ABO Shanee fi Mootummaan gara waliin dubbiitti akka dhufan Bakka bu’oonni Ummattaa gaafatan.

0
3440

Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Itoophiyaatti miseensonni naannolee Oromiyaa bakka bu’an ABO Shanee fi Mootummaan Itoophiyaa waliin dubbachuun nageenya akka buusan gaafatan.

Bakka bu’oonni saddeettama ta’an gaaffii kana kan dhiyeessan tokkummaan xalayaa qabxiilee kudhan qabu barreessaniini.  Xalayaa kanas Muummee Ministeraaf, Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiif,  Mana Maree Federeeshiniitiif fi Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif galchuun isaaniis hubatamee jira.

Mootummaan Itoophiyaa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay wajjiin dubachuun nageenya akkuma buuse, rakkoon dhimma nageenyaa fi tasgabbii amma Oromiyaa keessatti mul’achaa jiru akka hiikamuufis haala wal fakkaataa ta’een mootummaan ABO Shanee wajiin waliin akka dubbatu xalayaa kanaan gaafatan.

Godina Wallaga bahaa aanaa Jimmaa Arjoo bakka bu’uun miseensa mana marichaa kan ta’an G/Piroofesaraa Buzaayyoo Dagafaa  ibsa Sagalee Jarmaniif  kennanniin xalayicha keessatti dhimma waliin dubbiin ala Ummata Oromootiin jechi `Abbaa Dardee` jedhu akka dhabbatuu fi daangaa Oromiyaa dhiibuunis akka dhaabbatu gaafachuu isaabii ibsan.

Ajjeechaa fi bakka jireenyaa irraa dimshaashaan  buqqa’uun ummataa waggootii arfan darbaniif Oromiyaa keessatti bali’inaan muudachaa jira. Rakkoo kanaaf adda durummaan Humni ABO Shanee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Biyyoolessaattiin shororkeessitummadhaan fo’atame itti gafatammummaa qaba jedhama.

Rakkoon kun cimaa dhufuu isaatiin qaamoleen adda addaa mootummaan ABO shanee wajjiin akka waliin dubbatuu fii nageenyi akka bu’u gaafachaa turan.  Haa ta’u malee karaa mootummaatiin ejennoon ifaafi tokko ta’e mul’achaa hin turre. Mootummaan yeroo tokko tokko garaagaruummaa qaama kamiyyuu waliin jiru waliin dubbachuun hiikuu akka fedhu  yoo ibsu, yeroo biraa immoo keessattuu ABO Shanee waliin dubbachuu akka hin feene ibsaa ture.  Dhiyoo kana immoo Mootummaan Naannoo Oromiyaa karaa itti gaafatamaa biiroo Kominikeeshinii isaa Hayiluu Addunyaatii ibsa kenneen ABO shanee wajjiin waliin dubbiif taa’uu akka hin feene ibsee jira.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here