Barnootaa fi Miidhamtoota Qaamaa

0
1309

Mirgoota bu’uraa lammileef gutamuu qaban keessaa barnoonni kanneen jalqaba irratti hiriiran keessaa ti.

Itoophiyaa keessatti ijoolleen barnoota isaaniitiin cimoo fi milkaa’aa ta’uun ofii isaanii irra darbuun dhaloota maatii, hawaasa, akkasumas biyyaaf fayyadan akka ta’an yoo barbaadame; haalli barnoota bu’ura ta’e itti argatan sadarkaa tokkoffaa irraa hanga sadarkaa olaanaatti guutamuufii qaba.

Gama biraatiin heerri mootummaa Itoophiyaa hanga humni dinagdee hayyametti mootummaan miidhamtoota qaamaatiif deeggarsa kennuu; barsiisuu fi itti gaafatamummaa biraa bahachuuf dirqama akka qabu tumeera.

Biyyoonni miseensota dhaabbata mootummoota gamtoomanii; tumaawwan idil-adunyaa biyyoota isaaniitti heera mootummaa keessa galchuu fi raggaasuudhaan; miidhamaan qaamaa kamiyyuu mirga barachuu akka qabuu fi mootummaan, hawaasni, waldaaleen siivikii fi maatiin miidhamtoota qaamaatiif haala mijtaa uumuu ykn mijeessuuf dirqama qabu.

Kanaan dabalatatti; qaawwaa gufuu ta’an guutuun qaamoleen dhimmicha keessaa qooda qaban miidhamtoonni qaamaa carraa barachuu akka argatan taasisuuf dirqama qabu.

Waggaa darbe magaalaa guddoo Ingiliiz Leendeenitti yaa’iin miidhamtoota adunyaa sadarkaa adunyaatti wayita taa’ame; qabxiiwwan yaa’icha irratti ka’an keessaa tokko baay’inni miidhamtoota qaamaa kan hinbeekamne ta’uu isaa ti. Dhaabbata mootummoota Gamtoomaniitti gabaasa miidhamtoota qaamaa waggootaan dura baheen; miidhamtoota qaamaa biliyoona tokko adunyaa irra jiran keessaa dhibbeentaan 15 biyyoota guddataa jiran keessa akka jiranuu fi kana keessaas dhibbeentaa 15 kan ta’an Itoophiyaa keessa akka jiran ragichi ni mul’isa.

Itoophiyaa keessatti miidhama qaamaa irratti wantoonni hojjetamuu qaban hedduun akka jiran falmitoota mirga namoomaatiin kan himamu yoo ta’u; kana keessaas hubannoo uumuu fi miidhamtoota qaamaatiif carraa barnootaa mijeessuun kan jalqaba irratti eeramanii dha.

Miidhamtoonni qaamaa barachuu yoo hindandeenye fi haala itti baratan mijeessuun yoo hindanda’amne; hawaasni oomishaa fi bu’a-qabeessa ta’uu hafuu isaa caalaatti; carraan maxxantoota ta’uuf qaban bal’aa akka ta’u wal nama hingaafachiisu.

Faayidaan barnoonni argamsiisu olaanaa waan ta’eef; haalli Itoophiyaa hanga hayyameen miidhamtoonni qaamaa walqixxummaadhaan barnoota argachuu akka qaban Waldaan Miidhamtoota Qaamaa Itoophiyaa yeroo yeroon ni dubbata.

Itoophiyaan duula “barnooti hundumaaf” jedhu akka qabduu fi miidhamtoonni qaamaa hundi fayyadamtoota barnootaa ta’uu akka qaban yoo tumames; hojiin isaa qabatamaan lafa irra waan hinbu’iniif raawwiin isaa qaawwaa olaanaa qaba kan jedhus waldichuma.

Itoophiyaan seera idil-adunyaa miidhamtoota qaamaa ilaallatu qaama seera biyyattii taasisuudhaan mana maree bakka bu’oota uummataatiin fudhattee raggaasuun hojii irra oolchuun ishee ni beekama.

Hata’u malee; haalli barnoota miidhamtoota qaamaa akka mirga sadarkaa lammaffaatti kan ilaalamu ta’eera jechuun ni danda’ama. Kanaanis miidhamtoonni qaamaa barnoota biliisaa fi haqa-qabeessa; akkasumas deeggarsa hinargatan. Kana irra darbees hawaasa mana barumsaatiin; barsiisotaa fi maatiin utuu hinhafin haalli deeggarsa gahaa itti hinarganne ni mul’ata.

