TPLF murteen boordii filannoo ‘waliigaltee Piritoriyaa faallessa’ jechuun morme

0
423

Addi Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF) gaaffiin qaamni seera qabeessuummaasaa fi qabeenyaansaa waraanaan dura ture akka deebi’uuf boordii filannootiif dhiyeesse kufuunsaa waliigaltee Piritoriyaatiin ala jechuun ibsa baaseen morme.

Waraanaa Tigraayiitti mudate hordofee TPLF paarlaamaadhaan garee shororkeessaa jedhamee farrajamuuniifi boordii filannootiinis haqamunsaa ni yaadatama.

Waraana waggaa lamaaf gaggeeffamaa ture dhaabuudhaaf erga Afrikaa Kibbaatti waliigalteen mootummaafi TPLF jidduutti taasifameen booda, shororkeessuummaan TPLF irra kaa’amee ture kaafamee bulchiinsi haaraan hundeeffameera.

TPLF waliigaltee Piritoriyaatti taasifame eeruudhaan, boordii filannootiin haqamuu fi qabeenyaansaa akka deebii’uuf Caamsaa 6, 2023 booridichaf gaaffii dhiyeessus waan hin fudhanneef mormii isaa ibseera.

Boordiin filannoo seera qabeessummaa TPLF deebisuudhaaf labsiin isa deeggaru waan hin jirreef, gaaffiin dhiyaate kan ‘‘seeraan deeggarame ta’ee waan hin argamneef’’ akka hin fudhannee eereera.

Paartichi seera qabeessummaa argatee socha’u kan danda’u irra deebiin gaaffii galmaa’uu yoo dhiyeesseefi boordichis seera bu’uureffachuun hayyama yoo kenneef ta’uu beeksiseera.

Haata’u malee TPLF murteen boordichaan kenname kan fudhatama hin qabneefi ‘’kan waliigaltee Piritooriyaa faallessuu fi seera bu’uura kan hin godhanneedha’’ jechuudhaan, hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa cimaa adeemaa jiru abbaa dhabsiisa jechuun ibsa Caamsaa 16, 2023 baaseen mormeera.

Bulchiinsi yeroo Naannoo Tigraay, boordiin filannoo ‘‘abdii nagaa Itoophiyaatti mul’atu deeggaruu irra, waliigaltee nagaatiif kan abbaa ta’e, TPLF akka seera qabeessa hin taane gochuuf murteen dabarse seeraanis ta’e siyaasaan fudhatama hin qabu’’ jedheera.

Paartichi dabalunis, waliigaltichi dhaabbiilee ardittiifi idiliaddunyaa adda addaan akkasumas paarlaamaadhaan, Mana maree Ministirootaan, ministeera haqaa fi qaamolee kaaniin beekamtiifi deeggarsa kan argate ta’uu eeruun, ‘‘Murteen boordichaa kan waliigaltee Piritoriyaa faallesseedha’’ jechuun qeeqeera.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here