‘’Mootummaan Naannoo Oromiyaa nageenyaaf dursa kennuun xiyyeeffannoon hojjechaa jira“ Obbo Hayiluu Addunyaa

0
404

Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa wayita raawwii hojii hanga kurmaana 3ffaatti jiru irratti miidiyaaleef ibsa kennan akka dubbatanitti Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimma kamiyyuu caalaa nageenyi waaraa mirkanaa’uun badhaadhina hunda galeessa dhugoomsuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjechaa jiraachuu ibsanii jiru.

Naannicha keessatti waliigaltee dhabuu yaada karaa kamiinuu muudatu karaa nagaa fi ilaaf ilaameen hiikuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, Mootummaan mariiwwan dhimma nageenyaa irratti taasifamaa jiran akka milkaa’anii fi nageenyi waaraan akka jiraatuuf uummanni nagaan bahee nagaan akka galuuf  hojjechuu keessatti ejjennoo hin raafame kan qabu ta’uu ibsanii jiru.

Marii araaraa Taanzaaniyaatti taa’amaa tureen wal hubannaan gaariin jiraachuu kan ibsan Obbo Hayiluun gara fuuladuraattis wal hubannaa jiru cimsuun nageenyi itti fufinsa qabu akka mirkanaa’uuf mootummaan kutannoo cimaan hojjechaa jiraachuu dubbatanii jiru. Mootummaan dirreen dimokiraasii akka bal’atuuf hojii guddaa hojjachaa jiras jedhaniiru.

Qaamni kamuu nageenyaaf dursa kennuun haala mijataa jirutti fayyadamuun nageenyi waaraan akka uumamuuf rakkoo muudatu kamuu waliin mari’achuun hiikuun akka danda’amu hubatee gara nagaatti akka dhufuu qabu kan Obbo Hayiluun mariin nageenyaa jalqabame akka milkaa’uuf gama kamiinuu haasaa jibbinsaa irraa of qusachuun dhimmoota yaada nageenyaa gabbisuu danda’an irratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu himanii jiru.

Mariin eegalame injifannoon akka goolabamuufis Abbootiin amantaa, Abbootiin Gadaa, Jaarsoliin Biyyaa, Hayyoonnii fi qaamoleen hawaasaa hundi tumsa waloo barbaachisu akka taasisan Obbo Hayiluun dhaamanii jiru.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here