Hangi tamsa’ina weerara HIV/AIDS magaalaa Finfinnee keessa jiru akka barbaadametti hir’achuu dadhabuun isaa himame. Waggoota kurna darbanitti magaalattii keessatti hangi vaayireesichaan qabamuu akka barbaadametti hir’achuu akka hindandeenye biiroon fayyaa magaalaa Finfinnee Addis Maaledaatti beeksiseera.
Magaalaa Finfinneetti hangi tamsa’ina weerara HIV/AIDS dhibbentaa 3.2 yoo ta’u; naannolee wajjin wal cinatti wayita ilaalamu daraan olaanaa ta’uun isaa himameera.
Biiroo fayyaa Finfinneetti daarikteerri daayirektoreetii deebii ulaa hedduu Fallaqach Andaargee Addis Maaledaatti akka ibsanitti; magaalattiitti waggoota kudhan darbanitti hangi tamsa’ina vaayireesichaa dabaleera yoo hinjedhamneshanga hir’achuu qabu garuu hinhir’anne jedhaniiru.
Kanaafis akka sababaatti weerarri vaayireesii Koroonaa fi rakkoowwan nam-tolchee biyyattii keessatti uumaman xiyyeeffannaa hawaasaa hawwachuudhaan HIV/AIDSn akka dagatamu taasisuu ibsanii; dhaabbileen mootummaa fi kan dhuunfaa adda addaa akkasumas dhaabbileen gargaarsaa gama galma weerara vaayireesichaa hir’isuuf kaa’ataniitiin hanqina akka qaban kaasan.
Dhaabbileen sab-quunnamtiis rakkinicha kaasuudhaan akka uummanni hindaganne gama taasisuutiin qaawwaa ni qabu kan jedhan daarikteerattiin; dhaabbilee dhimmichi ilaaluun akkasumas dagannaan hawaasa bira jiru akka kanaan yoo itti fufe; hangi tamsa’ina vaayireesichaa deebi’ee ka’uu akka danda’u ibsan.
Waggoottan darbanitti tamsa’inicha hir’isuuf hojiiwwan sab-quunnamtii fi sosochii bal’aan hojjetamaa kan turan yoo ta’es; amma garuu gama sana raawwachuutiin qaawwaa bal’aan jiraachuu mul’isaniiru.
Yeroo ammaa magaalaa Finfinneetti jiraattonni magaalattii kuma 100 fi kuma torba ta’an vaayireesichi dhiiga isaanii keessa kan jiru yoo ta’u; kana keessaa dhibbeentaan 62 dubartoota ta’uun ibsameera. Hubamtoota vaayireesichaa waliigalaa keessaas dhibbeentaa 14 kan ta’an kan vaayireesichi maatii isaanii irraa itti darbee dha jedhameera.
Kanaanis konkolaachistoonni daandii dheeraa; sirreeffamtoonni seeraa fi namoonni sosocho’anii hojjetan namoota vaayireesichi dhiiga isaanii keessa jiru keessaa lakkoofsa guddaa kan qabatan yoo ta’u; haala adda ta’een immoo dubartoonni ejjeen bultoonni rakkoo hammaataa keessa akka jiran daarikteerittiin ibsaniiru.
Hanga namoota haaraa qabuu isaas dubartoota irratti daraan olaanaa ta’uu isaa fi dargaggoonni umuriin isaanii waggaa 24 gadi ta’an sadarkaa olaanaadhaan hubamtoota ta’uu isaanii beekuun danda’ameera.
Weerarichi dubartoota irratti kan olaanaa ta’eef; galii gadaanaa qabanuun kan ka’e hojii saal-quunnamtii akka madda galiitti lakkaa’uu isaaniitiin yoo ta’u; dhiibbaan dhiironni isaan irraan gahanuu fi hubaatiin gama koorniyaatiin isaan mudatu ka’umsa biraa akka ta’etti eerameera.
Dubartoonni kana caalaatti vaayireesichaan akka hinhubamneef leenjiin madda galii akka kennamuu fi yoo danda’ames; maallaqni hojii ittii jalqaban akka argatan tuqanii; kana irra darbees hojii saal-quunnamtii naga-qabeessa akka hojjetan taasisuuf kondomii sirnaan akka itti fayyadamaniif hojiin hubannoo uumuu ni hojjetama jechuudhaan daarikteerittiin dubbataniiru.
Kanas ta’ee raabsaa kondomiitiin walqabatee bakka hundatti dhiyeessuuf rakkoon jiraachuu utuu hintuqin bira hindabarre. DKT Itoophiyaatti dameen Finfinnee gama isaatiin; hanqinni koondomii yoo hinjirres; koondomii hojii oolu dhaabbanni mirkaneessu duubatti harkifannaa akka qabuu fi gama tamsa’ina olaanaa magaalota keessa jiruutiin kun sirraa’uu akka qabu Addis Maaledaatti ibseera.
Magaalaa Finfinneetti hangi tamsa’ina vaayireesichaa naannoo Gambeellaatti aanee sadarkaa lammaffaa irratti argama jedhameera. Sadarkaa biyyatti 0.9 ta’uudhaan sadarkaa weeraraa irra akka hingeenyee fi; ta’us garuu weerara jedhamuuf xiqqoon akka isa hafu eerameera.
Waggaa darbe hangi tamsa’inni vaayireesichaa 3.4 akka turee fi jijjiiramni hanga tamsa’ina isaa waggoota kudhan keessatti ture walfakkaataa ta’uun ibsameera.
አዲስ ማለዳ Gurraandhala 26 2014 No 37



