Hubaatichaan miidhamanii kan hospitaala seenan ni jiru
Naannoo Saboota, Sab-lammootaa fi Ummattoota Kibbaa magaalaa Hoosaa’inaatti kan argamu yuunivarsiitii Waachaamootti barattoonni baratan ayyaana yaadannoo Adiwaa 12ffaa kabajuu isaanii hordofee qaaxxeen irratti raawwatamuu Addis Maaledaatti ibsan.
Barattoonni tiishartii injifaicha leellisu uffachuun magaalichatti Gurraandhala 23 bara 2014 injifannoo Adiwaa ummata waliin waan kabajneef qaaxxeen nutty baname kan jedhan yoo ta’u; hubaatichi kan irratti raawwatame garuu barii isaa Kamisa Gurraandhala 24 bara 2014 ta’uu dubbataniiru.
Kanaanis guyyaa sana barattoonni dhibbaan lakkaa’aman hedduun hubaaticha baqatanii yuunivarsiitiin ala akka turanii fi lukaan kiiloo-meetira 20 adeemanii mana amantaa Kiritaanaa baadiyyaa tokkotti da’atanii turuu isaanii ibsaniiru. Gurraandhala 24 bara 2014 qaamoleen nageenyaa naannichaa gara yuunivarsiitiitti akka deebi’an yoo dirqisiisanis; nageenya isaaniitiif yaadda’uun mana amantichaa buluu isaanii ibsaniiru. Barattoonni biraas akkasuma bakka biraatti da’atanii akka turanii fi guyyaa guutuu nyaata akka hinargatin ibsan. Barattoonni hubaaticha jalaa miliquu dadhaban keessattuu immoo dubartoonni reebichi akka irratti raawwatamee fi kanaanis kan miidhaman barattoonni 200 gadi hintaane hospitaala utuu hingalin akka hinhafin ibsaniiru.
Barattoonni kun hubaatichi kan irrati raawwatame barattoota kan biraa yuunivarsiiticha keessa jiranuu fi miseensota humna nageenyaa mootummaatiin ta’uu ibsan. Kunis enyummaa akka bu’ureeffate kaasaniiru. Miseensonni humna nageenyaa mootummaa tiishartii waa’ee injifannoo Adiwaa ibsuu fi barattoonni huffatanii turan baafachiisuun barattoonni reeban akka jiranis ibsaniiru.
Barattoonni irra-deddeebiin yaaddoon nageenyaa jiraachuu fi kanaafis tasgabbaa’anii barnoota isaanii hordofuuf kan isaan dandeessisu furmaanni amansiisaan fudhatamaa hinjiru jechuun ibsu. Bara barnootaa tokko qofaatti jeequmsi yeroo lama uumamuu isaa fi ebbifamtoota irratti miidhaan qaamaa fi xiin-sammuu qaqqabuunis eerameera.
Hoogganaan sab-quunnamtii yuunivarsiitii Waachaamoo Daani’eel Gaadde; barattoonni dhimmoota adda addaa irratti walii isaaniitiin walitti bu’iinsa uumanii turan jechuun waa’ee dhimmichaa Addis Maaledaatti ibsaniiru. Walitti bu’iinsichi miidhaa hammaataa hinqaqqabsiisne kan jedhan hooggantichi; barattoonni muraasni agruu miidhaa xiqqaan akka irra gahee fi hospitaala seenanii wallaanamuudhaan gara bakka bultii isaaniitti deebi’uu isaanii ibsaniiru. Ta’us barattoonni hangam hospitaala akka dhaqanii fi hanga miidhaa isaan irra ga’e ibsuu irraa of qusataniiru.
Barattoonni yuunivarsiiticha gadhiisanii ba’an jiraachuus eeranii gara mooraatti kan deebi’anu ta’uu kaasaniiru. Hooggantichi itti dabaluun; rakkinicha kan hammeessan qaamolee ajandaa qabanii dha erga jedhanii booda; barattoonni guyyaa sana hojii isaanii hojjetaa akka turanii fi mooraa yuunivarsiiticha keessa biliisaan socho’aa jiraachuu ibsaniiru.
Yuunivarsiitichi dhiyeenyatti hordofuudhaan maryachiisaa jira kan jedhan hooggantichi; ka’umsi walitti bu’iinsichaa maal akka ta’e fi hubaaticha kan raawwatan barattoota moo humnoota nageenyaa ti kan jedhu adeemsa qulqullaa’uu irra jira jedhaniiru.
Ta’ees hanga gabaasni kun qindaa’etti barattoonni baay’een mana amantaa Kiristaanaatti dahatanii jiraachuu fi haala nageenya isaaniitiif yaaddessaa ta’e keessa akka jiran ibsaniiru. Gara yuunivarsiitiitti yoo galles yeroo hinyaadamnetti hubaatiin nu irra gahuu danda’a yaaddoo jedhu dubbataniiru.
አዲስ ማለዳ Gurraandhala 26 2014


