Manni mare bakka bu’oota uummataa riipubiliika diimookiraatawaa federaalawaa Itoophitaa Amajjii 20 bara 2014 walga’ii addaa taasiseen bajata dabalataa mirkaneessuun isaa ni yaadatama. Guyyaa sanatti mootummaan federaalaa wixinee labsii sirreeffama bajata dabalataa bara 2014 fi huwwisa baasii qorachuudhaan bajata dabalataa birrii biliyoona 100 fi biliyoona 22 raggaaseera.
Bajanni dabalataa ragga’e dinagdeen biyyattii waraanaan haala hammaataan miidhamuu isaa hordofee sirrii dha yoo jedhames yaadni faayidaa isaa irra miidhaan isaa ni caala jedhu qaamolee adda addaatiin itti dhiyaateera. Yaadawwan dhiyaatan keessaa inni guddaan maallaqni dinagdicha keessaa hinmaddin gara dinagdeetti wayita dhangala’u qaala’insa gatii olaanaa hordofsiisuu ni danda’a kan jedhuu dha.
Rakkoon dinagdee Itoophiyaa inni guddaann walgituu hafuu dhiyeessii fi fedhii waan ta’eef; omishtummaan biyyattii yoo hindaballee fi humni galii alaa biyyattii sababoota adda addaatiin yoo hingabbatin bajata dabalataa qabachuudhaan dinagdee miidhame wal’aanuun akka rakkisu hayyoonni damichaa ni kaasu.
Mootummaan hanqina bajataa olaanaa qabu guutuuf humna dhabuu waan danda’uuf bajata dabalataa ramaduun isaa barbaachisaa dha yoo jedhames; balaa hammaataa guddaa uuma kan jedhu garuu bajati dabalataa birrii biliyoona 100 fi biliyoona 22 madda inni irraa dhufuu dha.
Wixinee labsichaa irratti birriin bajata dabalataa liqii biyya keessaatiin akka argamu ibsameera. Ministeerri maallaqaas ibsa wayita sanatti mana marichaatiif kenneen maallaqni haaraan akka hinmaxxanfamne ibseera. Bajat dabalataa kun biyya keessaa fi gurgurtaa boondii irraa argamuu akka danda’u yoo eeres; wanti kun amanamummaadhaan raawwatamuu isaa mirkaneessanii dubbachuun akka hindanda’amnee fi akka biyyaattis maddi bajata dabalataa ni jira jedhanii fudhachuun akka nama rakkisu namoonni baay’een kan dubbatan.
Kana qofas utuu hintaane biyyattiin kan liqiin kaffaltu irra jiru waan ta’eef dinagdichi dhiibbaa keessa akka jiruu fi birrii haaraan maxxanfamuun waan hinhafne ta’uu kan dubbatanus ni jiru.
Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa kutaa barnoota dinagdee kan ta’an gargaaraa piroofeeseeraa Axilaawu Alamuu turtii Addis Maaledaa wajjin taasisaniin; bajati dabalataa qabamuu isaa osoo hintaane maallaqichi eessaa argama kan jedhutu gara qaala’insa gatiitti nu geessuu danda’a jedhu. Kanaanis dinagdee biyyattii keessa maallaqni jiraachuun ni beekama; maallaqa kana bakka tokkoo gara biraatti naannessuun faayidaa irra oolchuun yoo danda’ame qaala’insi hinuumamu jedhu.
Mootummaan dhaabbilee faayinaansii dhuunfaa irraa jechuunis; baankotaa fi dhaabbilee inshuraansii irraa; akkasumas sooramaa fi dureeyyota irraa bifa liqiitiin maallaqa fudhachuun kan fayyadamu yoo ta’ee fi dinagdee keessatti maallaqni dabalataa utuu hindabalamin kanuma jiruun hojjechuun hanga danda’ametti qaala’insa gatii uumamu hambisuun ni danda’ama jechuun ibsaniiru.
Kanaan ala tooftaan maallaqa walitti ittiin qaban hedduutu jira kan jedhan barsiisichi; tokko tokkoon namaa fi madden qabeenyaa xixiqqaa irraas maallaqa walitti qabuun hojii irra oolchuun ni danda’ama jedhaniiru.
