Gatiin ‘siitriik asiidii’ birrii kuma lama irraa gara birrii kuma torbaatti ol dabaleera.
Warshaaleen oomisha saamunaa gogaa fi dhangala’aatti bobba’an; akkasumas interpiraayizoonni maayikiroo fi xixiqqaadhaan gurmaa’an hanqinni dhiyeessii keemikaalaa waan isaan mudateef hojii dhaabuu isaanii Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Saaminaa gogaa fi dhangala’aa oomishuuf meeshaalee dheedhiin alaa galan gatiin isaanii waan dabaluun cinatti; dhiyeessiinis akka hinjirre komattoonni dubbataniiru.
Hanqinni akka isaan mudate kan ibsan keessaa meeshaalee dheedhii raabsitoota biraa fuuchuun dhuunfaadhaan saamunaa kan oomishan Isaayyaas Yaaloo; siitiriik asiidiin gatiin isaa dabaluu irra darbee argachuu akka hindandeenye Addis Maaledaatti himaniiru.
Saamunaa dhangala’aa oomishuuf siitriik asiidii akka barbaachisu kan eeran Isaayaas; “gidduu kana fiduuf yoon deemes gatiin siitriik asiidii kiiloo giraama tokkoo gara birrii 300tti ol dabaluu isaa caalaatti argachuu waan hindandeenyeef harka duwwaa deebi’eera” jedhan.
Kanaan dura siitriik asiidii kiiloo giraama tokko kan bitaa turan birrii 90n akka ture kan yaadatan Isaayyaas; gidduu kana garuu gatiin isaa mi’aawuu irra darbee argachuu waan dadhabaniif saamunaa dhangala’aa oomishuuf rakkachuu isaanii ibsan.
Walqabsiisaniis; hanga ammaatti birrii kuma lamaa fi 250n bitaa kan turan siitriik asiidii kiiloo giraama 25; ammas bituuf turban darbe gara raabsaatti wayita goran gatiin isaa gara birrii kuma torbaa fi 500tti akka ol ka’ee fi dhiyeessii gahaan akka hinjirres ibsaniiru.
Oomishtoonni saamunaa kun hanqinni kan isaan mudate dhiyeessii siitriik asiidii qofaadhaan osoo hintaane; gama meeshaalee dheedhii fi keemikaalota biraatiin akka ta’e komattoota irraa beekuun danda’ameera.
Komii dhiyeessituun kan biraa Tizitaa Isheetuu gama isaaniitiin; siitriik asiidiin dabalatatti saamunaa dhangala’aa oomishuuf kan itti fayyadaman soodiyeem siilkeet dabalata gatii agarsiisuu isaa kan eeran yoo ta’u; keemikaalichi gatii hanga ammaatti ittiin gurguramaa ture birrii 20 irraa gara birrii 40tti ol ka’uu isaa Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Itti dabaluunis; gatiin koositiik soodaa birrii 60 irraa gara birrii 100tti; gatiin keemikaala laabsaa gara birrii 170tti ol ka’uu isaa ibsaniiru. Hanqinicha hordofee oomishtoonni yeroo yeroon gatii dabalaa jiraachuu kan eeran yoo ta’u; fakkeenyaafis gatiin saamunaa dhangala’aa kanaan dura birrii 25 ture gara birrii 30tti akka ol ka’e obbo Isaayyaas Yaaloo dubbataniiru.
Dhaabbileen dhuunfaa keemikaalota raabsanis gama isaaniitiin; hanqinni meeshaalee dheedhii mudachuu isaa Addis Maaledaatti ibsaniiru. Dhaabbata raabsaa keemikaala Meerii kan hoogganan le’ager Minyizeleq; haala hunda irraa adda ta’een hanqinni keemikaala S.L.E.S. akka jiru eeranii; konteneroota kuma 10 qofa qabatanii akka turanii fi innis guyyoota afur keessatti akka dhume dubbataniiru.
Sekteroota saddeetiif meeshaalee dheedhii akka dhiyeessan kan eeran Le’ager; warshaaleeshaampoo fi kondiishineerii, kan saamunaa fi diterjentii, kan biiraa fi lallaafaa’ teekstaayilii fi kan biraa hanqinni keemikaalaa akka isaan mudate ibsaniiru.
Mudachuu hanqinichaatiif sababoota lama kan ka’an yoo ta’u; sadarkaa jalqabaa irratti kan eeran keessumattuu tasgabbii dhabuu Raashaatti uumame hordofee meeshaalee dheedhii galchuun akka hindanda’aminii fi rakkoo gatiin sharafa doolaaraa dabaluu ti.
Lammaffaa irratti kan ka’e immoo baankiin biyyaalessaa seerri haaraan baankiin biyyaalessaa qaamolee meeshaa galchan irra kaa’e dhiibbaa uumee dha jedhan.
Kanaan dura namni doolaara kuma 100n meeshaa erge doolaara kuma 70n meeshaa dheedhii biliisaan akka ittiin galchu hayyamamaafii akka ture kan eeran Le’ager; erga seerichi ragga’ee booda garuu doolaara kuma 100 keessaa kuma 80 kan ta’u baankii biyyaalessaatiif akka galuu fi doolaara kuma 20 qofaadhaan meeshaa biliisaan akka galchanu ibsaniiru.
አዲስ ማለዳ Gurraandhala 19 2014 No 36


