RAAYYAAN ITTISAA GAREE HIDHATTOOTA TPLFRRAA MEESHAALEE WARAANAA FUUDHE

0
429

Bu’uura waliigaltee nageenya Piriitooriyaan Raayyaan Ittisa Biyyaa guyyaa har’aa garee hidhattoota TPLF irraa meeshaalee waraanaa fuudhuu beeksise.

Waliigalticha hordofee kanaan dura walharkaa fuudhiinsi meeshaalee waraanaa gurguddaa taasifamuunsaa kan yaadatamudha.

Walharkaa fuudhiinsi meeshaa waraanaa guyyaa har’aa taasifame kunis qaama hojii kanaa ta’uu ibsameera.

Walharkaa fuudhiinsichi bakka Laaccii jedhamtu kan dhiyeenya magaalaa Maqaleetti argamtutti ta’uufi sirna walharkaa fuudhiinsasaarratti taajjabdoonni Gamtaa Afrikaa argamuu eerameera.

Walharkaa fuudhiinsi meeshaa waraanaa kun qaama waliigaltee nageenyaa ta’uu Bakka Bu’aan Raayyaa Ittisa Biyyaa Birgaader Jeneraal Darribee Makuriyaa ibsaniiru.

Bakka Bu’aan Garee Hodhattoota TPLF Birgaader Jeneraal Migbaay Hayilaan gamasaaniin, walharkaa fuudhiinsi meeshaa kun bu’uura waliigalteen raawwatamuu eeruun, hojiirra oolmaa waliigaltichaaf gaheesaanirraa eegamu bahachaa jiraachuu ibsaniiru.

Miseensi taajjabbii Gamtaa Afrikaa sirna walharkaa fuudhiinsa meeshaa kana kan taajjaban Birgaadeer Jeneraal Teefoo Sookooleen, walharkaa fuudhiinsi meeshaa kun waliigalteen nageenyaa haala gaariin hojiirra oolaa jiraachuuf agarsiistuu ta’uu ibs.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here