Turtii keenya Deenvaariin dameewwan waliin hojjachuuf adda baafne gara hojiitti jijjiiramanirratti Kantiibaa Maayikil Haankook, hoggantoota magaalichaafi ittigaafatamtoota mana maree daldala waliin marii bu’a qabeessa adeemsifneerra.
Hoggantootaafi miseensota mana maree daldala Deenvariif waa’ee magaalaa keenyaa ibsa bal’aa ta’e kennineerra.
Magaalaa keenya Finfinneetti dargaggeessi baratee baay’ina qabu jiraachuusaatiin dhaabbilee Deenvar jiran waliin ta’uun tajaajiloota dargaggeessaaf carraa hojii uuman gara Finfinneetti fiduuniifi dhaqqabamaa taasisuun, akkasumas dameewwan garagaraarratti ittidhiyeenyaan hojjachuun faayidaa magaalota lamaaniif argamsiisu bal’inaan irraatti mari’anneerra.
Magaala Deenvaaritti simannaarraa jalqabee milkaa’ina turtii keenyaa, keessattuu keessummeessa addaa nuuf taasifame hundaaf Kantiibaa Haankookiifi waahillansaanii irra deebiin galateeffachuun barbaada.



