Mana mare bakka bu’oota Ummataa biyyoolessaatiin Shororkeessitummaan kan maqfame ABO Shaneen tarakaanfii waraana mootummatiin irratti fudhatameen naannoowwan walagga dhihaa keessati qabatee ture gadhiisee bahee jira jedhame.
Madda odeeffannoo kanaa kan ta’an Bulchaan godinichaa Salamoon Tamiruu akka jedhanitti Shaneen godinicha keessaa baqachaa kan jiru Humna gamtaa Raayyaa Ittisa Biyyaatiin hoogaanamuun waraana irratti banameeni.
Nageenya Ummataa kabachiisuun hojii adda dureedha kan jedhan Salamoon, Tarkaanfii Shanee balleessuuf taasifamaa jiru kanaaf Ummanni tumsa gochaa akka jiru himan.
Humnoota Shanee irratti tarkaanfii fudhachuunii fi seeratti dhiyeessuun Ummanni boqonnaa akka argatu gochuun danda’ameera kan jedhan Kantiibaan Magaala Gimbii Daagim Malaakuu karaa isaanitiin Naannolee Shanee jala turan irratti tarkaanfiin erga fudhatamee booda nageenyi fooyya’aan aragamuu dubbatan.
Akka odeeffannoo toora hawaasummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa argameetti, hooggantoonni godinichaa tarkaanfii ABO Shanee irratti fudhatamaa jira jedhame ilaalchisee Raayyaa ittisa Biyyaa maddii dhaabbachuun akka deeggaran ibsanii jiru.
Kanaan duras humni Raayyaa ittisa Biyyaa godina Wallagga baahaatti erga boba’ee booda nageenyi naannichaa fooyya’aa akka dhufe Addis Maaladaan jiraattota naannichaa wabi godhachuun gabaasuun ishee ni yaadatama



