Labsiin istaatiktiiksii fooyya’aa jiraachuun ibsame.

0
470

Wixineen labsii fooyya’e naannolee ni too’ata.

Tajaajilli istaatiktiiksii Itoophiyaa wixinee labsii fooyya’insa seera istaatistiiksii qopheessuu isaa Addis Maaledaatti ibse.

Sababni guddaan fooyya’insa wixinee labsichaa istaatistiiksiin biyyattii sirnaan kan ittiin qajeelfamu sirni istaatistiiksii biyyaalessaa cimaan akka jiraatuuf jedhameera. Wixinichi qaamolee dhimmicha keessaa qooda qaban waliin akka irratti maryatame tajaajilichi beeksiseera.

Labsiin kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru qaawwaa waan qabuuf fooyya’insa akka isa barbaachisu tajaajila istaatistiiksii Itoophiyaatti hoogganaan sab-quunnamtii Saafii Gammachuu Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Seeronni yeroo yeroon fooyya’uu qabu kan jedhan hooggantichi; wixinichi utuu hinqophaa’in dura labsii tureen naannolee too’achuun hindanda’amu ture jedhaniiru. Kanaan dura naannoleen hayyama ofii isaaniitiin biiroo istaatistiiksii hundeessuun irraa mul’ata ture kan jedhan hooggantichi; dhimmi odeeffannoo immoo bifa tokkoon qaama tokkoon buluun waan irra jiruuf rakkoowwan kana fakkaatan calaluuf yaadamee wixinichi qophaa’uu ibsaniiru.

Dabalataanis; labsiin hojii irra jiru dhaabbatichi sirna istaatistiiksii biyyattii akka gurmeessu; akka qindeessuu fi ijaarsa dandeettii akka kennu yoo hayyames raawwachuuf garuu qaawwaa seeraa fi hanqina akka qabu mul’isaniiru.

Dhaabbilee hundatti wal-simuu dhabuun odeeffannoo wal-fakkaataan akka uumamu; odeeffannoowwan adda addaa bahuun fayyadamtoonni akka hinburjaajofne gochuu fi biyyaaf kan tolu sirna istaatistiiksii wal-fakkaatu uumuun waan barbaachiseef wixineen fooyya’insaa qophaa’uu isaa dabalataan ibsaniiru.

Fedhiin hawaasaa dabaleera; yaadnii fi fedhiin siyaasa biyyattii guddateera; sadarkaa adunyaatti gama istaatistiiksiitiin wantoonni jijjiiraman ni jiru kan jedhan hooggantichi; tekinooloojiinis waan jiruuf kan hunda sirriitti fayyadamuuf seerri istaatistiiksii haala isa bulchuun fooyya’uu akka qabu dubbataniiru.

Mana maree bakka bu’oota uummataatti koreen dhaabbii dhimmoota bulchiinsaa fi too’annaa baasiiwwan mootummaa; tajaajilli istaatistiiksii Itoophiyaa odeeffannoowwan galma misooma fulla’aa walitti qabuu fi gurmeessuuf qophii fi si’aayina qabu madaaluuf gabaasa odiitii raawwii bara 2012/2013 ka’umsa godhachuun walga’ii taasiseen; sirni qabiinsa odeeffannoo biyyattii addaan ciccitaa fi kan wal hinfakkaanne ta’uu mul’iseera.

Kanaanis; keessumattuu odeeffannoowwan hojii galma misooma fulla’aa mul’isan dhaabbilee shantama irraa argachuuf barbaadamee dhaabbilee shan qofa irraa akka argamee fi dhaabbileen afurtamii shaman waa’ee hojii hojjetanuu odeeffannoo sirnaan akka walitti hinqabnee fi guuboo odeeffannoo kan hinqabne ta’uun ibsameera.

Dhaabbileen guuboo odeeffannoo qabanis odeeffannoon qabiyyee tokko irratti baasan wal-fakkeenya kan hinqabnee fi tajaajila istaatistiiksii Itoophiyaa wajjinis qindoomina hojmaataa fi odeeffannoo akka hinqabne eerameera.

Itti gaafatamummaan waan hinjirreefis dhaabbileen odeeffannoodhaan walqabatee fedhii dhabuu waan mul’isanuuf wixineen labsii fooyya’u dhaabbilee odeeffannoo hinkeenyee fi odeeffannoo dogongoraa dhiyeessan ittigaafatamaa akka isaan taasisu; kana malees waa’ee odeeffannoowwan bahanii hunda biratti wal mil’achuun akka uumamu taasisa jedhameera.

Hojmaanni seeraa hanga ammaatti tures dhaabbilee mootummaa qofa kan haammatu ta’uun kan ibsame yoo ta’u; wixinee labsii fooyya’e irratti garuu dhaabbileen mootummaas odeeffannoo kaa’uu fi dhiyeessuu akka qaban gochuuf yaadamuun eerameera.

Odeeffannoon dhaabbii biyyaa fi dhaabbata tokkoo beekuu fi xiinxaluuf shoorri qabu daraan olaanaa yoo ta’es; dhaabbileen wayita kana raawwatan mul’achuu hafuun isaanii fi biyyattiinis giddugala odeeffannoo cimaa waan hinqabneef; galma misooma ful’aa bara 2030tti nan qaqqaba jettee kaa’atte bira gahuu dhiisuu akka dandeessus eeruuwwan mul’ataniiru.

Wixineen labsii qophaa’e sababa gurmaa’insa haaraa dhaabbilee mootummaa uumameetiin jijjiirama moggaafamaa; akkasumas ministeera karooraa fi misoomaa wajjin itti gaafatamummaa qooddachuu wan uumeef sirreeffamni qabiyyee yoo jiraate itti dabalamee qaama dhimmichi ilaaluun kallattiin wayita kennamu Abbaa Alangaatti dhiyaatee paarlaamaadhaan akka ragga’u ni taasifama jechuun hoogganaan sab-quunnamtii tajaajila istaatistiiksii Itoophiyaa ibsaniiru.


አዲስ ማለዳ 21 Amajjii 2014 No 33

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here