Akkasumas; dinagdee miidhame suphuuf jedhamee meshaalee fi maashinoonni gosaan alaa bitamanii galan qaala’insa gatii waan uumanuuf kanas akka filannoo tokkootti fudhachuu akka barbaachisu dubbataniiru.
Kanaan dabalatattis; mootummaan fedhii uummataatiin ala wantoota hojjetu tokko tokkotti waan walii hingalleef maallaqa hinkennu malee; Itoophiyaanonni biyya alaa jiraatan hedduun biyya isaanii keessatti maallaqa dhangalaasuu (investii gochuu) kan yaadan waan jiraniif carraa kanatti fayyadamuun ni danda’ama ture jechuun ibsu.
Yuunivarsiitii Yuuniitiitti barsiisaan dinagdee Dr. Dammalaash Habtee, madda bajati dabalataa irraa dhufutu qaala’insa gatii uuma jechuun ibsanii; biyya tokko keessatti dinagdee tasaggabbaa’atu jira kan jedhamu oomishnii fi tajaajilli jiru maallaqa jiruu wajjin yoo wal simee dha jedhaniiru.
Ta’us haala yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiruun sababa waraanaa, ongee fi weerara Koroonaatiin haalli mijataan oomishaa fi tajaajila guddisuuf ta’u hinjiru; rakkoon kun utuu jiruu hngi maallaqaa qofti yoo dabale qaala’insa gatiitu dabala jedhan.
Yeroo hedduu biyyoota biraa keessattis akkuma taasifamu wayita waraannii fi balaan uumamaa mudatu maallaqni ni maxxanfama. Kunis mootummaadhaaf tooftaa galiin ittiin argamu yoo ta’es; madaallii dinagdee gaaga’uun qaala’insa jireenyaa duraan ture akka hammeessu ibsaniiru.
Mootummaan bajata dabalataa liqii biyya keessaatiin haguuguu yoo danda’e qaala’insi hinuumamu hayyoonni jedhan yoo jiraatanis; Dammallaash agruu kun ofuma isaatiif dhiibbaa dinagdee kan biraa akka uumu eeran. Nuti maallaqni baankii keessatti qusannu damee oomishaa dhuunfaatiif liqiidhaan kan dhiyaatu ta’uu eeruun; mootummaanis liqeeffataa yoo ta’e dhaabbileen oomishtootaa dhuunfaa hanqina maallaqaatiin dhiibamuu fi oomishni akka hinguddanneef sababa ta’uu danda’a jechuun ibsaniiru.
Mootummaan bajata dabalataas ta’ee galii biraa argachuuf; gabaa biyya keessaa fi alaatiif boondii dhiyeessuun; qabeenya gurguruun; dhaabbilee misoomaa damee dhuunfaatiif banaa taasisuun maallaqa walitti qabuu ni danda’a jedhan barsiisichi.
Walga’ii manni marichaa bajata dabalataa ittiin raggaase irratti argamuudhaan ibsa kan kennan ministir deetaan ministeera maallaqaa Dr Iyyoob Takkaaliny; biyyattiin qaala’insa gatii amma jiru irra kan hammaatee fi too’annaan ala ta’e haala ishee quunnamuu danda’u keessa galtee akka turte ibsanii; tarkaanfiiwwan furmaataa mootummaan fudhateen qaala’insicha too’achuun waan danda’ameef haalichi utuu hinuumamin hafuu ibsaniiru. Kanaanis piroojeektonni jalqabamanii jiranuu fi turuu danda’an akka turan taasisuun; piroojeektota haaraa hojjetamuuf karoorfaman akka turan taasisuu fi baasiiwwan mootummaa hir’isuun rakkinicha ittisuuf tattaafiin taasifamuu eeraniiru.
Ta’ees garuu; piroojeektonni akka turan taasifamuun humna misoomuu biyyattii kan hubuu fi galii kan dhabsiisu ta’uu isaatiin dabalatatti; piroojeektota sana yeroo ta’e booda itti fufsiisuun xumursiisuuf wayita yaalamu baasii dabalataa kan gaafatu waan ta’eef; dhiibbaan dinagdee biyyattii irratti qabu olaanaa akka ta’uu fi qaala’insa jireenyaa jirus fulla’insaan sirreessuuf rakkisaa akka taasisu ogeeyyiin dinagdee utuu hinibsin hindabarre.
