Jirbii qopha’aa toonii kuma 55 kessaa amma ammaatti kan argame tonii kuma 33 qofadha
waggaa bajataa 2013tti induustriin huccuu sababbii heddu qoramuusaa instiitiyuutiin misooma induustrii huccuu Itiiyophiiyaa ibse.
Yeroo ammaa kana rakkoon tasgabbii iddoowwan hunddaatti uumamuunsaa deemsa investmantiifii induustrii babaliisuu iratti dhiibbaa bulchaa jira.rakkon tasgabbii biyyatti kessa jiru abbotiin qabeenyaa gara damee kanaa akka hin gallee taasiisuurra darbee warreen itti seenanii jiraniis yaaddo akka itti ta’eefi keessaa ba’u akka yaadan isaan taasiisuu akka danda’u yada’ameera.
Kuutaa biyya kenyaa karaa kaabaa Onkololeessa 2013 irraa jalqabee waraana gaggeffamaa jiruun Ma gaarmantii dabalee warshaaleen huuccuu hedduu gutuummaan gutuutti hojii dhaabuusaanii iniistiitiyuutichii ibseera.
Waggaa darbee homshnnii jirbii heddumminaan iddoo itti homishamu kessaa tokko kan ta’ee naanno Beeniishaangul Gumuuzitti homshnnii jirbii olaanaan yoo homishamees sababbi rakko nageenyaa ture hojjattonni gara nannichaa demanii homishicha funaanuufii yeroodhaan walitti qabuuf yaaddon akka turees dayirektara dhimmoota komunikeeshinii iniistitiyuutii misooma industrii huccuu Itiyoophiiyaa obbo Bantiyihuun Gassasa dubbataniiru.
Sababbi rakko nagenyaa biyyatti jiruu hoomshittummaan induustruii huccuu sadarkaa barbaaddamuun waan hin guddannef kan himan dayrektarichii baatiitti yoo xiiqaatee galii amma birrii miliyoona tokko galchaa turan yeroo ammaa kana galchuu akka hindandenyee muliateera.sababii kanaas induustriin sadarkaa gaariirra ture goddaniisa akka ummuu yada’ameera..
Induustriin huccuu kuun rakkoo heddu kessa darbaa akka jiruufi kana kessaa akka biyyattis fuurmaata dhabee kan itti fufee rakkoon sharafa alaa induustrii kanas qoraa jira .Maasaan qonnaa jirbii keemikaala yaroodhaan hin argatan taanaan deemsa homishichaafii qulqullina isaaratti dhiibbaa mataasaanii bulchuu.keemiikaallonni barbaachiisoo kuun sababbi hiiridh’na sharafa alaa yeroodhaan gara biyyatti galuu yoo dadhaban homisha jirbii kana iratti gad bu’insa ol’aanaa uumuu jachuudhaan obbo Bantiyihuun Gassasa nii duubbatu.
Bara 2012tti uumamee dhiibbaa dinagdde ola’anaa aduunyaa iratti kan fidee sababbii wareerra koroonaa hojjattota dabareedhaan hojjachiisuudhaan of eegganno nageenyaa dhiyyesuudhaan baruumsa hubannaa kennudhaan wareerichii induustrii irratti dhiibbaa ciimaa ittu hin uumiin darbuun kan danda’amee yammu ta’u rakkoon nageenyaa amma jiruu induustrii huccuu kana heddu qoraa jiraachuunsaa mula’ateera.
Kanatti dabalees Ganna darbeetti homshnni jirbii homishamaa kan jiruu naanno Afaaritti lagnnii awaashi akka malee guutee sababbi loolaan ciimaa qaqabeen homshnnii jirbii abddiin guddaa irra ka’amee ture gutuummaan gutuutti baduusaa dayirektarichii kan dubbatan yammu ta’u kuunis feedhii jiru irattii hirrinni akka uumamuu taasiiseera jechuun dabalu.
Bara 2013tti Jirbiin qopha’a toonii kuma 55 kan barbaadamee ture ta’e homisha biyya kessaatiin argachuun kan danda’amee garuu jirbii toonii kuma 33 qofadha.garaa garummaa dhiyyesiif feedhii giiddu jiru guutuudhaf warshaalee alaa galchiisiisuu danda’aniif carraa isaa kenammusaa Baantiyihuun dubbataniiru.
Itiiyophiiyaan homisha jirbiif biyya mijooftuufii humna guuddaas kan qabddu ta’uunshee yoo beekamees humna jiru siritti fayadamuuf hiirinni jiraachuunsaa kanas immo sirresuudhaaf kan danddesiisuu karorri tarsiimoo’aa waggaa 15 qophaa’ee gara hojjitti galamuudhaaf inistiitiyuutiin misooma industrii Itiiyoophiiyaa deemsarra jiraachuu dayirektariichii Addis maladaa beeksiisaniiru.
አዲስ ማለዳ 15 Adoolessa 2013 No 8


