Magaalaa Anagar Guuttin raayyaan ittisaa seeneera.
Naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa bahaatti jiraattonni aanaalee adda addaatti argaman; ABO Shanee gooltummaatti ramadame baqatanii gara bakkawwan nageenyi jiruutti utuu adeemaa jiran qabeenyaa humnaan jalaa qabame deebifachuuf mattaa birrii kuma 40 kaffalaa jedhamaa jiraachuu Addis Maaledaatti ibsan.
Namoonni komii dhiyeeffatan Addis Maaledaatti akka ibsanitti hubaatii waggaa tokkoo oliif ABO Shaneedhaan enyummaa bu’ureffatee isaan irratti raawwatamaa jiru hordofee qabeenyaa isaanii fe’uun mana isaanii gadhiisuuf yaalanii akka turanii dha.
Garuu; poolisoonni bakkicha jiran “qabeenya keessan miti” sababa jedhuun qabeenyaa isaanii kan jalaa butan yoo ta’u; gara qaama ilaaluu adeemuun qabeenya isaanii akka deebisanuuf wayita gaafatan “mattaa birrii kuma 40 kaffalaa” jedhamuu isaanii himan.
Kanaan dura Addis Maaledaan godina Wallaggaa bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti jiraattonni magaalaa Angar Guttin yeroo adda addaatti qabeenya isaanii fe’achuun wayita bahan waajjira bulchiinsa magaalichaatti jalaa butamee akka jiru dubbachuu isaanii gabaasaa turuun ishee ni yaadatama.
Yeroo ammaa qabeenya keenya argachuuf mattaa kaffalaa jedhamneerra kan jedhan jiraattota magaalaa Angar Guttini ti. Namoota komii isaanii Addis Maaledaatti dhiyeessan keessaa maqaan isaanii akka eeramu kan hinbarbaadne tokko; midhaan qonnaan bultoota saddeetii kuntaala 135 birrii kuma 500 baasu akka jalaa butame ibsan.
Aanaa Giddaa Ayyaanaatti kan argamtu magaalaan Anagar Guttintti Shaneen qaaxxee qaqqabsiisuu hordofee Caamsaa 1 bara 2013 gara nagaan jirutti midhaan isaanii fe’atanii bahuuf yaalii taasisuu namni dubbatan kun; Caamsaa 2 bara 2013 poolisoonni magaalichatti qabeenyaa isaanii akka jalaa butanii fi dhuma irrattis gara aanaa Limmuu mandara Arqumbii ganda lamaatti akka jalaa dabarsan Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Qabeenyaan isaanii akka deebi’uuf gara aanichaa dhaquun yoo gaafatanis qabeenyaa isaanii deebifachuuf mattaa kennuu akka qaban itti himamuu dubbataniiru.
Namni kun wal qabsiisuunis; midhaan butame garri caalu saliixii, atara boonsituu, akkasumas barbaree ta’uu eeranii; saliixiin birrii kuma 100 fi kuma 70tti tilmaamamu kan ofii isaanii akka ta’e ibsaniiru.
Gama biraatiin aanaa Limmuu keessatti mandarri Arqumbii ganda tokkoo; Amajjii 26 bara 2014 ganama sa’atii sadii jlqabee abidda ka’een manneen baay’inni isaanii hinbeekamin hedduun gubataa jiraachuu Addis Maaledaan dhageesseetti.
Maqaan kiyya hineeramin kan jedhan jiraataan aanaa Limmu mandara Arqumbii; Kamisa Amajjii 26 bara 2014 ganama sa’atii sadii irraa eegalee manneen gubataa jiru kan jedhan yoo ta’u; hanga gabaasni kun qindaa’etti aanichas ta’ee humni ittisa biyyaa balicha ittisuuf akka hinyaalin dubbatan.
Namni kun itti dabaluunis “naannoo kana jiraachuun keenya barbaachisaa yoo hintaane daandiiwwan cufaman nuuf banamanii gara naannoo nagaan jiruutti akka deemnu mootummaan nu gargaaruu qaba” jechuun yaada furmaata ni ta’a jedhan kennaniiru.
Haala walqabateen; Amajjii 24 bara 2014 eegalee magaalaa Angar Guttin raayyaan ittisa biyyaa galuu jiraattonni magaalattii Addis Maaledaatti kan ibsan yoo ta’u; garuu immoo hanga gabaasni kun qophaa’etti rakkoo isaaniitiif furmaata akka hinargatin ibsan.
Maqaan kiyya hinibsamin kan jedhan hidhataan aanaa Giddaa Ayyaanaa; jiraattonni magaalaa Angar Guttin kuma 60 ta’an mana isaaniitii buqqa’aniiru kan jedhan yoo ta’u; humni ittisa biyyaa achi seene qabeenya isaanii saamame akka deebisiisuuf; buqqaatota qe’e isaanii irraa bahanis akka deebi’anuuf akka gargaaru waamicha dhiyeessaniiru.
Namni kun dabalataanis; abbootiin warraa kuma 60 ta’an Dalasaa Makkanniisaa, Liit Baqqoo, Lalii Maaramii fi Andoodee Diichoo turan buqqa’anii magaalaa Anggar Guuttin akka jiran himan.
Addis Maaledaan gara bulchaa aanaa Limmuutti bilbiluun gaaffii ka’eef deebiin isaanii maal akka ta’e gaaffii kan dhiyeessite yoo ta’u; bulchaan “walga’ii qabadheen jira; booda sa’atii laaqanaatti bilbili”jechuun beellama yoo kennanis yeroo beellamaatti bilbila isaanii kaasuuf fedha hingodhanne.
Kanaan dabalatattis; Addis Maaledaan gara kantiibaa magaalaa Angar Guttinitti kan bilbilte yoo ta’u; kantiibichi gaafficha erga dhagahanii booda bilbila waan cufatanii fi irra deebiin wayita bilbilames waan hinkaasiniif komii dhiyaateef deebii isaanii argachuu utuu hindanda’in hafteetti.
አዲስ ማለዳ 21 Amajjii 2014 No 33


