ErmiyaasAmalgaa birrii miliyoona 200n tekinooloojii barnoota dijitaalaa gabbisuun isaanii ibsame.

0
608

 Hojii uumuun kan beekaman Ermiyaas Amalgaa dhaabbata tekinooloojii kan ta’e ‘Egle Laayen Siisteem Tekinooloojii waliin ta’uun gatii birrii miliyoona 200 caaluun hojmaata barnoota dijitaalaa qabatanii dhufuu isaanii beeksisan.

‘Egle Laayen Siisteem Tekinooloojiin kan gabbate hojmaanni ‘iskuul of kilaawud’ jedhamu kun bilbila moobaayilaa fi karaa marsariitiin tajaajilu kana irratti dureessichi Ermiyaas cimdoomina uumuun isaanii kan beekame yoo ta’u; turban dhufu hojmaatichi ifatti akka eebbifamu beekameera.

Turban dhufu kan eebbifamu ‘school of cloud’ kan jedhame hojmaanni bilbila moobaayilaa fi marsariitii kun hanqina barnootaa sababa hanqina qulqullina barnootaa fi gahumsa dhabuu barsiisotaatiin uumame karaa tekinooloojiitiin furuuf kan kaayyeffatee fi Itoophiyaatti isa jalqabaa kan ta’e mana barnootaa dijitaalaa hundeessuuf kan dandeessisu ta’uun eerameera.

Ermiyaas Amalgaa piroojeektii ‘school of cloud’ keessaa boqonnaa tokko kan ta’e gahee ‘master class’ qabatanii dameewwan adda addaatti keessumattuu dandeettii daldalaa, hojii uumuu fi damewwaan biraatiin muuxannoo qabanuu fi beekumsa karaa hojmaatichaatiin barnootaa fi leenjii kan ittiin kennan akka ta’u mirkaneessuun danda’ameera.

Yaadni maasteer kilaasii olaantummaadhaan ogummaa, xiinsammuu, akkasumas dandeettii hooggansaa gabbisuudhaaf kan kaayyeffate ta’uu isaa hindeessaa fi hoogganaan eegile laayins Bersufiqaad Geetaachoo ibsaniiru. Biyya keessaa fi biyyaan ala kan jiran hordoftoonni fi jaallattoonni Ermiyaas Amalgaa miliyoona lama caalan leenjichatti fayyadamoo akka ta’anuu fi hojmaatichaan namoonni dhuunfaa adda addaa hojmaatichaan dhiibbaa uuman akka itti makaman eerameera.

‘Maasteer kilaas’ biyyoota lixaa qarooman biratti kan baratamee fi doolaarri miliyoona hedduun kan ittiin socho’u yoo ta’u; adunyaa irratti jijjiirama adda addaa kan fidanii fi namoonni dhiibbaa uuman dinqisiiffattootaa fi hordoftoota isaaniitiif kan leenjii ogummaa ittiin kennanuu dha.

Barnoota bifa kanaan kennamu viizaa maasteer kaardii fi karaa kaffaltii dijitaalaa kan biraa biyya keessaa fi ala jiranuun biyya kamiinuu keessatti kan argaman maasteer kilaasii kana hordofuu namoonni barbaadan doolaara sadii hanga shanii ykn birrii 100n hojmaatichatti fayyadamuun hordofuu akka danda’an hundeessaa fi hoogganaan  Egle laayenii  Bersufiqaad Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Ermiyaas Amalgaa gama isaaniitiin leenjiiwwan turban dhufu hojmaatichaan gadhiifamanu keessumattuu dargaggootaaf dhiibbaa gaarii uumuu kan dandeessisan akka ta’anu Addis Maaledaatti himaniiru.

Hojmaata ‘school of cloud’n hojii uumuu, dandeettii daldalaa, gabbisa sammuu, eegumsa fayyaa, dandeettii hooggansaa guddisuuf leenjiin dandeessisu akka kennamu eeraniiru. Daldalaa fi hojii umuudhaan cinatti eegumsa fayyaa, aartii hooggansaa, sirna jireenyaa, gabaa kaappitaalaa akkasumas haala dinagdee Itoophiyaa irratti xiinxala gadi fageenya qabu akka kennanus Addis Maaledaatti beeksisaniiru.

Bersuufiqaad Geetaachoo gama isaaniitiin; ‘school of cloud’ manneen barnootaatti keessumattuu barattoota manneen barnootaa dhuunfaa fi mootummaa akkasumas barattoota magaalaa fi baadiyyaa gidduutti kenniinsa barnootaa fi fudhannaa barattootaa gidduutti garaagarummaabal’aa jiru hojmaata guutuuf dandeessisu ta’uu isaa eeraniiru. Tooftaan barnootaa dijitaalaa ‘school of cloud’ qulqullina barnootaa kan fooyyessu akka ta’us dubbataniiru.

Hojmaanni barnoota dijitaalaa kun sadrkaa jalqabaatii hanga sadarkaa lammaffaatti kan ce’uu yoo ta’u; gosa barnootaa hunda bifa fakkii fi seenessuutiin kan qabate dha. Kanaafis dandeettii hubachuu fi yaadachuu barattootaa kan dabaluu fi bifa addaatiin ibsituu Itoophiyummaa kan ta’e barnoota naamusaa hojmaata of keessaa qabuu dha jedhameera.

Adunyaa irratti guddaa kan ta’e gabaa eleektirooniiksii Chayinaa dhaabbata Aliibaabaa gara biyyaatti galee ji’oota jaha keessatti hojii akka jalqabu kan dhaga’ame yoo ta’u; sirna tekinooloojii Egle aayens waliin bittaa fi gurgurtaa Aliibaabaatiin gara hojiitti wayita galu kaffaltii eleektirooniiksii fi tekinooloojii odeeffannoo waliin dhimmoota walqabatan walumaan kan raawwatu waliigaltee duraa irra gahuu isaanii Ermiyaas Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Ji’oota itti aananus bakka bu’oonni Aliibaabaa gara biyyaa akka dhufanuu fi qorannoo gabaa fi hanga man-kuusaa akkasumas filannoo teessoo akka raawwatanu dubbataniiru. Bittaa fi gurgurtaan eleektirooniiksii Aliibaabaa karaa Ermiyaas Amalgaatiin yeroo jalqabaatiif Afriikaa keessatti hojii akka jalqabu kan beekame yoo ta’u; kanaanis guutummaa Afriikaatti bittaa fi gurgurtaa raawwachuu kan dandeessiu ta’uu isaatiin dabalatatti walitti hidhamiinsa daldala naannootiin sharafa olaanaa gara biyyaatti galchuu kan dandeessisu ta’uu isaa addatti Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Turtii Ameriikaa waggoota 20 booda bara 1988 gara Itoophiyaatti kan deebi’an Ermiyaas Amalgaa; dhaabbilee daldalaa adda addaa hundeessuun isaanii ni beekama.


አዲስ ማለዳ 14 Amajjii 2014 No 31

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here