Bu’ura waliigaltee mootummaa fi garee TPLF gidduutti mallatteeffameetiin mootummaa
yeroo naannoo Tigiraayitti hundeeffamu ilaalchisuudhaan mootummaa waliin kan
maryatu ta’uu gareen TPLF beeksiseera.
Kanaafis gama TPLF’n koreen gurmeessituu mootummaa yeroo loltoota, hayyootaa fi
miseensota TPLF keessaa walitti babahe kan hundaa’e yoo ta’u’ koreen gurmeessituu kun torban kana qaamolee dhimmicha keessaa qooda qaban waliin akka maryatu beeksiseera.
Marichaanis bakka buutonni kutaalee hawaasaa hundaa fi paartilee siyaasaa keessaa walitti
babahan ni hirmaatu kan jedhan walitti qabaan korichaa jeneraal Taaddasaa Warradee; maricha booda sanadni mootummaa yeroo hundeessuuf ta’u ni ragga’a jedhaniiru.
Sanadi kun waltajjii torban dhufu qophaa’u irratti ni ifooma kan jedhan jeneraalichi; TPLF
sanada kana qabatee mootummaa federaalaa waliin ni maryata jedhaniiru.
Jeneraal Taaddasaan hundeeffamni mootummaa yeroo birmadummaa naannoo Tigiraay kan
kabachiisu; nageenya naannichaa fi ummataa tarkaanfii kabachiisuu dha kan jedhan yoo ta’u; tarkaanfichi aadaa siyaasa Itoophiyaa irratti jijjiirama fiduuf carraa olaanaa qaba jedhaniiru.
Kanaanis hundeeffamni mootummaa yeroo daandii rakkoo siyaasa keessoo ittiin furan ta’uu kan ibsan jeneraalichi; rakkoo ummata Tigiraay furuu irra darbee akka biyyaattis kan barnoota guddaa kennu ta’a jedhaniiru.
Hata’u malee namoonni yaada kennan gareen TPLF mana maree bakka bu’oota ummataatiin gooltummaan itti murtaa’e mootummaa yeroo utuu hinhundeessin dura labsiin gooltummaa isaa ka’uu qaba kan jedhan yoo ta’u; dhaabbanni gooltummaan itti murtaa’e shoora mootummaa seera-qabeessa hundeessuu hinqabaatu jedhameera.
Koreen TPLF hundeesses walabummaa isaa irratti kan gaaffiin itti ka’e yoo ta’u; jeneraal
Taaddasaan qaamolee hunda akka of keessatti qabate himaniiru. Dhimmicha irratti gama
mootummaa federaalaatiin wanti dhaga’ame hinjiru.



