Gaaffiin daangaan naaf mala Somaaleefi Affaar gidduu jiru cimuu isaatiin filannaa gaggeessuuf rakkisaa ta’uun isaa ibsame.
Gaaffiin daangaan naaf malaa Affaariif Somaalee gidduu jiru cimee kan itti fufe yommuu ta’u, kanaanis buqqa’uufi tasgabbii dhabuun lammiilee haala olaanaadhaan babal’achaa dhufuu isaa itti aanaa itti gaafatamaan waajjira bulchiinsaa naannoo Somaalee obbo Mohaammad Roobilee Addis maaledaatti himaniiru.
Milishoonni naannoo Affaaritti argaman gochaan lammiilee nagaa dhoowwuufi jeequu itti fufee jira kan jedhan obbo Mohaammad iddoo Adaayituu jadhamutti dhalattoota Somaalee kanneen guutummaan guututti to’achuu isaanii ibsaniiru.
Milishoonni naanno Affaaritti argaman magaalittii gubuudhaan hawaasni naannichatti argamu akka buqqa’u taasisaniiru jechuudhaan obbo Moohamad Addis Maaledaaf ibsaniiru.
Dhalattoonni Somaalee bakki itti jiraatan Adaayituun daangaa naannolee lammeeniitti kan argamtu ta’uu isheetiin milishoota naannoo Affaariin qabamtee jiiraattotaaf rakkoo guddaa taatee akka turte obbo Mohaammad dubbataniiru.
Yeroo ammaa kana milishoonni Affaar magaalattii guutummaan guututti to’annaa isaanii jala kan oolchan yommuu ta’u, nageenya lammiilee eegudhaaf hedduu itti cimuu dubbataniiru.
Haalichi rakkisaafi humna keenyaa ol ta’uu isaatiin nageenya jiraattotaa eegsisuudhaaf hedduu rakkanneerra jedhan obbo Mohaammad.
Uummanni nageenya barbaadu yoo jiraates naannolee lachuutti hawaasni nagaa barbaadu naannolee lachuuttuu wal fakkaataa waan hin taaneef inni tokko nagaa wayita barbaadu, inni biraa nageenya jeeqaa ta’aa dhufuun sababii olaanaa ta’eera jeedhaniiru.
Raayyaan ittisaa naannicha ga’ee akka tasgabbeessu irra deddeebiin waamicha taasisnus guyyaa sadi keessatti ni qaqqabna jedhanii turan. Ta’ullee dhufanii deebii nuuf kennuu hin dandeenye jedhan.
Obbo Mohaammad akka jedhanitti gama keenyaan hedduu nutti ulfaateera; raayyaan ittiisaas milishoota kana baasuu hin dandeenye nuun jedheera jedhan.
Jalqaba milishoota Affaariin magaalaan yommuu weeraramtu raayyaan ittisaa kan ture yommuu ta’u, milishoonni naannichaa guutumaan guututti naannicha weeraruudhaan manneen magaalichaa gubaniiru jechuudhaan ibsaniiru.
Raayyan ittisaa furmaata fidna nuun jedhee kan ture ta’us, garuu gargaarsa tokkoyyuu nuuf hin finne; kanaaf jiraattonni rakkoo hamaaf saaxilamaniiru jeedhaniiru.
Akka ibsa obbo Mohaammaditti yoo ta’e naannoo Somaaleetti filannaan kan gaggeeffamu qaammee dhufu ta’us haalli amma jiru hedduu cimaa ta’uu isaatiin filannoo gaggeessuuf yaaddoo itti ta’uu dubbatan.
Gidduu kakaasiin filannoo jalqabeetti naannolee hedduutti kakaasiin filannoo gaggeeffamaa tureera. Yeroo ammaa garuu naannolee biyyattii kan birootti filannaan gaggeeffame xiyyeeffannaa argatee kakaasiin tasiifamaa jirachuu dhabuu hubachuun ni danda’ama.
Filannichi amma qaqqabutti kakaasii filannoo taasiisuuf dhorkii tokkoyyu akka hinjjirre kan ibsan obbo Mohaammad paartiilen siiyaasaa yaroosaanii kana fayadamaa hinjiran jadhaniiru.
Filannon bakkawan garaa garaatti gaggefaman haqa qabessa taúsaaniitiin umattichii filachuudhaaf kaka’úmsa mullisaa turee garuummo iddowan nagenyi hinjjirretti buqaún walitti buínsiifii tasgabbi dhabuun umata filachuudhaaf kakaúmsa umatte dadhabsaa jira jadhan obbo Mohaammad
Filannaan bakka biratti gegefame haqa qabeesuummaa kan qabuu taúsaatiin umatiichi akka umataattis taé akka biyyaatti dorggommi gaarii qabaata jeedhamee yaadama.Umatiichiis fiilachuudhaaf qophaé ragaa gaá argachuusaafii paartiin tokko qoofaan iddo bulchiittummaa akka hinfudhanne ummatichii hubannaa akka qabuu obbo Mohaammad addis maaladaatti hiimaniiru.
Garuummo jedhuu obbo Mohaammad iddon Adaayiituu jadhamuu iddo filannon itti hingaggefamnee taúsaafii Soomaaleetti ummanni filachuudhaaf qophaé obbolaawansaa buqaá filanno geggesuuf xiin sammudhaan qophaaún akka hin hiranne yaaddo akka qaban addis maaladaatti himaniiru.
Haawasnii naanno Somaalee fii dhaabbileen naannichatti argaman buuqaatootaaf gargaarsa taasiisaa jiru.naannichii amma dandaée lamiilee buqaániif deegarssa lammummaa taasiisaa kan jiruu taús gaá taú dhiisuusaa himaniiru.Dabalataan naannolee lachuu giddutti mareewan gaggefaman furmaata tokkoyyu fidu hindandenya jadhaniiru.
Dhalattota naanno Somaalee magaalaa kessa jiran buqisanii rakko hamaa kesa galchuudhaan humnii biraa magaalatti yommu toaátu akka biyyatti haala hamaata kessa jirra jachuudhaan addis maaladaatti himaniiru.
Dhimmicharatti motummaan naanno Affaar yaada qabu itti dabaluuf addis maaladaan yaalii yoo taasiftees amma gazeexaan kuun maxanfame baútti deebii arggachuu hindandenye.
ቅጽ 3 ቁጥር 138 ሠኔ 19 2013


