Tamsiin vayirasii HIV magaaloota jiru isa baadiiyaa jiru dachaa torbaan akka caalu ibsamee

0
890

Vaayirasiin HIV Biyyattit kesuumaammo ameentaan tamsiisaa magaaloota jiru sadarkaa ol’aanaa irra akka jiru ibsame.Tamsiin vaayirasiichaa magaaloota jiru isa badiiyyaa jiru waliin wal bira qabamee yammuu ilaalamuu dachaa torbaan caalmaa akka qabu beekameera.

Finfinnetti Gaambbellaafii naannolee magaalummaan itti babalachaa jirutti tamsiinsaa sadarkaa ol’aanaarra akka ga’ee kan beekame yammu ta’u Tamsiin HIV Itiiyoophiiyaatti yaaddo fayyaa ta’ee itti fufaa akka jiru ministirri fayyaa Dr Liiyaa Taaddasaa guyyaa HIV edsii idil adunyaa biyya kenyatti yeroo 33faaf kabajameeratti dubbachuunsaanii niiyaadatama.

Qaamoolee vaayirasiichaaf saaxilamoo ta’an keessaa namootiin tajaajila geejjiiba guutu biyyatt iratti bobba’an dubartoota mana dhuugaatii keessa hojjatan namoota ga’iila diigan barattoota dhaabbilee baruumsaa ol’aanaa vayiirasii kanaaf saaxilamoo ta’uunsaanii hiimameera.kanatti dabalees yeroo ammaa humna namaa ol’aanaa sochoosaa kan jiran paarkkiwan induustriitti heddummachaa jiraachuun beekameera.

Ameentaan tamsiisaa kornayaatiin qabee yammu ilaalamuu dubarttonni warreen dhiiraa iirraa dachaa lamaan carraa qabamuun isaanii ol’aanaadha jadhameera.

Tamsiin vaayirasii HIV eedsii biyya kenya jiru harka dhibba kessaa 0.86 irra akka jiru kan ibsame yammu ta’u akkaataa dhaabata fayyaa aduunyaatti biyyi tokko lakkofsa umataa qabddu kessaa harka dhibba kessaa 1 ol vaayiirasiichaan kan qabame yoo ta’ee sadarkaa wareeraatiin kan ibsamu yammu ta’u amma ammaatti Itiiyophiiyaatti dhukkubichii sadarkaa wareeraa irra hin geenyee.

Itiiyophiiyaatti bara 2013tti qofa namootiin vaayirasichaan qabaman haarwaan kuma 11fi dhibba 715 kan argaman yammu ta’u waggama kanatti lamiileen kuma 12fii 685 vaayirasii HIV fii sababbi biraa lubbuun isaanii badeera.Wayiita ammaa waluumaa galatti namootnni kuma 622 fii 326 vaayirasii kana waliin akka jiraatan waajira to’annaafii horddoffii HIV fadaraalaatti dayirekttarri karoora horddofiif qorannaa addee Natsaanaat Haaniiko Addis Maaladaatti himaniiru.

Saddarkaa guutuu biyyaatti lakkofsa namootii vaayirasiichaan qabamanii gad buusuudhaaf karoorri qabamee yoo hojjatamees milkkesuun akka hin danda’amne kan ibsame yammu ta’u karooraan namoota vaayiirasiichaan qabaman harka dhiba kessaa 75 gad hiiriisuu yoo ta’ees kan milkkesuun danda’amee garu harka dhibba kessaa 52 qofaadha.

Wareera kooronaa waliin walqabatee hojiin bala’a kan hojjatamee ta’u kaasani ikoroonaan namootii dhukkuba dabalataa biraa qaban heddu hubuusaafii namootiin vayiirasii HIV qaban immo dhuukuboota biraatiin qabamuun isaanii heddu saaxilamaa waan ta’eef kana ittisuudhaaf hojiin guddaan hojatameera.

Kana kessaa qoriicha fudhachuudhaaf deddebii kana dura baatii baatiidhaan turee baatii sadii amma baatii jahaatti dhereesuudhaan namootiin vayirasiichii dhigasaanii kessa jiruu carraan koronaatiin qabamuusaanii akka xiqqaatuu taasiifamuunsaa kanaaniis bu’an gaariin galma’uusaa dayirektarittin Addis Maaladaatti himaniiru.


አዲስ ማለዳ 15 Adoolessa 2013 No 8

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here