Hir’ina bajataa fi qaala’insa gatii
Bajanni bara 2014f ramadame birrii biliyoona 500 fi biliyoona 61 (tiriiliyoona walakkaa ol) ta’uun isaa hindagatamu. Bajata dabalataa birrii biliyoona 100 fi biliyoona 22 wajjin immoo Waxabajjii 30 dura bajanni waggaa birrii biliyoona 600 fi biliyoona 83 ta’uu isaa ti. Kunis Waxabajjii 30 dura bajata dabalataa fi sirreeffama uwwisa baasii yoo hinbarbaachifnee dha. Ta’us mootummaan hir’ina bajataa bal’aa akka qabu dubbatama.
Barsiisaan dinagdee hir’inni bajataa sababa qaala’insa gatii isa guddaa tokko ta’uu isaa kaasaniiru. Mootummaan piroojeektota hedduu bakkeewwan hedduutti karoorfachuun sarara bajataa bakkeewwan adda addaatti banuun kana raawwachiisuuf maallaqa maxxansiisa ykn alaayyu maallaqa liqeeffata. Kun waggoota 27 darban bal’inaan kan itti hojjetamaa turee fi balaan isaas rarra’aa dhufee qaala’insa jireenyaa amma jiru akka uume mul’isaniiru.
Qaawwaa bajataa amma uumameenis keessumattuu naannoleen Amaaraa fi Affaar hubamaa waan ta’aniif maallaqa naannolee biraa keessa jiru liqeeffachuun ittifayyadamuu akka qaban himaniiru.
Naannoon Amaaraa humna Adda Biliisummaa Ummata Tigiraayiin (ABUT)n Finfinnee seenaatii herrega keessan buufadhaa jechuun waraana malee utuu dabarseera ta’ee; Affaaris toorri Miillee akka hinqabamneef gatii hang asana utuu hinkaffalle ta’ee rakkinichi kan biyyaalessaa ta’uun naannoleen hindi miidhamaa ta’u ture. Kanaaf bajata isaanii guutuu waraanaaf oolchuun kan miidhaman naannolee Amaaraa fi Affaar irratti hir’ina bajataa bal’inaan jiru walumaan guutuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Dr. Dammallaash Habtee gama isaaniitiin; hir’inni bajata mootummaa kan dhufu hojiin hojjetamuu fi maallaqni jiru yoo utuu wal hinsimin hafeedha jedhan. Karaawwan mootummaan galii ittiin argatu isaan olaanaan lama yoo ta’an isaanis galii gibira irraa argamuu fi galii karaa gibirahintaaneen walitti qabaman; jechuunis dhaabbilee misoomaa, kenniinsa tajaajilaa, akkasumas adabbii fi daandiiwwan galiin walitti ittiin qabamu kan biraatiin jechuu isaanii ti.
Ta’ees garuu mootummaan galii karaawwan lamaan gurguddaa kanaan walitti qabe hojii misoomaatiif utuu isa hingahin yoo hafe hir’inatu isa mudate akka jedhamu beeksisaniiru. Kunis qaala’insa gatii wajjin kallattiin akka walqabatu eeranii; hir’inichis mootumman hojii misoomaa isa irraa eegamu utuu hinhojjetin yoo hafee fi gibira madda galii isaa isa olaanaa ta’e utuu walitti hinqabi yoo hafe ta’uu kaasaniiru. Yeroo kanatti liqii akka filannoo bal’aatti waan fayyadamuuf gara dinagdeetti maallaqa dabalataa galchuudhan qaala’insi gatii akka uumamuu fi qaala’insi jireenyaa akka hammaatuf daandii saaqa jechuun ibsan.
Hir’ina bajataatiin biyyoonni Afriikaa hundi akka dararaman kan ibsan barsiisichi; xumura isaaniitiin diagdeen Afriikaa dadhabaan dhaabbilee liqeessitoota (IMF)n deeggaramee akka jiraatu ibsaniiru.
