Mariin nageenyaa Taanzaaniyaatti taa’amaa ture har’a xumurameera.

0
423

Mariin nageenyaa Oromiyaa keessatti walitti buhiinsa maqsuun tasgabbii waaressuuf Taanzaaniyaatti taa’amaa ture har’a xumurameera.

Maricha heddumminaan haala eyyentaatiin kan taa’ame  tahus, marsaa kanaan dhimmoota tokko tokkorratti waliigalteerra gahuun hin danda’amne.

Karaa nagaafi itti fufiinsa qabuun walitti buhiinsa dhaabuun akka danda’amutti, mariin qaamolee lamaan gidduutti taa’amu  itti fufiinsa akka qabaatu waliigalameera.

Mootummaan heeraafi qajeeltoowwan hanga ammaatti ittiin hogganamaa jiruun walitti buhiinsa jiru karaa nagaa hiikuuf ejjennoo hin raafamne qaba.

Mootummaan ammas carraafi calqabbii gaarii rakkoolee karaa nagaa hiikkachuu eegalametti fayyadamuun furmaata waaraa fiduuf ejjennoo cimaa qabaachuu dabalee mirkaneessa.

Mootummaa Federaalawa   Dimokiraatawa  Rippaabilika Itiyoophiyaa  qaamolee marii nageenyaa kanaaf haala mijeessaniifi keessummeessaniif galata dhiyeessa.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here