Godina Matakkal aanaa Bulanitti fooyya’ee kan ture rakkoon nageenyaa irra-deebiin ka’eera jedhame

0
558

Namoonni sadii du’anii lama madaa’aniiru

Naannoo Biiniishaangul Gumuz godina Matakkal aanaa Bulanitti nageenyi ji’oottaniif diriiree ture bade; namoonni nagaan irra-deebiin humnoota hidhataniin ajjeefamaa jiraachuun ibsame.
Waggoota sadan darban bakkeewwan naannichaa adda addaatti hidhattoonni namoota nagaa irraan miidhaa gahaa turuun kan beekamu yoo ta’u; kanaanis namoonni hedduun ajjeefamuu, buqqifamuu fi qabeenyi barbadaa’uun hindagatamu.
Hata’u malee bara 2014tti hubaatichi ji’oottaniif dhaabbatee naannichatti amma tokko nagaan bu’ee; hawaasni tasgabbaa’ee akka ture ibsmeera.
Nageenyichi bu’ee kan ture humni cimdii gara godina Matakkalitti qajeele duula cimaa adeemsisaa tureen yoo ta’u; tibbana garuu rakkinichi irra-deebi’ee ka’uudha beekuun kan danda’ame.
Jiraattota keessaa namni Masfiin Mallasaa jedhaman; turban darbe humnoonni hidhattootaa Gumuz godina Matakkal aanaa Bulan ganda Addis Alamitti hubaatii qaqqabsiisaniin namoonni nagaan sadii akka du’an mirkaneessuu isaanii Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Hidhattoonni kun hubaaticha kan qaqqabsiisan Gurraandhala 1 bara 2014 Kibxata Roobiitti bari’u barii naannawaa sa’atii 10tti ta’uu jiraataan naannawichaa Daawit Ayyaaloo jedhaman Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Hubaatii hidhattoonni geessisaniin namoonni sadii ajjeefamuu mirkaneeffadheera kan jedhan Daawiit; baay’ina isaanii sirriitti beekuun yoo hindanda’amnes manneen hedduun akka gubatan dabalanii himaniiru.
Namoota du’aniin dabalatatti; namoonni nagaan lama hubaatichaan akka midhaman Daawit walqabsiisuun ibsaniiru.
Hubaaticha kan raawwatan hidhattooti Gumuz, ABO-Shanee fi gooltota Sudaanii dhufan waliin tumsuuni kan jedhame yoo ta’u; shiftoonni kun bakka “Kuukii” jedhamuun beekamutti akka argaman Daawit eeraniiru.
Addis Maaledaan rakkoo uumame kana furuuf maaltu godhamaa jira jechuun gaaffii dhiyeessiteef hoogganaan koomunikeeshiinii naannoo Biiniishaangul Gumuz Mallas Bayyanaa; torbsn darbe ganda Addis Alamitti hubaatichi raawwatamuu mirkaneessaniiru.
Hidhattooni hubaaticha kan raawwatan loo’anii seenuun akka ta’e kan ibsan Mallas; baay’inni namoota ajjeefamanii sirriitti hinbeekamu jedhan. Lolli riphuun taasifamu amalli isaa gama tokkoon utuu duulli taasifamuu gama biraatiin seenanii seenuun hubaatii qaqqabsiisuun waan hinhafnee dha kan jedhan hooggantichi; tibbana naannawaa rakkinichi uumametti humni nageenyaa hojii garicha qulqulleessuu hojjetaa akka jiru Addis Maaledaatti ibsaniiru.
“Hojiin nuti jalqabne hojii oopireeshiinii ti malee isaan wajjin falmuu ykn maryachuu miti” kan jedhan hooggantichi; oopireeshiinii kanaan humni raayyaa ittisa biyyaa, humnoonni addaa Amaaraa, kan Kibbaa, kan Sidaamaa, akkasumas kan Gambeellaa sakatta’aa jiraachuu beeksisaniiru.
Haala walqabateen; kanaan dura baay’inni isaanii kuma 200 fi kuma 50 ni ta’a buqqaatonni jedhaman gargaarsa argataniiruu? Amma hoo maal irra jiru? Jechuun Addis Maaledaan gaaffii kan dhiyeessite yoo ta’u; Mallas gama isaaniitiin karaa dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaatiin buqqaatotaaf deeggarsi taasifamaafii tureera jedhan.
Hooggantichi itti dabaluunis; “haala amma jiruun tarii daandiiwwan wayita cufaman addaan ciccituu irraa kan hafe gama sadarkaa dhiyeessiitiin gama keenyaan rakkoon hinjiru” jedhaniiru.
Walqabsiisuunis; baay’inni buqqaatotaa haala yerootiin kan dabaluu fi hir’atu ta’uu dubbataniiru.
“Biliisomsaa Ummata Gumuz” jechuun kan gurmaa’e gareen hidhataa Gumuz waggoottaniif walitti aansuudhaan namoota irrai hubaatii raawwataa fi qabeenya barbadeessaa akka jiru ibsanii; bara 2014 jalqabee garichi harka kennuun yoo irra jiraate harka akka kennu; yoo hintaane immoo rukutamuu akka qabu murtaa’ee hojjetamaa jira jedhaniiru.


አዲስ ማለዳ 5 Gurraandhala 2014 No 34

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here