Naannolee waraanichaan hubaman deebisanii ijaaruuf bajata hangam barbaachisa?
Sababni bajati dabalataa barbaachiseef inni guddaan nageenya biyyaa eegsisuuf keessumattuu raayyaa ittisa biyyaatiif hidhannaa fi gala guutuuf; deeggarsa namoomaaf- keessumattuu gargaarsa yeroo lammiiwwaniitiif kan oolu qamadii fi nyaata dabalataa bituuf; akkasumas kutaalee hawaasaa sababa waraanichatiin hubaman bayyanachiisuu fi misooma bu’uraalee barbadaa’an deebisanii ijaaruuf akka ta’e wixinee labsichaa irratti ibsameera.
Hata’u malee misoomni bu’uraalee naannoowwan waraanichaan hubamanitti argaman deebisanii ijaaruun dinagdeen akka bayyanatu gochuu fi hawaasnis gara jireenya isaa duraaniitti akka deebi’u dandeessisuuf bajata dabalataa waliigalaa keessaa birrii biliyoona shan qofatu qabame.
Kunis naannoowwan hubaatichi qaqqabetti haala qabatamaadhaan lafa irra jiru kan hinmadaalle ta’uu isaa caalaatti; maallaqa kanaan hawaasa ganda tokkichaa waraanichaan barbadaa’ee fi buqqa’eyyuu gara jireenya duraatti deebisuun akka hindanda’amne dha gadi-fageenyaa fi hammeenya hubaatichaa kanneen hubataniin kan dubbatamu.
Gaaffiiwwan miseensota mana marichaa irraa ka’an akka agarsiisanuttis weerara gareen ABUT naannolee Amaaraa fi Affaaritti raawwateen dhaabbileen qonnaa; kan fayyaa fi barnootaa haala hammaataadhaan kan miidhaman yoo ta’u; fakkeenyaafis bakkeewwan garaagaraatti dhaabbilee qorannoo qonnaa mootummoota adda addaa sadiin ijaaraman qofa irratti maallaqni biliyoonaan lakkaa’amu barbadaa’eera.
Naannoowwan waraana irraa biliisomanii fi ijaarsi itti raawwatama jedhaman keessa hawaasni jiraatu haalli qabatamaan amma keessa jiru daraan hammaataa akka ta’e dubbatama. Mootummaan naannoo Amaaraas naannicha keessatti sababa waraanaatiin qabeenyi birrii biliyoona 100 caalu barbadaa’uu isaa fi waggoota soddomaan gara duubaatti akka deebi’e kan ibsee ture ta’us; sirriitti yoo qoratame qabeenyi birrii biliyoona 500 gadi hintaane utuu hinbarbadaa’in akka hinhafne miseensota mana marichaatiin eerameera.
Haalli kun utuu jiruu bakkeewwan naannolee lamaan keessaa barbadaa’aniif kan ramadame birriin biliyoonni shan homaafuu akka hintaane ibsame.
Barsiisaan dinagdee Axilaawu kana irrattis yaada kennaniin; bakkeewwan qabeenyaan birrii biliyoona 100n lakkaa’amu barbadaa’etti birrii biliyoona shan ramaduun hafakkaatuuf yoo ta’e malee hubaatii qaqqabe waliin yoo ilaalamu homaa hinhojjetu jedhan.
Ta’us mootummaan humna kootiinan hojii ijaarsichaa raawwadha jechuu irra hawaasas gara miira gaariitti galchuun hirmaataa taasisuu qaba jedhan. Waliin ta’uun dhabbileen aksiyoonaa akka ijaaraman taasisuu barbaachisa kan jedhan barsiisichi; Itoophiyaanonni biyyoota alaa keessa jiraatanis biyya kiyya jechuun akka yaadan yoo taasifamee fi mootummaan yoo amanamaa ta’e deebisanii jaaruuf deeggarsa ni taasisu. Bakkawwan hubamanitti maallaqa akka dhangalaasan (investii godhan) taasisuun ni danda’ama jechuun itti dabalaniiru.
