Sayid Huseen (maqaan isaa kan jijjiirame) qofaa isaa haasa’aa daandii irra adeema. Wayita isa ilaalan nagaa yoo fakkaates itti dhiyaatanii wayita dubbisan wanti inni dubbatu onnee nama cabsa.
Kan jiraatu Finfinnee keessa yoo ta’u; waajjira mootummaa guddaa tokko keessatti qacaramaa dha. Maatin isaa guutuun kan jiraatan Wallaggaa keessa waan ta’eef yeroo xumuraatiif ji’a Onkoloolessaa keessa gara sanatti qajeeluun maatii isaa wajjin yeroo garii dabarsuu isaa fi hiryoota isaa wajjinis bishaan daakanii, boqqolloo waadanii nyaatanii, akkasumas wajjin taphatanii deebi’uu isaa ni yaadata.
Amma sun hunduu yaadannoo ta’eera. Firoonni isaa baay’een dhumaniiru. Obboleettiin isaa immoo firoonnii fi ollaan ishee manni itti cufamee abiddaan wayita gubatan waan argiteef jeequmsi sammuu ishee mudateera.
Sayida ofiin haasa’aa daandii irra kan deemus kanumaaf. Obboleettiin isaa jaal’atu rakkoon sammuu waan ishee mudateef ishee fayyisuuf daandii hunduma yaalee waan hinfayyiniif amma mana wallaansa dhibamtoota sammuu akka ishee galche dubbata.
Ji’a Onkoloolessaa keessa wayita Wallaggaa deeman hiryoonni isaa wajjin bishaan daakanii fi boqqolloo waadanii nyaatan gartokkeen isaanii lubbuun hinjiran; kaan immoo ajjeeftota firoota isaa fi ollaawwan isaanii ta’aniiru.
Wallaggaa irratti wanti uumame amanuuf kan ulfaatuu fi enyummaa Itoophiyummaa bakka kan hinbuune akka ta’e kan ibsu Sayid; firoottan isaa du’anii fi du’a jalaa miliquun qe’ee fi qabeenya isaanii gatanii buqqaafaman qabeenyaa isaaniis hawaasni biraa akka wal saamaa jiru ni ibsa. Barbarree, maangoo fi midhaan biraa bilchaate funaananii kan jalaa fudhatan yoo ta’u; beeladoota isaanii wayita qooddatanus wal-loluutti akka akka ka’an utuu hinhimin bira hindarbu.
Gochaa kana dhaabsisuu fi namoota nagaa haala hammaataadhaan ajjeefamuu irraa baraaruuf mootummaa naannoo Oromiyaas ta’ee mootummaan federaalaa fedhii fi kutannoo qabu utuu ta’ee humni kamiyyuu humna isaaniitii ol akka hintaanes Sayid ni dubbata. Akkasis jedha Sayid; hubamtoota keessaa hangi tokko of baraaruuf jedhanii ajjeeftota isaanii irratti dhukaasuu yoo jalqaban; humnoonni nageenyaa mootummaa naannichaa eessaa dhufan utuu hinjedhamin namoota nagaa irratti balaa buusu.
Keessumattuu Addi Biliisummaa Ummata Tigiraay (ABUT) Amaaraa fi Oromoo addaan baasuuf humna qabu hunda daguugee itti fayyadamaa akka jiru kan hindhoqsine Sayid; namoota nagaa hubaman keessaa hangi tokko du’uun keenya erga hinhafnee nutis ajjeesnee haduunu jechuun dhukaasanii ajjeeftota isaanii erga ajjeesanii booda waraqaa enyummaa isaanii wayita sakatta’an; waraqaa enyummaa ‘humna addaa Tigiraay’ jedhu akka argatan mirkaneeffadheera jedha. Dabalataanis; waraqaa enyummaa ‘humna addaa Oromiyaa’ jedhu qabatanii qaamoleen namoota nagaa waraanan jiraachuus utuu hintuqin hindarbine.
Wallaggaatti keessumattuu qaaxxeen enyummaa irrattu hundaa’uun aggaamamu waggaa tokkoo ol lakkoofsiseera. Mootummaanis al tokko tokko qaaxxichi jiraachuu hinbeeku yoo jedhu; yeroo biraa immoo ‘ajjestota booji’een barbadeesse yoo jedhu; kana gidduutti namoonni nagaan badii isaan irra gahe ibsuun haala ulfaatuun ajjeefamu.
