Magaalaa Finfinneetti erga dhorkaan hayyama ijaarsaa ka’ee booda gatiin simmintoo kuntaala tokko irratti dabalata birrii 100 agarsiise.

0
891

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee dhorkaa damee ijaarsa gamootiin kan walqabatan tajaajiloota dhimma lafaa kaasuu isaa hordofuun gatiin simmintoo dabalata olaanaa agarsiiseera.

Dhorkichi erga kaafamee ji’a tokko qofa keessatti gatii simintoo kuntaala tokko irratti dabalati birrii 100 olii mul’achuu dha bitattoonni simintoo kan ibsan. Addis Maaledaanis magaalaa Finfinneetti bakkeewwan gurgurtaa simmintoo irra naanna’uun daawannaa taasisteen; simmintoon oomisha warshaalee adda addaa ta’an kuntaalaan birrii 650 hanga birrii 680tti wayita gatiin himamu ilaalteetti.

Maqaan koo hineeramin kan jedhan namni simmintoo raabsan tokko Addis Maaledaatti akka himanitti; duraan gosoota simmintoo adda addaa raabsaa kan turan yoo ta’u; amma garuu kan harka isaanii keessa jiru Itiyoo simmintoo qofa yoo ta’u innis birrii 680tti gurguramaa jira. Walqabsiisuunis turban lama dura simmintoon kuntaalli tokko hanga birrii 700tti gurguramaa akka turee fi turban torbaniin olka’uu fi gadi bu’uun gatii simmintoo hubatama akka jiru gurguraan kun ibsaniiru.

Namni kun itti dabaluudhaannis hanqinni simmintoo olaanaan uumameera erga jedhanii booda; “kanaan kan ka’es baay’een keenya waan simmintoo dhabneef jiipsamii gurgurra” jedhaniiru.

Addis Maaledaan kan dubbiste raabsaan simmintoo kan biraan Tasfaahun Darajjees akkasuma; simmintoo bituuf warshaadhaaf dursanii birrii kaffaluun yeroo dheeraaf yoo eeganis simmintoo argachuu akka hindandeenyee fi birrichis akka hindeebi’iniif ibsaniiru. Itti dabaluunis warshaalee irra idaan daldaltoota baay’ee akka jiru beeksisan.

Tasfaahun kanaan cinattis hojii fulla’insa hinqabne gandoonni hojjetanuun mufanneerra jechuun komii qaban dhageessisaniiru. “Tasa dhufuudhaan simmintoo akka gatii qaala’aatti gurgurtan dhageenyeerra jechuun nu jalaa saamsuuf yaalu” jedhaniiru.

Wayita hayyamni ijaarsaa dhorkametti gatiin simmintoo birrii 450 hanga 500 akka ture Addis Maaledaan raabsitoota irraa mirkaneeffachuu dandeesseetti.

Isaan duras mootummaan gabaa simmintoo gara hojmaata gabaa biliisaatti wayita jijjiirree fi raabsonnii fi qinxaabdonni kallattiidhaan warshaalee waliin wal quunnamuun oomisha hanga barbaadan gatii barbaadaniin akka bitan wayita taasisettis akkasuma qaala’insi gatii olaanaan mul’atee akka ture ni yaadatama.

Yeroo ammaas gabaa biliisaa mootummaan dursee hayyameen walqabatee; kan faayidaan isaanii jalaa tuqame, sona kan itti hindaballe, faddaaltonni gidduu seenan hanqinni simmintoo fi qaala’insi gatii akka uumamu taasisaniiru komii jedhu dhiyeessu. Sababa kanaanis gatiin simmintoo haala olaanaadhaan kan dabale yoo ta’u; hanqinni isaas hangasuma jedhameera.

Ogeessa ijaarsaa kan ta’an Cheerinnet Taarikuu gama isaaniitiin; duraan hayyamni ijaarsaa dhorkamuu isaatiin kan ka’e amma immoo sababa qaala’insa gatii simmintootiin hojiin ijaarsaa waan qorreef hojii dhabanii rakkachuu isaanii yaada Addis Maaledaaf kennaniin ibsaniiru.

Sababa qaala’insa gatii simmintootiin akkasumas hanqina uumameen dhaabbileen ijaarsaa gurguddaan miidhamuu isaatiin olitti; jireenya lammiiwwan hedduu akka gaaga’uu fi duubatti harkifachuu guddina biyyaatiifis qoodni qabu olaanaa ta’uu ogeessichi ibsaniiru.

Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee Hagayya 7 bara 2013 eegalee dhabbilee bulchiinsa lafaa; qindoomina misooma bu’uuraa fi abbaa taayitaa hayyama ijaarsaa akkasumas kutaalee magaalaa hundatti; tjaajiloonni lafaa fi lafaan walqabatan yeroo hinmurtoofneef guutummaa guutuutti akka hinkennamne murtee dabarsuun isaa ni yaadatama. Dhorkaan kunis Muddee 14 bara 2014 eegalee kaafamuu isaa bulchiinsi magaalichaa beekesisuun isaa hindagatamu.


አዲስ ማለዳ 14 Amajjii 2014 No 31

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here