Pirezidaant Saahilr Warq Zawudee dhimma bataskaanaa irratti ejjenoo isaanii ifa taasisaniiru.

0
525

Pirezidaanti Saahile-Warq Zawudee haala yeroo dhimma bataskaana Ortoodooksi Tawaahidoo Itoophiyaa ilaalchisuun qulqulluu paatiriyaarkii Abbaa Maatiyaas wajjin maryachuu isaanii waajjirri pirezidaantittii ifa taasiseera.

Pirezidaantittiin qulqulluu Abbaa Maatiyaas waliin erga maryatanii booda; dhimmicha irratti ejjennoo qaban ifatti beeksisaniiru. Ejjennoo isaaniitiin “amantaan keenya nu amantootaaf dawoo keenya isa dhumaa ti” kan jedhan yoo ta’u; amantiin ciminaa fi abdii kenna jedhaniiru.

Rakkoo uumameen namoota lubbuu isaanii dhabaniif gadda isaanii kan ibsan pirezidaantittiin; “sanyii fi amantaa faayidaa siyaasaatiif oolchuun sarara diimaa darbuu dha” jechuun ibsaniiru. Haalawwan eessuma gahu jedhamuun dhiifaman deebisuun rakkisaa akka ta’us eeraniiru.

“Dhimmi amanataa kan manneen amantaa fi kan abbootii amantaa ti” kan jedhan pirezidaantittiin; haalawwan taasifamanii fi utuu hintaasifamin hafan; bu’ura biyyaa fi mirgoonni bu’uraa lammiiwwanii; olaantummaan seeraa; itti gaafatamummaan seeraa; biliisummaa fi mirgoonni kana fakkaatan balaatti akka hinsaaxilamneef of eeggachuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Rakkoo keessa turre keessaa baanee osoo hinxumurin; cabiinsa hedduu biyyaa fi ummata irra gahan osoo hinsuphin; walitti bu’iinsa lubbuu namaa gaaga’u utuu hinhambisin; lammiiwwan hedduun bakka godaananitti; kan miliyoonotaan lakkaa’aman wayita deeggarsa barbaadanitti maryachuu fi waliigaluudhaan hojjechuun alatti filannoo biraa hinqabnu jechuudhaan haala yeroo Itoophiyaan keessa jirtu eeraniiru.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here