Daldalli bineensota bosonaa karaa seeraan alaatiin daaangaawwan Itoophiyaa irratti babal’achaa dhufuun ibsame

0
1168

Itoophiyaan sadarkaa adunyaatti ulaa daldala seeraan alaa bineensota bosonaa ta’aa jiraachuun ishee sadarkaa yaaddessaa irra gahaa jiraachuun himameera.
Daangaawwan Itoophiyaa; keessumattuu naannoo Sumaaleetti Toogoo Caaleen buufata daldala seeraan alaa bineensota bosonaa olaanaa ta’aa dhufuu isaa ogeeyyiin damicha qoratan ibsaa jiru. Cancalli daldala seeraan alaa bineensota bosonaa kun Afriikaa-bahaatii hanga lixaatti diriiree jiraachuu isaa damicha kan qoratan Dr. Masfiin W/ Samaayaat ni dubbatu.

Bineensota bosonaatiif xiyyeeffannaa addaa kennuun kan hojjettu Keeniyaa dabalatee, bineensonni bosonaa, sinbirroonni, ilki arbaa fi kal’een bineensota adda addaa biyyoota adda addaa irraa dhufuun gabaatti akka dhiyaatan Dr. Masfiin Addis Maaledaatti himaniiru.

Bineensonni kunneen, keessumattuu ilmaan amaaketaa (Abboshammaanee) haala hinmijanneen, karaa seeraan alaatiin galaana irra geejjibamanii, gara Yemen, achiis gara biyyoota adda addaatti geeffamu. Geejjiba galaanaa kanaan karaa seeraan alaatiin bineensota daddabarfaman afur keessaa tokko qofti bakka kaayyeffame akka qaqqabu ogeessi kunuunsa beeladaa Dr. Masfiin Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Bineensota bosonaa tajaajila mana keessaatiif oolchuun seera adunyaatiin utuu hinhafin kan dhorkame yoo ta’u, bara 1995 irraa eegalee daldalli amaaketaa sadarkaa adunyaatti dhorkameera. Hata’u malee bara 2010 hanga 2019tti amaaketni kumni sadii fi 600 ol karaa seeraan alaatiin kan gurguraman yoo ta’u, kana keessaa dhibbeentaa 10 qofatu too’annoo kabachiistota seeraa jala ooluu danda’an.

Dhaabbanni Eegumsa Bineensota Adunyaa (World Animal Protection) jedhamu yaada waliigalaa qorannoodhaanin mirkaneesseera jedheen, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa daldalli bineensota bosonaa seeraan alaa akka babal’atuuf shoora olaanaa gumaachuu isaa eereera.

Bineensonni bosonaa harma hoosisanuu fi lafa irra loo’a hedduun ka’umsa isaanii Afriikaa giddugaleessaa fi lixaa taasifatan, Daandii Qilleensaa Itoophiyaatiin geejjibamuudhaan, gara biyyoota adda addaatti, keessumaayyuu gara giddugaleessa bahaatti geeffamuun tajaajila mana keessatiif akka oolan dhaabbatichi gabaasa isaatiin mul’iseera.

Dhaabbatichi gabaasa isaatiin akka dubbisiise yoo ta’e, biyyoota giddugaleessa bahaa bdabalatee, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa bineensota bosonaa gara Jaappaan, Kooriyaa-kibbaa, Taayilaand, Hoong-Koong, Omaan, Maaleezhiyaa, Jermeen, Xaaliyaanii fi Yuunaayitid-Kiingidamitti akka geejjibu beekuun danda’ameera.

Bu’ura qorannoo dhaabbatichaatiin, bineensota bosonaa Daandii Xiyyaarichaatiin geejjibaman keessaa Loccuu, Qocaa, Bofaa fi gosoonni Hadh’aa Gammoojii kan eeramanii dha.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa gama isaatiin, “akkaataa miseensa Waldaa Qilleensa Adunyaa ta’uu kiyyaatiin, bineensota lubbuun jiran kanan geejjibu haala nageenya bineensichaa eegee fi karaa seera qabeessa ta’een” jechuun himata itti dhiyaate toora marsariitii isaatiin balaaleffateera.

Abbaa Taayitaa Bineensota Bosonaa Itoophiyaatti miseensi daayirektoreetii seeraan ala naannessa bineensota bosonaa, himati Daandii Qilleensichaa irratti dhiyaate dhugaa irraa kan fagaate ta’uu isaa Addis Maaledaatti himaniiru.

Yakki dhaabbanni kun bira gaheera jechuun eere, duula maqaa Itoophiyaa balleessuuf warri lixaa Itoophiyaa irratti banan keessaa tokko ta’uus ibsaniiru.
Amaanu’eel Tafarraa jiraataa Toogoo Wucaalee yoo ta’an, “miseensonni Gumurukaa naannawaa keenya jiraatan mattaa fudhachuudhaan bineensonni bosonaa karaa seeraan alaatiin gara Sumaalee Laanditti akka bahan ni tumsu” jechuudhaan ragummaa isaanii Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Kanumaan walqabsiisuudhaanis, ji’a ji’aan yoo xiqqaate amaaketnni afur Itoophiyaa keessaa ka’uun gara biyyoota Arabaatti karaa Sumaalee Laandiin karaa seeraan alaatiin ni bahu jechuun Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Saa’udii Arabiyaa fi Emireetota Araba Gamtoomaniitti gabaan bineensota bosonaa ho’eera. Keessumattuu Araboonni dureeyyiin muuxannoon bineensota bosonaa akka bineensota manaatti horsiisuuf qaban dabaleera kan jedhan, kunuunsaa fi eegumsa bineensota bosonaatti kan bobba’anii fi Addis Maaledaan kan dubbise, ogeessa maqaan isaanii akka hineeramne barbaadanii dha. Akka jecha ogeessichaatti “wayita ammaa amaaketni tokko biyyoota Arabaa giddugaleessa bahaatti hanga doolaara kuma 10tti” gurgurama.

Ogeessichi kanumaan walqabsiisuudhaan, “ilmaan amaaketaa qabuudhaan naannessitoota seeraan alaatti kan dhiyeessan baay’inaan Itoophiyaanota kan jedhan yoo ta’u, ilmoo tokkoof birriin Itoophiyaa kuma 10 hanga kuma 15 akka kaffalamuuf” Addis Maaledaatti himaniiru.

Najuu Jaamuu dhalootaan Itoophiyaa yoo taatu, hojii kunuunsaa fi eegumsa bineensota bosonaatti bobbaateetti. Shamarreen kun, naannoon Sumaalee-Itoophiyaa seera dhabeessota amaaketa fudhachuudhaan gara biyyoota Arabaatti ceesisanuuf toora olaanaa ta’uu isaatu ibsiteetti.

Adunyaa irratti amaketoota kuma torbaa fi 100 qofti bosona keessa jiraachuu kan ibsu gabaasni Dhaabbata Egumsa Bineensotaa (World Animal Protection), kana keessaa dhibeentaa 90 kan ta’an Afriikaa keessatti akka argaman mul’iseerra.


አዲስ ማለዳ 9 Muddee 2014 No 26

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here