Ongee naannoo Sumaaleetti uumameen beeladoonni kuma 600 fi kuma 83 ol du’uun ibsame

0
648

Abbootiin warraa kuma 60 olis qe’e isaanii irraa buqqa’aniiru

Naannoo Sumaalee Itoophiyaatti ongee uumame sababeeffachuun hanga yoonaatti beeladoonni kuma 600 fi kuma 83 ol du’uu biiroon hooggansa yaaddoo balaa naannichaa Addis Maaledaatti ibse.
Kanaanis hanga Amajjii 30 bara 2014tti yeroo jiru qofa keessatti beeladoonni kuma 600 fi kuma 83 fi 465 du’u isaanii biirichi beeksiseera. Biirichatti hoogganaan akeekkachiisa duraa Bashir Arab akka ibsanitti; gaalota kuma 32 fi 729, horii maalaa kuma 100 fi kuma 88 fi 242, re’e kuma 400 fi kuma 42 fi 628, akkasumas harroonni kumni 19 fi 866 sababa ongeetiin naannicha keessaa beeladoota du’aniidha. Olla godina Booranaa kan ta’e godina Daawwaa qofatti beeladoonni du’an kuma 400 fi kuma 47 ol yoo ta’an; godinaalee Afdeeraa fi Shabaleettis akkasuma beeladoonni dhumuu isaanii himaniiru.
Gogiinsichi godinaalee 10, aanaalee 84 fi gandoota kuma tokkoo fi 776 keessatti kan uumame yoo ta’u; keessumattuu godinaalee sagal keessatti hanqinni bishaanii uumamuun himameera. Haala teessuma lafa naannichaatiin kan ka’es bishaan botteedhaan dhiyeessuuf daandiiwwan waan hinmijatinii fi boolli bishaanii jirus muraasa ta’uu caalaatti wal irraa-fageenya kiilii meetira 100 irratti waan argamanuuf; hubaatiin gogiinsichi qaqqabsiisaa jiru hammaataa akka ta’e hooggantichi ibsaniiru.
Kanaanis gandi tokko ji’atti yeroo tokko yoo baay’ate immoo yeroo lama bishaan akka argatu ibsanii; waliigalaan uummanni miliyoona sadii fi kuma 200 ta’u hanqina bishaaniitti saaxilamuu isaa eeran. Walqabsiisuunis naannoon Sumaalee beelada miliyoona 50tti dhiyaatu kan qabu yoo ta’es; yeroo ammaa beeladoota miliyoona jahatti siqanitti balaan du’aa akka itti marse mul’isaniiru.
Hawaasa naannichaa keessaa dhibbeentaa 85 kan ta’u nyaata guyyaa fi baasii isaa biraa kan danda’atu beeladoota gurgurachuudhaan waan ta’eef; beeladoonni amma jiran huqqachuu isaanii irraa kan ka’e gatii waan hinbaasneef ummanni miliyoona lamaa fi kumni 400 gargaarsa nyaataa guyyaaf isa barbaachisu eeggataa akka jiru beeksisan.
Kana keessaa hanga yoonaatti gargaarsa nyaataa qaqqabsiisuun kan danda’ame lammiiwwan kuma 500 fi kuma 89 fi 176 qofaaf kan jedhan hooggantichi; hammeenya rakkinichaa irraa kan ka’e gargaarsi dhiyaataa jiru gahaa akka hintaane mootummaa federaalaa fi dhaabbilee gargaarsaa sadarkaa adunyaatti beeksisneerra jedhan. Dhaabbanni gargaarsaa adunyaa deeggarsa qabatee dhiyaate hanga yoonaatti akka hinjirres walqabsiisuun ibsaniiru.
Akkasumas; qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’uudhaan beeladoota isaaniif nyaataa fi bishaan barbaacha abbootiin warraa kumni 60 fi 305 beeladoota isaanii miliyoona tokkoo fi kuma 500 ol qabatanii naannawaa Jigjigaa qubachuu isaanii kan ibsan hooggantichi; beeladoonni hedduun daandii irratti akka du’an dubbataniiru.
Hanga yoonaattis horsiisaan bultoota aanaalee 41 keessatti argamaniif kiiloo giraama 20 kan ta’u nyaati beeladaa bissiin kuma 89 qaqqabsiisuun akka danda’ame ibsan. Botteewwan 159n aanaalee ongeen itti hammaate 73 keessatti namootaa fi beeladoota argamaniif bishaan dhiyaachaa akka jiru eeraniiru.
Gogiinsichi hanga ji’a Eblaatti hammaatee akka itti fufu ragaaleen ni mul’isu kan jedhan hooggantichi; sababa ongichaatiin hubaatii naannichatti qaqqabe beekuuf qoratamaa jiraachuu fi akka xumurameen kan ifoomu ta’uu utuu hinibsin hindabarre.
Dhiyeenya kana jaarmiyaan gargaarsa daa’immanii dhaabbata mootummoota gamtoomanii akka ibsetti; Itoophiyaatti sababa ongeen dabalaa dhufeef namoonni miliyoona 6.8 ta’an gargaarsa namoomaa barbaadu. Akka ibsa dhaabbatichaatti naannolee ongichaan hedduu miidhaman naannoolee Oromiyaa fi Sumaaleetti daa’imman kuma 200 fi kuma 25tti dhiyaatan; akkasumas dubartoonni ulfaa fi hoosiftoonni kuma 100 caalan hanqina nyaata madaalamaatti saaxilamaniiru.
Ragaaleen akka eeranutti; ongeen Booranatti uumame kan hinfooyya’in yoo ta’u; hanga yeroo dhiyootti sababa ongichaatiin beeladoonni birrii biliyoona afurii ol baasan dhumaniiru. Hanga yoonaatti godinichatti beeladoonni kuma 200 fi kumni 62kan du’an yoo ta’u; beeladoonni kuma 200 fi kuma 80 caalan immoo deeggarsa namaatiin lafaa akka ka’an ibsameera


አዲስ ማለዳ 5 Gurraandhala 2014 No 34

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here