Sinoodoosii qulqulluun mana amantittii Gurraandhala 3 bara 2015 marii mootummaa waliin taasiseen; abbootiin amantii fi hordoftoonni amantichaa hidhaman atattamaan akka hiikaman mootummaa waliin waliigaluu yaadachiisuun isaa kan beekamu yoo ta’u; abbootiin amantaas tajaajilicha walabaan kennuu akka danda’an waliigalamuun himameera.

Hata’u malee namoonni waliigaltichaan dura hidhaman akka hiikaman utuu eegamuu; hidhaa fi burjaajjiin atattamaan akka dhaabbatu waliigalameera erga jedhamee boodas; barsiisonni mana amantichaa bebbeekamoon hidhamaniiru. Haalli kun mootummaan gaaffii bataskaanattii fudhachuun hojii irra oolchuuf waadaa seene akka haaluutti qaamoleen ilaalan uumamaniiru.

Bu’uura waliigaltichaatiin; mootummaan tokkummaa fi sirna bataskaanattii akka kabajuu fi taateewwan seeraan ala bataskaanattii irratti raawwataman guutummaadhaan akka dhaabsisu waliigalameera jedhameera.

Ofii isaa “Sinoodoosii Oromiyaa fi Sabaa fi Sab-lammootaa” jechuun qaamni of waame marii ministira muummee Abiyyi Ahimad waliin taasifame ilaalchisee ibsa kenneen; ejjennoo jijjiirame akka hinqabne beeksiseera. Karaa kamiinuu araaraafophii ta’us; kutaalee labbaa qabadhee fi Ehiis Qophoosotan muude irratti mariin taasisu hinqabu jedheera.

Gama biraatiin ministira muummee wajjin kan maryate Sinoodoosii qulqulleen bataskaana Ortoodooks Tawaahidoo Itoophiyaa; marii mootummaa waliin taasifameen tokkummaa, seeraa fi sirna caasaan bataskaanattii guutummaan akka kabajamu waliigalteen taasifamuu beeksiseera.

Waliigaltee mootummaa waliin taasifameen haalawwan hinraawwataman yoo ta’e; manni amantittii qabsoo afuuraa akka itti fuftu beeksisteetti. Kanaafis mootummaan rakkinicha akka sirreessuuf yeroo muraasa kan kennite yoo ta’u; hiriirri nagaa ni taasifama jedhames yeroon isaa dheeratee haalli raawwachuu fi raawwachuu dhiisuu mootummaa eegamaa jira.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here