Koreen Hojii Raawwachiiftuu Mana Lubummaa Waliigalaa Ortodoksi Tewaahidoo Tigiraay naannichaa fi biyyoota alaatti Iphis Qoophoosota kudhan muuduuf murteessuu beeksisan.
Manni Lubummaa Waliigalaa Manbara Selaam Kassate Birhaan Facaasaa Caamsa 15/2015 ibsa baaseen bakkeewwan iphis qoophoosotni itti muudaman eereera.
Naannoo Tigiraay keessaa kutaa lallabaa Kibba Lixa Tigiraay, Lixaa fi Kibba Tigiraay keessatti tahuu ibseera.
Biyya alaa keessaa Ameerikaa Kaaba, Awurooppaa, Awustiraaliyaa, Kanaadaa fi Baha Gidduugaleessaatti akka tahan ibsaniiru.
Manni Lubummaa Waliigalaa Manbara Selaam Kassate Birhaan, kora guyyoota lamaaf Caamsa 14 fi 15 taa’ame irratti murtee kanarra gahuu ibseera.
Biyya keessattis tahe biyya alaa irraa amantootni tajaajila ”afuuraa guutuu argachuuf” fedha qaban irraa ka’uun Iphis Qoophoosotni akka muudamaniif irra deddeebiin gaafachaa turuu irraa ka’uun murtoo kana akka dabarsanis himaniiru.
Iphis Qophosootni muudama argatanis yeroo dhiyootti hojii isaanii akka jalqaban ibsicha irratti himaniiru.
Sinodosiin Ortodooksi Tewaahidoo Itoophiyaa muudama ammaa irratti yaada homaa hin kenniin malee, muudama Iphis Qoophoosotaa kana dura manni lubummaa Tigiraay kutaalee lallabaa Ameerikaa, Kanaadaa, Awurooppaa, fi Awustiraaliyaaf gaggeessee ture mormeera.
Siinodosichi Manni Lubummaa Tigiraay, caasaa bulchiinsa mana amantichaa waggoota dheeraaf turee fi jabaatee dhaabbate karaa diiguun ‘’Mana Lubummaa Waliigalaa Manbara Selaam Kassate Birhaan’’ kan jedhu hundeessan jechuun mormee ture.
Dabalataan seera ittiin bulmaata mana amantichaan ala ofuma isaanii muudama gaggeessuun akka isa gaddisiises ibseera.
Abbaa saawiroos waa’ee murtee naannoo Tigiraay ilaalchisee karaa nagaa akka hiikamuuf hojjetamuu qaba jedhan.



