Dursaan raayyaa Sochii Biliisummaa Ummata Biiniishaangul Gumuz duraanii mana sirreessaa Asoosaa keessaa miliqeera

0
1321

Kanaan duras hidhaan umurii guutuu itti murtaa’ee miliqee ture

Dursaan raayyaa Sochii Biliisummaa Ummata Biiniishaangul Gumuz duraanii Abdulwahaab Mahaad bakka itti hidhamee ture mana sirreessaa godina Asoosaa keessaa miliquu isaa hoogganaa olaanaan naannichaa tokko Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Hidhaan waggaa sagalii kan itti murtaa’e Abdulwahaab kan miliqe Muddee 18 bara 2014 ta’uun ibsameera. Namichi kun kanaan duras bara 2001tti hidhaan umurii guutuu itti murtaa’ee kan turee fi; bara 2002tti mana sirreessaatii miliquun gara Ertiraa seenee humnoota Itoophiyaa waraanan wajjin hojjetaa akka ture ibsameera.

Kanatti fufuunis bara 2009tti mootummaan federaalaa fi kan naannoo garee namichi kun hoogganu waliin marii nageenyaa taasisuun waliigalee gara Itoophiyaatti seenuun nagaan jiraachuu eegalee akka ture eerameera.

Hidhattoonni namichi kun dursaa ture mootummaa irraa maallaqa ittiin bayyanatanu birrii miliyoona 20 fudhachuun erga faffaca’anii turanii booda; bara 2010tti wayita Asoosaa irratti hubaatii qaqqabsiisan dursaan isaanii kunis hirmaachuun lubbuu namaa balleesseera jedhameera.

Kananis namichi himatamee erga falmaa turee booda; mana murtii olaanaa federaalaatiin hidhaan waggaa 16 fi ji’a jahaa itti murtaa’ee akka ture beekameera. Kun utuu kanaan jiru; namichi abbaa alangaa federaalaatti ol-iyyata dhiyeeffachuudhaan adabbiin isaa gara hidhaa waggaa sagaliitti akka hir’atuuf yoo taasifames; abbaan alangaa murtee adabbichaatti waan walii hingaliniif utuu falmii irra jiruu namichi miliqee baduun isaa himameera.

Namichi kan itti murtaa’e dhaddacha naannawaa mana murtii olaanaa federaalaatiin ta’ee; maatii isaatti akka dhiyaatuuf jedhamee gara manneen sirreessaa federaalaa Finfinnee jiraniitti akka hingeeffamin himameera.

Hidhamaan kun mootummaa federaalaa fi naannootiin ciminaan barbaadamaa fi hordoffii cimaan itti taasifamaa turuu isaatiin; mana sirreessaa hidhamtoonni baay’een jiran keessaa guyyaa saafaa ifatti yeroo lammaffaaf miliquun isaa; shirri wayii utuu hinjiraatin akka hinhafne mul’isa jechuun hoogganaan hojii olaanaan Addis Maaledaaf odeeffannoo kennan eeraniiru.

Wayita ammaatti humnoonni nageenyaa naannoo Biiniishaangul Gumuz hidhamaa kana barbaadaa yoo jiraatanis; bakkichi Sudaanitti dhiyaachuu, akkasumas namichi bahaa fi gala sana sirriitti beekuun isaa; qabsoodhaanis naannoo waggoota 20 kan ture waan ta’eef akka salphaatti argama jedhamee akka hinyaadamne hooggantichi ibsaniiru.

Namichi erga Sudaan seenee boodas akkuma kanaan duraa dargaggoota filatee leenjisuun; aanaalee godinaalee Asoosaa fi Matakkalitti gochaa gooltummaa isaa bifa walfakkaatuun itti fufuu akka danda’u eerameera.

Namoonni Abdulwahaabiin tumsaa turan Sudaan keessatti dargaggoota baay’ee leenjisuun naannicha keessatti jeequmsa uummaa turaniiru kan jedhan namni yaada kennan kun; kanaanis namichi mana sirreessaa keessaa miliquun isaa nagaa fi tasgabbii naannichaatiif balaa qaba jedhaniiru.

Hoogganaan qajeelcha mammeen sirreessaa godina Asoosaa Komaandeer Haruun Abdurramaan Addis Maaledaatti akka ibsanitti; namtichi erga itti murtaa’ee ji’oota jaha booda Abbaan Alangaa adabbii isaa irratti gaaffii dhiyeessuun isaa daraan akka isa dallansiisee fi maqaa hojii misoomaatiin mana sirreessaatii wayita bahetti miliquu isaa ibsaniiru.

Namoonni yakka walfakkaatuun isaa wajjin itti murtaa’er turan afur yeroo adabbii isaanii xumuranii bahaniiru. Namichis kan itti murrtaa’e waggoota sagal keessaa walakkaa isaa xumuree akka turee fi; erga yeroon isaa darbee booda Abbaan Alangaa bu’uura seeraatiin alatti hidhaa isaa irratti gaaffii waan dhiyeesseef yeroo dabalataaf akka hinhidhamneef jecha miliquu isaa hooggantichi ibsaniiru.

Abdulwahaabiin alatti sirreeffamaan biraa mana sirreessichaa keessaa akka hinmiliqin kan ibsan hooggantichi; innis guyyoota dhiyoo keessatti too’annaa jala ni oola yaada jedhu qabaachuu isaaniis ibsaniiru. Kanumaan walqabsiisuunis namichi gara Sudaanitti akka hinceeneef bakkeewwan hundi humnoota nageenyaatiin cufamuu ibsanii; hidhamtichi gara Sudaanitti baqachuu irra ofitti gaabbuudhaan deebi’ee dhufa amantaa jedhu qabaachuu isaaniis dubbataniiru.


አዲስ ማለዳ 23 Muddee 2014 No 28

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here