Jiddu galli gargaarsaa Maqeedooniyaa birrii milyoona 100 waadaa galameef keessaa dhibbentaan 10 qofa akka argate himame

0
756

Jiddu galli gargaarsaa Maqeedooniyaa dhaabbilee gara garaa irraa waadaan galameefii kan ture birrii miliyoona 100 keessaa kan galii ta’e birrii miliyoona 10 qofa akka ta’e beeksiseera.
Jiddu galichi sababa hanqia maallaqaa kanaan dura isa mudateetiin sagantaa galii walitti qabuu qopheessee akka ture nibeekama.

Kanaanis qophii galii walitti qabuu galma bar-kumeetti adeemsifame irratti dhaabbileefi namoonni dhuunfaa jiddu galichaan hanga birrii miliyoona 100 deeggaruuf waadaa akka galan abbaafi daayireektarri jiddu gala gargaarsaa Maqeedooniyaa Biiniyaam Ballaxa himeera.

Haat’uutii birrii miliyoona 100 dhaabbileefi namoota dhuunfaatiif deeggarsaan kennamuuf waadaan galame keessaa birriin miliyoonni 10 qofaan galii akka ta’e kan ibse daayireektarichi weerarri COVID-19 guutuu addunyaafi biyya keenyatti waan uumameef dhaabbileefi namoonni dhuunfaa waadaa galan akkaataa waadaa galaniitiin deeggarsa taasisuu akka dadhabn eeraniiru.

Akkaataa waadaa galameetiin maallaqa galii hintaane fudhachuuf carraaqqii taasisaa akka hinjirres Addis Maaldaan hubachuu dandeessee jirti.
Maallaqni waadaa galame akkaataa waadaatiin waan galii hintaaneef jiddu galichi rakkoo hanqina maallaqaa ol’aanaadhaaf akka saaxilames dabaluun himaniiru.
Jiddu galichi maallaqa waadaa galameef utuu argatee namoota hedduu daandii irraa kaasuu kan danda’u akka ture kan eeran daayireektarichi kunis jiddu galichi waan karoorfate galmaan akka ga’uuf shoora ol’aanaa gumaacha ture jedhan.

Akka daayireektarichi himanitti jiddu galichi gamoowwan ijaarsisaanii eegalamuun hinxumuramne hatattamaan xumuramuun tajaajila kennuu akka danda’aniif haala ol’aanaadhaan deeggara ture.

Jiddu galichi maallaqa muraasa sagantaa galii walitti qabuu kanaan duraatiin argateen manguddootaafi namoota sammuun dhukkubuuf mana jireenyaa akkasumas gamoo tajaajila wal’aansaa kennu akka ittiin ijaare Biiniyaame yaadachiiseera.

Kana malees daayireektarichi baasii ol’aanaa wal’aanamtootaa hir’isuuf yaaduudhaan gamoo namoota kuma kudhaniif ta’u naannawa Ayaatitti ijaaraa akka jiru kan nutti hime yoo ta’u itti dabaluumis jiddu galichi hojiiwwan eegale itti fufsiisuufi hanqina maallaqaa mudateen furuuf sagantaa galii walitti qabuu akka qopheessu beeksiseera.

Maallaqa dabalataa argachuuf dhaabbileenh mootummaafi miti mootummaa hojii jiddu galichaa akka daawwatan taasifamaa akka jirus himeera.Sagantaa daawwannaa kanaan ministirri Daldalaafi Induustirii obbo Malaakuu Allabal iddootti argamuudhaan gamoo ijaarsisaa eegalme daawwataniiru jedhe.

Gamoon ijaarsisaa eegalme hanga xumuramutti mana hojiisaanii bakka bu’uudhaan hanga danda’an deeggarsa jiddu galichaaf barbaachisu taasisuuf waadaa akka galan daayireektarichi eeruudhaan,sanada waadaa qophaa’e irratti ministirichi akka mallatteessanis himeera.

Karaa birootiin jiddu galli gargaarsa manguddootaafi dhukkubsattoota sammuu Maqeedooniyaa iddoo amma Ayaatitti qabu malees gutuu biyyaatti iddoowwan adda addaatti manguddootaafi dhukkubsattoota sammuu dhaqqabuuf hojjechaa akka jiru beeksiseera.Kanaafis jecha naannawa biyyattii gara garaatti dameewwan jiddu galichaa banuuf hojjechaa akka jiru eeraniiru.Kanas galmaan ga’uufi jiddu galicha babal’isuuf ijaarsa gamoo raawwachaa akka jiru Biiniyaam beeksiseera


አዲስ ማለዳ 03 Adoolessa 2013 No 3

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here