Finfinnee irraa gara Awaash Malkaasaatti kan ergaman buqqaatonni Wallaggaa deeggarsa namoomaa gahaa hinarganne jedhan.

0
512

Dhaabbilee sab-quunnamtiitti komii akka hindhiyeeffanneef bilbilli harkaa fuudhameera.

Wallaggaa irraa buqqa’anii Finfinnee naannoo Jaanmeedaatti da’atanii kan turan namoonni 100 ol dirqamanii gara Awaash Malkaasaatti yoo geeffamanis; deeggarsi namoomaa ga’aan akka dhiyaataafii akka hinjirre Addis Maaledaatti himan.

Naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa lixaatti rakkoo nageenyaa yeroo yeroon uumamuun bakkeewwan adda addaatii buqqa’anii Finfinnee naannoo Jaanmeedaa namoonni qubatanii turan Addis Maaledaatti akka ibsanitti; Gurraandhala 17 bara 2014 murtee bulchiinsa magaalaatiin humnoota nageenyaatiin dabaalamanii godina Arsii magaalaa Asallaa aanaa Mersii galanii kan turan yoo ta’u; qaama mootummaa isaan keessummeessu dhabuu isaanii hordofee gara godina Shawaa bahaa magaalaa Awaash Malkaass (Awaash Gorgoo) akka deebi’an yoo dirqamanis; deeggarsi namoomaa gahaan akka hintaasifaminii fi rakkoon da’oo akka isaan mudate dubbataniiru.

Buqqaatonni itti dabaluunis; komii isaanii wayita dhaabbilee sab-quunnamtiitti beeksisan bilbilli isaanii qaamolee nageenyaatiin kan harkaa butame yoo ta’u; buufanni qubannaa akka qophaa’uuf qaamolee mootummaatiif gaaffiin dhiyeessan deebii akka hinargatin Addis Maaledaatti himaniiru.

Buqqaatonni kun; kanaan dura Gurraandhala 16 bara 2014 buufanni qubannaa isiniif qophaa’eera jedhamanii bulchiinsa magaalaa Finfinneetiin dirqamanii gara naannoo Amaaraa godina Shawaa kaabaa magaalaa Dabre-Birhaanitti kan ergaman yoo ta’es; Dabre Birhan buqqaatonni baay’een jiraachuu hordofee bulchiinsi magaalichaa isin hinkeessummeessu jedhee akka isaan deebise ni yaadatama.

Dabalataan; ji’a lama dura sababa rakkoo nageenyaa Wallaggaa lixaa keessa jirutiin bakka adda addaatii kan buqqa’an namoonni 100 caalan Finfinnee kutaa magaalaa Askoo;Abuune Aregaawii fi giddugala dargaggootaatti qubatanii yoo turanis; qaama mootummaatiin bakka qubatanii akka ba’an dirqamuu isaanii buqqaatonni Addis Maaledaatti himaniiru.

Buqqaatonni naannoo isaanii gadhiisanii erga dhufanii jalqabee bulchiinsa magaalichaatiif irra-deddeebiin gaaffii deeggarsaa yoo dhiyeessanis deebii kan hinargatin yoo ta’u; jiraattota magaalattii fi deeggartoota namoomaatiin kiraan manaa ji’a lamaa nuuf kaffalameera jedhan.

Addis Maaledaan waa’ee dhimmichaa gaafachuuf waamichi bilbilaa irra-deddeebiin gara biiroo koominikeeshiinii bulchiinsa magaalaa Finfinneetti taasiste hinmilkoofne.

Bulchiinsi magaalichaa turban tokko dura ibsa baaseen akka ibsetti; akkoo nageenyaa godina Wallaggaa jiru hordofee lammiiwwan magaalaa Finfinnee seenan ilaalchisuun gabaasni tamsa’aa jiru dogongora ta’uun naaf haa beekamu jechuun isaa hindagatamu.

Bulchiinsi magaalichaa; lammiiwwan kun gara magaalattii erga dhufanii kaasee deeggarsa yeroo taasisuu irraa jalqabee furmaata fulla’aa akka argataniif qaamolee dhimmichi ilaaluu wajjin mariin taasifamuu ibseera.

Buqqaatonni hanga gara qe’ee isaaniitti deebi’anutti waa’ee yeroof bakka turuu danda’anii bulchiinsi magaalichaa lammiiwwan maryachuu isaa fi hayyama lammiiwwanii irratti hundaa’uun mootummaa naannoo Oromiyaa fi koomishiinii ittisaa fi hooggansa balaa biyyaalessaa waliin ta’uun yeroof bakka boqochuu danda’an mijeessaa jiraachuu eereera.


አዲስ ማለዳ Gurraandhala 26 2014

 

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here