Soofiyaa Mahaammed jiraattuu magaalaa Finfinnee yoo taatu; ilmi ishee waggaa 14 balaa isa mudateen miilonni isaa waan miidhamaniif ‘wiilcheeriidhaan’ socho’uuf akka dirqame dubbatti.

Mucaan ishee Jaafar Qaasim jedhama. Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Booleetti barataa kutaa arfaffaa mana barumsaa Boolee-Addisi.

Jaafariin waggaa shanaffaa isaatti mana barumsaa akka galchite kan dubbattu Soofiyaan; mana jireenyaatii hanga mana barumsaatti geessuu irraa jalqabee; meeshaalee barnootaa fi uffannaa guutuun itti gaafatamummaa ishee bahataa akka jirtu ibsiteetti.

Jaafar fedha barnootaa kan qabu; beekumsa horachuun maatii fi biyya isaatiif aarsaa akka kaffalu yeroo hunda kan dubbatu ta’uu himteetti. Hata’u malee; kutaaleen mana barnootaa inni itti baratuu mijataa ta’uu hafuun kaayyoo isaatti gufuu akka itti ta’e eerte.

Soofiyaan itti dabaluunis; mucaan koo qabxiin isaa gaarii ta’ee utuu jiruu fi gara kutaa itti aanuutti darbuun yoo irra jiraates; maal na dhibdee mana barumsichaatiin carraan gara kutaa itti aanuutti darbuuf qabu jalaa qisaasa’eera jetti. Gara kutaa itti aanuutti utuu hindarbin sadarkaalee kutaa adda addaatti yeroo shaniif akka turu dirqameera jetteetti.

Dabalataanis; waggaa keessa jirru kanatti samisteera duraatti qorumsa akka hinfudhanne mana barumsichaatiin dhorkameera kan jette Soofiyaan; qorumsa akka hinfudhanne maaliif akka dhorkame mana barumsichaatiif gaaffii yoo dhiyeessites deebiin akka hinkennaminiif kaasuudhaan Addis Maaledaatti ibsiteetti.

Mana barumsaa Boolee-Addis sadarkaa tokkoffaatti barsiisaa fi ogeessi fedhii addaa Girum Gulilaat gama isaaniitiin; Jaafar mana barumsichaatti galmaa’ee barnoota hordofuu erga jalqabee kaasee hojii barsiisummaa irra akka jiran eeruun; barataa Jaafar qorumsa fudhatuun bu’aa gaarii galmeessisuun sadarkaalee kutaa adda addaatti waggoota shaniif utuu hindarbin hafeera komii jedhutti walii hingalu jedhan. Girum itti dabaluun; manni barumsaa sadarkaa tokkoffaa Boolee-Addis haala miidhamtoota qaamaatiif mijatuun barnoota kennaa jiraachuu kaasaniiru.

Waggaa kana barsiistuun dubaraa tokko barataa Jaafar yeroodhaan mooraa mana barumsaa keessatti argamuu hafuu isaa hordofee; barattoota kan biraa walitti qabdee wayita gamoo irratti barnoota kennaa turtetti Jaafar barfatee dhufuu isaa odeeffannoo akka qaban dubbataniiru. Kanaanis guyyaa sana gosa barnootaa tokko sa’atii isaatti utuu hinhordofin akka hafe qindeessichi eeranii; manni barumsichaa barsiistuttiif xalayaa of-eeggannoo barreessuu isaa ibsaniiru.

Kana irraa kan hafe garuu; Jaafar bara barnootaa kana qorumsi samisteera tokkoffaa akka isa darbe akka hinbeeknee fi Soofiyaanis komii tokkoyyuu mana barumsichaatti dhiyeessitee akka hinbeekne ibsaniiru.

Walqabsiisuunis; barataa Jaafar bara 2014tti qorumsa samisteera tokkoffaa qoramuu fi dhiisuun isaa erga mirkanaa’ee booda manni barumsichaa murtee akka dabarsu barsiisaa Girum eeraniiru.

Gorsaan federeeshiinii mirga miidhamtoota qaamaa Yiliqaal Abbaayee; Itoophiyaan qajeelfama barnoota waloo akka hrdoftuu fi barattoonni miidhamtoota qaamaa barataa kamiinuu waliin walitti makamanii akka baratan imaammata tumu yoo qabaattes; imaammatichi hojii irra akka hinoolin kan agarsiisan qorannoowwan adda addaa ni jiru jedhan.

