Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti bu’ura sirna barnootaa haaraatiin barattoota afaan Amaaraatiin baratanuuf Afaan Oromoo; Afaan Oromootiin kan baratanuuf immoo barnoota afaan Amaaraa kennuun jalqabamuu Addis Maaledaan dhageesseetti.
Magaalattiitti afaan dhalootaatiin barnoota kennuu fi manneen barnootaa magaalaa Finfinnee keessatti alaabaa Oromiyaa fannisuu fi faaruu naannoo Oromiyaatiin walqabatee gaaga’amni uumamuun isaa ni yaadatama.
Rakkinichi kan uumame bulchiinsi magaalattii manneen barnootaa keessatti Afaan Oromootiin hojii baruu fi barsiisuu jalqabuu isaa hordofuun; sirna barnoota afaanii naannicha irraa ergifachuun Finfinneetti hojii irra oolchuu isaatiin ture.
Bulchiinsi magaalattii rakkinicha ni fura kan ittiin jedhe manneen barnootaa magaalaa Finfinnee Afaan dhalootaatiin dabalatatti afaan biraa akka kennamuuf sirna barnootaa haaraa qu’annoo irratti xiyyeeffatee dha jedhame ifa taasisuun isaa ni yaadatama.
Sirnumti barnootaa kun barnoota idilee Afaan Amaaraatiin barattoota baratanuuf Afaan Oromoo; akkasumas barattoonni Afaan Oromootiin baratan Afaan Amaaraa akka afaan dabalataatti akka baratan kan taasisuu dha.
Sirni barnootichaa dhiyeenya kana kan eegalama samisteera lammaffaatti hojii irra ooluu jalqabuu isaa Addis Maaledaan barsiisota manneen barnootaa adda addaa irraa dhageesseetti.
Sirni barnoota afaan dabalataa kun hojii irra ooluu kan jalqabe barattoota kutaa sadaffaa fi arfaffaa biratti yoo ta’u; bu’ura murtichaatiin barnoota idilee Afaan Amaariffaatiin kan baratan Afaan Oromoo; kan Afaan Oromootiin barnoota idilee baratan immoo Afaan Amaaraa barataa jiru.
Barattoonni gama lamaaniin afaan dabalataa baratan sadarkaalee barnootichi itti jalqabame kutaa sadaffaa fi arfaffaa kan baratan hunda isaanii ti. Barnooti afaanii kun adeemsaan kan babal’atu ta’uun kan ibsame yoo ta’u; barsiisonni Afaan Oromoo danda’an bal’inaan qacaramuu isaanii Addis Maaledaan dhageesseetti.
Manneen barnootaa tokko tokko keessatti barsiisonni duraan Afaan Oromoo danda’an barnoota Afaan Amaaraatiin barsiisaniin dabalatatti barnoota Afaan Oromoo jalqabame barsiisaa jiraachuu Addis Maaledaatti himaniiru.
Hojii irra ooluun sirna barnootaa haaraa; magaalattiitti yaaddoo uumee kan ture balaaleffannaa alaabaa fi faaruu naannoo Oromiyaa hambisuu isaa barsiisota dubbiste irraa dhageesseetti.
Barsiisonni kun akka jedhanitti mana barnootaa barsiisanitti samisteera lammaffaa booda duraan alaabaa Itoophiyaa wajjin kan fannifamu alaabaan Oromiyaa fi faaruun naannichaa faarfamu addaan cituu isaa eeraniiru.
Hata’u malee walitti bu’iinsi duraan manneen barnootaa tokko tokko keessa ture deebi’ee akka hinkaane yaadda’uun; manneen barnootaa tokko tokko keessatti wayita barattoonni faaruu faarfatan haalli alaabaan itti hinfannifamne jiraachuun isaa beekameera.
Kanaanis alaabaan Oromiyaa baratame hafuun kan Itoophiyaa qofti wayita fannifamu rakkinichi irra-deebiin akka hinkaaneef alaabaan Itoophiyaa utuu barattoonni wal hinga’in dursee akka fannifamu Addis Maaledaan dhageesseetti.