Dhimmichi bubbulee fooyya’a jedhamee yoo yaadames; bakkawwan akkasiitti faanni mootummaa fagaachaa humni hidhattootaa waan baay’ateef; keessumattuu dhalattoota Amaaraa ta’anii naannicha kan jiran irra kan du’anii fi naannicha gadhiisanii kan godaanan akka caalan ragaalee hedduutu dhiyaata.
Kanaanis magaalaa Finfinnee dhaabbilee amantaatti; manneen firaatti; akkasumas ijoollee isaanii qabatanii daandii irraa kan kadhatan namoota hedduu arguun gahaa dha. Magaalaan Dabire Birhaanittis buqqaatoti kuma 50 gadi hintaane qe’ee fi qabeenya isaanii dhiisanii; maatii isaanii keessaa gara caalu dhabanii buufata buqqaatotaa keessatti harka namaa eeguudhaan akka jiraatan ni beekama.
Buqqaatonnis deeggarsi nuuf hagodhamu jechuun gara qaama mootummaatti wayita deeman deebiin kennamuuf dhabamuu caalaatti; burjaajjii fi gaaga’amni isaan irra gahu salphaa akka hintaane yeroo yeroon ni dubbatu.
Kana qofa osoo hintaane; ummanni yoo nu gargaara ta’e rakkoo keenya nuuf beeksisaa jechuun wayita gara dhaabbilee sab-quunnamtii adeemanis enyuyyuu akka dhimma isaanii hinqabne gaddaatu ibsu.
Fakkeenyaafis buqqaatonni hedduun walitti qabamnee gara koorporeeshiinii miidiyaa Amaaraa deemnee dhufaa jiru sirriitti akka gabaasan itti himnaan hayyamamoo utuu hinta’in hafuun isaanii waan daraan na gaddisiisee dha jechuun Sayid dubbateera. Dhaabbileen sab-quunnamtii mootummaa federaalaas akkasuma bu’uura bal’inaa fi gadi-fageenya rakkinichaatiin gabaasa gahaa hojjetaniiru jedhanii dubbachuun akka hindanda’amne komii namoota hedduu ti.
Mootummaan biyya tokkoo lammiiwwan isaa hubaatii irraa yoo hineegnee fi nageenya yoo hindiriirsin ofii isaas yakkamaa fi tumsaa yakkamtootaa ti kan jedhan xinnaa miti. Itoophiyaa keessatti kan ta’aa jirus qaamoleen gooltota jedhamn namoota nagaa wayita ajjeesanuu fi buqqisanu; mootummaan gaaga’ama qaamoleen kun lammiiwwan irraan gahan xinneessuu irra darbee; tarkaanfii cimaa kan irratti hinfudhanne yoo ta’e; waliin ta’aniitu namoota nagaa irratti badii raawwataa jiru jedhanii dubbachuun akka danda’amu yaada namoota hedduun kaasan irraa hubachuun ni danda’ama.
Bakkeewwan biyyattii hedduutti mootummaan aangoo irra jiru nu baraara jechuun kana amanan kutaaleen hawaasaa hedduun akka jiran ni dubbatama. Kun ta’uu isaatiin dhimmicha laaffisuu fi duubatti dhiisuun hinbarbaachisu. Mootummaan nageenya uummataa ni eegsisa yoo ta’e uummanni aarsaa kaffalamu kaffaluun nagaa fi tasgabbii isaa eegsisuu qaba wayita jedhamu dhagahuunis baratamaa dhufeera.
Paartileen siyaasaa adda adaas ibsa isaaniitiin keessumattuu Wallaggaatti maal na dhibdee mootummaatiin qaaxxee namoota nagaa irra gahaa jiru eeraniiru.
Isaan kana keessaas paartiin Sochii Biyyaalessaa Amaaraa (ABN) “naannoo Oromiyaatti keessumattuu godinaalee Wallaggaa Lixaa fi Qellem Wallaggaatti ajjeehaan irra-deddeebiidhaan dhalattoota Amaaraa irratti raawwatamu; godaansii fi qabeenya barbadeessuun yeroo gara yerootti hammaataa dhufeera. Gareen gooltummaa Shaneegodina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamiitti ajjeechaa tibbana raawwateen bakkeewwan adda addaa aanicha keessatti argamanitti lammiiwwan 81 ajjeefamaniiru. Akkasumas jimlaadhaan ajjeefamanii reeffi isaanii bakka tokkotti kan argaman namoonni 87; ida’amaan lammiiwwan 168 ajjeefamuun mirkanaa’eera. Lammiiwwan keenya biyya keenya jedhanii hojjetaa horanii kan itti kabajaman qe’ee jiraatanitti hubaatii sanyii irratti xiyyeeffachuun raawwatameen lubbuu isaanii dhabaniiru” jechuun mul’iseera.