Hata’u malee mootummaan amanamaa ta’uu waan dadhabee fi ofii isaas gara miira gaariitti waan hingaliniif kana gochuun ni rakkisa jechuun falman. Mootummaan al tokko utuu waraanicha hinxumurin xumureera jedha; al tokko mariin jiraachuu danda’a jedha; kanaanis waraanichi utuu hinxumuramin hinlolu jechuun waraana dhaabuun uummnni yaaddoo keessa akka jiraatu taasisuu isaa caalaatti; weerarri itti aanu akka hinjiraanneef haalli amansiisaan utuu hinjirre enyutu bakka sanatti investii godha? Enyutu deebisaanii ijaaruuf deeggarsa taasisa? Gaffii jedhu qabu.
Dammallaash Habtees gama isaaniitiin hubaatiin waliigalaa naannolee lamaanitti qaqqabe of eeggannoon qoratamee utuu hinbeekamin; birrii biliyoona shan ramadeera jechuun sirrii akka hintaane utuu hinibsin hindarbine. Kanaafis birriin ramadame kan barbaachisu irra hangam akka ta’e ifa ta’uu hafuu isaa dubbatan.
Deebii gama mootummaatiin kennameen; piroojeektiin deebisanii ijaaruu waggaa tokkoo hanga afruu kan turu waan ta’eef; bajata bara kanaa irraa birrii biliyoona shan hojicha jalqabsiisuuf saanduqa mootummaatii ramadamuun ibsameera.
Akkasumas birriin biliyoonni shan ramadame gahaa dha yoo hinjedhamnes; qaamolee dhuunfaa adda addaa fi dhaabbileen misoomaa mootummaas hojii deebisanii ijaaruu kanatti mataa mataan hirmaannaa ni taaisu jechuun mootummaan yaada amansiisaa dha jedhe dhiyeesseera.
Dinagdee bakkeewwan waraanni itti uumame caalaattis sababa ongee naannolee Sumaalee fi Oromiyaatti uumameetiin kutaaleen hawaasaa hubamanis bajata dabalataa kana keessaa hangi murtaa’e akka gadhiifamuuf gaaffii dhiyeessuun isaanii hinhafne. Kana qofas osoo hintaane naannolee Biiniishaangul Gumuzii fi Oromiyaatti misoomni bu’uraalee hidhattootaan barbadaa’ee fi hawaasni hubame waan jiruuf isaaniifis mootummaa federaalaatiin kallattiidhaan deeggarsi taasifamu yaadamuu hafuun dogongora jedhan.
Waraanichi ammas waan hinxumuraminiif; humnoonni naannolee (keessumattuu kan Affaarii fi Amaaraa) hirmaannaan taasisan murteessaa ta’uu hordofee isaaniifis bajata dabalataa kana irraa deeggarsa honnachiistuu muraasni akka isaan barbaachisu ka’eera.
Mootummaan federaalaa kallattiidhaan humna nageenyaa naannoleetiif deeggarsa akka hintaasisne seeraan kan taa’e yoo ta’es; naannolee waraanichaan hubaman lamaaniif bajanni ramadame nageenya isaanii eeggachuu fi humna isaanii cimsachuuf gahaa akka hintaane dubbatama.
Walga’ii mana marichaa irratti naannoon Affaar duraanuu lolaa fi hawaannisaan miidhamee utuu jiruu mootummaa federaalaatiin deeggarsi akka hintaasifaminii fi weerara ABUT’nis hubaatii hammaataa keessumeessuun isaa ibsameera. Naannoo Amaaraattis haala walfakkaatuun bakkeewwan tokko tokkotti kan uumaman rakkoowwan uumamaa fi nam-tolchee waraanichaan immoo caalaatti gaaga’amni dinagdee hammaataan akka irra gahe ni beekama.
Waliigalaan; rakkoo naannolee lamaanitti uumame hiikuun dinagdeen akka sirratu taasisuun hawaasni gara jireenya isaa duraaniitti akka deebi’u yoo barbaadame; fakkeessanii bira ce’uu fi maallaqa homaafuu hintaane ramadeera jechuu irra; yaadaa fi xiyyeeffannaa baratame keessaa bahuun ilaaluu fi hojjechuu akka barbaachisu namoota hedduutu hawwa.
አዲስ ማለዳ 21 Amajjii 2014 No 33