Kanaanis; gama mootummaatiin bajanni barbaachisu ramadamuu hafuu; qaawwaan hubannoo jiraachuu; seerri barnoota waloo dirqisiisaa ta’e jiraachuu hafuu; meeshaaleen barnootaa gahaan dhabamuun hojii irra ooluu hafuu isaatiif sababoota ta’uu ibsaniiru.

Yiliqaal ittuma dabaluun; yeroo ammaatti barnoota sadarkaa tokkoffaa irraa kaasee hanga dhaabbilee barnoota olaanaatti miidhamtoonni qaamaa carraan barnoota itti argatan akka bal’atan taasisuun cinatti; wixineen seeraa akka lafa gahee raawwatamuuf gargaaru qopha’aa jiraachuu dubbataniiru.

Seerri kun wayita ba’u immoo qaamolee mirga barachuu  miidhamtoonni qaamaa hinkabajne seerota adabbii yakkaa fi kan bulchiinsaatiin itti gaafatamtoota akka taasisu kan tuqan qindeessichi; wixineen seeraa qophaa’e fudhatama kan argatu yoo ta’e; mirga miidhamtoota qaamaa kabachiisuuf gaheen qabu olaanaa akka ta’e eeraniiru.

Ogeessi seeraa Xigaabuu Dassaaleny gama isaaniitiin; miidhamtoonni qaamaa gara mana barnootaa akka hindeemne; barnoota isaanii akka hinhordofne haalli itti daangeffamu hammaataa dhufeera jedhan.

Kana malees; maatii fi guddistoonni barattoota miidhamtoota qaamaa mana barumsaatti geessuun haalli itti galmeessisan akka jiru Xigaabuun eeranii; miidhamtoonni qaamaa bu’aa-ba’ii dandamachuun barnoota hordofuu jalqabanu immoo kutaalee barnootaa lafa irra jirutti barachuu akka danda’an mijeessuun sirrii ta’ee utuu jiruu; darbii gamoowwanii irratti akka barataniif carraan itti dirqaman jira jedhu.

Dhaabbileen barnootaas; barattoota miidhamtoota qaamaa tilmaama keessa galchuu dhiisuu; hubachuu dhabuu fi dhimmicha maatii isaaniitiif haalli itti dhiisan hubatamaa dhufuu eeraniiru.

Dhaabbilee barnootaatti meeshaleen barnootaa sirriitti hinargaman kan jedhan Xigaabuun; fakkeenyaafis barattoota qaro-dhabeeyyiif meeshaan barnootaa bireeliin ykn sagaleedhaan waraabame jiraachuu dhiisuu; barattoota rakkoo miillaa qabaniif wiilcheerii fi konkolaattuu mijeessuu dhabuu; barattoota gurraan hindhageenyeef dabalataan barsiisota afaan mallattoo danda’an ramaduu dhiisuun ni mul’ata jedhu.

Barnoota miidhamtoota qaamaatiin walqabatee seeronni heera mootummaa keessatti tumaman cabaa jiraachuu eeruun cinatti; carraa miidhamtoonni qaamaa barnoota itti argatan mijeessuun dirqama qaamolee hundaa ti jedhaniiru.

Mootummaan galteewwan barnootaa mijeessuu; barsiisotaa fi hooggansa manneen barnootaaf leenjii kennuu; miidhamtoonni qaamaa mana barnootaa seenanii akka baratan yeroo yeroon duula taasisuu fi maatiin ykn guddistoonni miidhamtoota qaamaa odeeffannoo akka argataniif hojjechuu akka qabu Xigaabuun dubbataniiru.

Itti dabaluunis; mootummaan qonnaa fi dameewwan adda addaatiin keessumattuu hojii qonnaan bultoota gahoomsuu akkuma hojjetu; miidhaa fi miidhamtoota qaamaa irrattis hojii hubannoo qabachiisuu walitti fufe raawwachuutu irra jira jedhu.

Miidhamtoonni qaamaa mirga barachuu; tajaajila haqa qabeessa argachuu heera mootummaatiin kaa’amuu isaatiin ala akka hinraawwatamin kan ibsan Xigaabuun; kana sirreessuu fi jijjiirama fiduuf kutannoon mootummaa, hirmaannaa fi tumsi qooda fudhattootaa, tattaaffiin maatii daangaa hinqabne barbaachisaa akka ta’e eeraniiru.


አዲስ ማለዳ Bitootessa 3 2014 No 38

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here