Aadde Birtukaan walitti qabdummaa Boordii Filannoo irraa ‘fedhaan’ gadhiisuu beeksisan

0
310

Walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa kan ta’an Aadde Birtukaan Midhagsaa fedha isaaniitiin aangoo gadhiisaa akka jiran beeksisan.

Waggaa afuriif walakkaa darbaniif walitti qabduu boordichaa kan turan aadde Birtukaan, tasa aangoo gadhiisaa akka jiran kan beeksisan fuula miidiyaalee hawaasaa isaanii gubbaa irratti.

Aangoo gadhiisuuf sababa murteessaniif yoo himan ”fayyaa koo akka ta’utti eeguuf boqonnaan yeroo dheeraa na barbaachisee waan argameefi” jedhan.

Murtee fedhiin aangoo gadhiisuu kana ALI Waxabajjii 5, 2015 waajira Afa-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf xalayaa eraganiin beeksisuu eeran.

Aadde Birtukaan gaafatama Boordii Filannoo Itoophiyaa keessaa qaban irraa guutummaatti kan ka’an ALI Hagayya 1, 2015 akka ta’ee ibsanii, ”yeroo hafte kesssatti hojiilee koo hin xumuramiin jiran xumuruu fi gaafatama ce’uumsa bulchiinsaa raawwachudha” jedhan.

Adde Birtukaan bara bulchiinsaa EPRDF keessa yeroo dheeraaf hooggantuu dhaaba mormitu turan. Himannaa adda addaanis hidhaa kan turan aadde Birtukaan Miidhagsaa waggaa afuriif walakkaa dura biyyatti deebi’uu isaaniin dura waggootaaf Ameerikaa turan.

Aangoo walitti qabdummaa Boordii Filannoottis kan dhufan waamicha Ministirri Muummee Abiy Ahimad taasisaniifiini.
Aadde Birtukaan turtii isaanii waggoota afuriifi walakkaa keessatti Filannoo biyyaalessaa tokkoofi riifarandamii sadii raawwachuu isaanii ibsan.

”Gaafatama natti kenname seera qabessummaa, haqummaa fi gaarummaan raawwachuuf yaalaa tureera” jedhan aadde Birtukaan.

Itti dabaluunis ”gama koon amanamummaa boordichaa fooyyessuun, sochii paartilee siyaasaa jajjabeessuuf hojii hojjenneen milkoofneerra jedheen amana” jedhan.

Paartileen siyaasa ”yeroo murteen isaan hin gammachiisnellee darbu” boordicha waliin wal-hubannaan hojjetaa turan jechuun galateefataniiru.

Ogeeyyii buleeyyii boordichaa, waahillan isaanii dubartoota ta’an, MM Abiy Ahimadiifi Mana Maree Bakka Bu’oota Uumataa galateefataniiru.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here