Paartichi ajjeechicha keessa harki hooggansa mootummaa keessa jira jedhee kan amanu yoo ta’u; kanaanis “yakkichi kan raawwatamu amma tokko dhimma dhabuu hooggansa mootummaa fi amma tokko hirmaannaa kallattiitiin ta’uun isaa rakkinicha walxaxaa taasisa. Yeroo ammaatti uummanni keenya kan isa barbaachisu mirga jiraachuu isaa kan kabachiisuuf mootummaa gadaanaa dha (minimal state) malee caasaa bubbulaa qabatama hinqabne akka hintaane hubachuu qaba” jedheera.
Paartiin Baalderaasis ibsa dhimmicha balaaleffachuudhaan baaseen “dhiigni Amaarota nagaa Wallaggaa, Biiniishaangul Gumuz, Shawaa lixaa, Arsii, Baalee fi Harargeetti ittisa tokko malee dhangala’aa jira. Ajjeechaan sabaa fi amantaa irratti qiyyeeffate kunammas ittuma fufeera. Guyyoota muraasa darban qofaatti namoonni 180 ol guyyaa tokkotti ajjeefamanii qonnaan bultoonnii fi maatiin isaanii nagaan 87 bakka tokkotti ajjeefamanii argamaniiru. Ajjeecha Amaarota irratti raawwatamaa jiru kana mootummaan federaalaa akka dhaabsisu irra deddeebiin yoo gaafatamu; ibsa sossobbii kennuun alatti; garee gooltummaa ABO-Shanee fi tumsitoota isaanii mootummaa keessa jiran itti gaafatamtoota taasisuun ajjeechicha dhaabsisuuf kan dandeessisu tarkaanfii gahaa utuu hinfudhatin hafeera” jechuun qeeqa isaa dhageessiseera.
Paartichi lammiiwwan bakkeewwan Wallaggaa adda addaa keessaa buqqa’uun Dabre Birhaan qubatan wayita daawatetti; buqqaatonni qaaxxee sanyii irratti iyyeeffachuun maatii isaanii, firoottanii fi qabeenya isaanii irratti raawwatame imimmaan isaanii gara samiitti facaasuudhaan naaf ibsaniiru jechuun ibseera.
Dabalataanis; hubaaticha keessa harki qondaaltota mootummaa naannoo Oromiyaa akka jiru cimsanii natty himaniiru jedheera. Akkasumas yeroo ammaatti dhalattoonni Amaaraa kuma 60tti siqan ABO/Shanee fi tumsitoota isaaniitiin marfamanii duuti itti gaaddisaa’ee akka jiran ibsuudhaan; ummanni Itoophiyaa fi mootummaan federaalaa du’a irraa akka baraaranuuf waamicha dabarfachuu isaanii hubachiiseera.
Bakka adda adaatti enyummaa isaa qofaadhaan kan ajjeefamu ummata Amaaraa baraaruuf jalqaba uummanni naannichaa hooggantoota mirga isaa hinkabachiifne harkaa bahuu qaba jechuun haarii isaanii kan ibsatan Itoophiyaanonni hedduun akka jiran ni dubbatama. Hooggantoonni naannichaa hedduun mootummaa federaalaa mufachiisuu dhiisuuf jecha; sodaadhaan ukkaamamanii; hubaatii ummata isaan muude irra gahu dhaabsisuu dhiisuu caalaatti beekamtiillee wayita kennu hinmul’atu jedhamee akka qeeqamu irra-deddeebiidhaan dhagahama.
Ammas taanaan kutaalee Wallaggaa adda addaatti miliquu illee dadhabuu isaaniitiin qaamni qaqqabuuf waan hinjirreef lammiiwwan du’a ofii eeggatan hedduun akka jiran ni dubbatama. Kanaafis bakkichatti guyyaa guyyaadhaan waa’ee namoota ajjeefamanuu dhagahuun gahaa ta’uun isaa akka ragaatti dhiyaata.
አዲስ ማለዳ 5 Gurraandhala 2014 No 34


