Gumii Balal Marsaa 33ffaan Mataduree ‘Marii Biyyaalessaa: Carraafi Sodaawwan Jiran’ jedhu irratti hayyootaan mariin geggeeffamaa jira. Marii kana irratti haasaa baninsaa kan taasisan Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Mariin Biyyoolessaa dhimmoota gurguddoo biyyaa irratti mariifi ilaaf ilaameen walhubannaan akka uumamu taasisuun ce’umsi siyaasaa biyya keenyaa akka milkaa’uuf gumaacha guddaa taasisaa jedhan.
Biyyi keenya biyya birmadummaa ishee eeggatte, muuxannoo sirna mootummaa yeroo dheeraa qabaachuun beekamtu taatus rakkoowwan siyaasaa boqonnaa seenaa hunda keessatti gangalachaafi kuufamaa har’a ga’aniin mallattoo walitti bu’insaafi walwaraansaa taatee jirti. Gama biraan aadaan rakkoo mariifi ilaaf-ilaameen furuu waan hin dagaagneef dhimmoota biyyaalessaa murteessoo ta’an irratti ilaalchi waloon uumamuu hin akka dandeenye himuun kunis aadaa marii dagaagsuun jijjiiramaa jedhan.
Ce’umsoonni siyaasaa yeroo garaagaraatti uumamaa turan rakkoowwan buleeyyii biyya keenyaa hundeerraa furaa deemuurra tursuun walxaxaa akka ta’aniif gumaacha taasisaniiru kan jedhan Obbo Hayiluun kunis, ilaalchonni siyaasaa fiixeefi siyaasni fedhii ofii humnaan galmaan gahuu aadaa siyaasaa biyya keenyaa akka ta’uuf gumaacheeraa jedhan.
Itoophiyaan rakkoo akkanaa qabaachuun biyya jalqabaa ta’uu baattus biyyoonni rakkoo walfakkaataa qaban hedduun maloota garaagaraa fayyadamuun rakkoo siyaasaa isaanii furachuu danda’aniiru; ce’umsa siyaasaa isaanii milkeessaniiru. Ijaarsa biyyaa xumuruun waliigaltee biyyaalessaa uumaniiru. Adeemsi siyaasaa biyyoonni hedduun dhibdeewwan siyaasaa isaanii ittiin furatan keessaa Mariin biyyaalessaa tokko ta’uunis himameera.
Mariin biyyaalessaa gareewwan jidduutti riqicha walhubannaa uumuun walitti bu’insaafi gaaga’ama siyaasaa sababa walhubannaa dhabuutiin uumaman hir’isuuf gargaarudha. Mariin biyyaalessaa adeemsa siyaasaa mariifi ilaaf ilaameen walitti bu’insa furuun ce’umsa siyaasaa milkeessudha. Kunis, marii hirmaachisaa, ifaafi bilisa taasisuun dhimmoota gurguddoo akka seenaa, mallattoo biyyaalessaafi adeemsa siyaasaa irratti ilaalchi waloon akka uumamu taasisa.
Mariin biyyaalessaa dirree siyaasaa murnoota siyaasaa muraasaan dhuunfatame bal’isuun kutaaleen hawaasaa hundi dhimma biyya isaanii irratti akka mari’atan taasisuun madda waldhabbii hir’isuun walhubannaan akka uumamu taasisa. Waltajjii aadaan marii itti shaakalamuufi siyaasni dorgommii yaada irratti hundaa’e itti dagaagudha.
Mariin biyyaalessaa, biyya akka keenyaa garaagarummaan yaadaa akka madda rakkootti ilaalamu, rakkoo siyaasaa barootaaf gangalataa dhufe qabdu, ijaarsi biyyaa hin xumuramne akkasumas ilaalchi fiixee, ‘dhugaanis, miidhamnis kan kootu caalaan’ aadaa siyaasaa ta’e; walumaagalatti ilaalchi biyyaalessaa hin uumamne keessatti baay’ee murteessaadha.
Mariin biyyaalessaa adeemsa isaa sadan- qophii, adeemsaafi raawwii- keessatti kutaalee hawaasaa garaagaraa hunda kan hirmaachisu yoo ta’u, aadaan rakkoo ilaaf-ilaameefi mariin hiikuu akka dagaagu taasisa. Seenessa “ana qofaatu miidhamaadha” jedhu keessaa baanee madaa walii akka hubannu nu taasisa. Ce’umsi siyaasaa eegalame akka kaleessaa rakkoo tursuu osoo hin taanee hundeerraa furuun ilaalcha waloo qabaachuuf akka gargaaru ibsameera.
Obbo Hayiluun biyya keenyatti Komishiniin Araaraafi Marii Biyyaalessaa hundaa’uun hojjechaa jiraachuu himuun Mootummaan Naannoo Oromiyaass tumsa barbaachisu taasisaa jira jedhan. Haata’u malee, mariin biyyaalessaa akkuma ce’umsa siyaasaa biyya keenyaa milkeessuuf carraa bal’aa uumu guutummaatti sodaa irraas bilisa ta’uu waan hin dandeenyeef qaamni hundumtuu milkaa’ina isaatiif gahee isarraa eegamu bahuu qabaa jedhan.



