Gosoota ji’a lamaa fi walakkaa keessatti gahuu danda’anii dha.
Instiitiyuutii qorannoo qonnaa Itoophiyaatti dhaabbata qorannoo qonnaa Bishooftuu keessatti yaalii qorannoo sanyii haaraa oomishuuf waggoottan dura taasisaa tureen; keemikaala ‘E.M.S.’ jedhamutti fayyadamuudhaan sanyiiwwan xaafii filatamaa afur argachuu isaa Addis Maaledaatti beeksise.
Odeeffannoon dhaabbatichaa akka mul’isutti yoo ta’e; kanaan dura carallaa niiyukileeriitti fayyadamuudhaan sanyii xaafii fooyyessuun sanyiiwwan filatamaa kan kanaan duraa caalan argachuuf hojjetamaa kan ture yoo ta’u; bu’uura qorannichaatiinis gosoonni xaafii filatamaan afur argamanii qonnaan bultoota qaqqabuun isaanii ibsameera.
Keemikaala ‘E.M.S’ fayyadamuun gosoonni sanyii filatamaa xaafii fooyya’aan argamuu dhaabbatichaa wajjin qorataa ta’anii kan hojjetanuu fi yuunivarsiitii Bern Siwizerlaanditti argamutti saayintiistii tumsaa fi qorataa kan ta’an piroofeeseer Zarihun Taaddalaa Addis Maaledaatti ibsaniiru.
“Yeroo ammaatti sanyiiwwan xaafii gosa afur qorannoo qonnaa Bishooftuutiin baafneerra” jechuun Zarihun Addis Maaledaatti ibsaniiru. Sanyiiwwan xaafii haaraa argaman maqaan Tasfaa, Ebbaa, Booraa fi Boonii jedhaman akka kennamaniif kan ibsan Zarihun; bu’uurri maqaa isaaniis Boonii fi Booraan gogiinsa dandamachuu isaaniitiin yoo ta’u; sanyiin xaafii Tasfaa jedhame immoo maqicha kan argate Bishooftuutti wayita yaalii irra ture akka yaaluuf kan itti kenname maqaa qonnaan bulaa irraa ka’eetu jedhan.
Sanyiin xaafii Ebbaa jedhame immoo sanyii xaafii argachuudhaan kan beekamu maqaa Taaddasaa Ebbaatiin kan moggaafame ta’uu qoratichi Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Gosoota haaraa argachuun kan danda’ame sanyiiwwan xaafii Quncoo fi Kooraa akkasumas kan biraa diqaalomsuudhaan yoo ta’u; keemikaalli ‘E.M.S.’ jedhamu oomishni isaanii kan guddate, hojjaan isaanii gabaabaa ykn dheeraa ta’us akka hinkufne sanyiiwwan xaafii jirmi isaanii cimaa ta’e argachuuf dandeessiseera jechuun qoratichi ibsaniiru.
Zarihun walqabsiisuunis sanyiiwwan xaafii kanaan dura turan hojjaan isaanii hanga santii meetira 30 yoo ta’u; kan qorannaan argaman garuu hojjaan isaanii santii meetira 20 hanga 25 ti; sanyiiwwan haaraan hojjaa fi cimina isaaniitiin ongee dandamachuu waan danda’aniif ni wayyu jedhaniiru.
Sanyiiwwan xaafii haaraa argama keessaa Booraa kan jedhamu ongee dandamachuuf humna akka qabu kan ibsan qoratichi; sanyiin isaas Alam Ganaa keessatti kan argamu aanaa Booraatti yaaliin irratti taasifameera jedhaniiru.
Haala walqabateen; Booni jechuun hiikni isaa kan boonu jechuu yoo ta’u; haala Booraan walfakkaatuun humna ongee dandamachuu akka qabuu fi naannoo Bishooftuutti faca’ee akka yaalame Zarihun dabalataan dubbataniiru.
Instiitiyuutiin qorannoo qonnaa kanaan dura sanyii xaafii haaraa oomishuuf kan karoorfate carallaa niyukileeriitti fayyadamuun yoo ta’u; amma garuu isa irraa kan fooyya’e keemikaalaan sanyii xaafii oomishuun akka danda’ame ibsameera.
Carallaa niyukileerii irraa haala fooyya’een sanyii xaafii diqaalomsuun danda’ameera kan jedhan Zarihun; humni carallichaa sanyiiwwan irraa miidhaa ni qaqqabsiisa kan jedhan yoo ta’u; keemikaalichi garuu omaa miidhaa hinqabu jedhan.
Qonnaan bultoonni galabaa isaa waan barbaadanuuf sanyiiwwan hojjaan isaanii gabaabbatu baay’ee waan hinjaal’atiniif hojjaan isaanii baay’ee utuu hingabaabbatin sanyiiwwan jirmi isaanii jabaa ta’e oomishuuf yuunivarsiitii Barnitti roobootii fayyadamuun qorataa jiraachuu isaanii qoratichi ibsaniiru.
Gama biraatiin; qonnaan bultootaan filatamaa kan jiru sanyiiwwan xaafii dafee gahuu dha kan jedhan Zarihun; sanyiiwwan xaafii barataman oomishaaf kan gahan ji’oota sadiitti ta’uu eeranii; amma garuu ji’a lamaa fi walakkaatti sanyiiwwan gahuu danda’an diqaalomaniiru jedhan.
Instiitiyuutiin qonnichaa sanyiiwwan kana bakkeewwan adda addaatti qonnaan bultootaaf raabsaa jira kan jedhan Zarihun; fakkeenyaafis naannoo Amaaraa Taguletii fi Jirruu, Shawaa bahaa Minjaarii fi Shonkooraa, akkasumas naannoo Oromiyaa aanaalee adda addaatti raansineerra jedhan.
Itoophiyaa keessatti midhaan biraa caalaatti sanyiin xaafii lafa hektaara miliyoona sadii irra faca’uun bakka olaanaa akka qabuu fi qonnaan bultoonni miliyoona 4.7 akka facaasan ni dubbatama.
አዲስ ማለዳ Gurraandhala 26 2014