Gadadoo fi abdii naannolee hongeen itti mudatee

0
1282

Waggoota 40 booda balaa hongee hammaataaf kan saaxilaman naannolee uummattoota kibbaa, Oromiyaa fi Sumaalee dabalatee kutaa Itoophiyaa kibba-bahaatti jiraattonni miliyoona torba caalanuu fi beeladoota miliyoonaan lakkaa’aman irra balaan beelaa qaqqabaa jiru daangaa isaa babal’ifatee itti fufeera.

Naannolee Oromiyaa, Affaarii fi Sumaaleetti waqtiiwwan roobaa sadii walitti aansuun gufachuu isaaniitiin hongee umameen beeladni hedduun du’aniiru; midhaan barbadaa’eera; hanqinni nyaataa fi bishaanii uumameera; lammiiwwan hedduus buqqisaa jira.

Hongee naannolee kanatti uumameen; namoonni miliyoonaan lakkaa’aman waan ittiin jiraatanuu fi beeladoota isaanii waan dhabaniif lubbuu daa’immanii fi maatiiwwan isaanii baraaruuf tattaafataa jiru.

Namoonni miliyoona torba ta’an gargaarsi namoomaa arifachiisaan kan isaan barbaachisu yoo ta’u; hedduunis qe’e isaanii gadhiisuun godaanaa akka jiran ragaaleen ni mul’isu.

Koreen baraarsa lubbuu adunyaas namoota Itoophiyaa kibba-bahaa fi Somaaliyaa keessa jiran balaan hongee hammaataan waggoota afurtama keessatti akka isaan mudatee fi naannolee kanatti hammaachuu gaaga’ama namoomaatiif sababa ta’uu isaa madaallii yeroo dhiyoo asitti taasiseen arguu isaa gabaasa baaseen beeksiseera.

Dabalataan bu’uura odeeffannoo ji’a tokko dura ba’een hongee Afriikaa bahaa qofatti uumame beeladoota miliyoona tokkoo fi kuma 500 akka ajjeesee fi hedduus hanqina nyaataatti akka saaxile kan beeksise immoo dhaabbata nyaataa fi qonnaa adunyaa (FAO) dha.

Sagantaan nyaata adunyaas akkasuma hongee naannichatti uumame hordofee beeladoonni baay’inni isaanii Kanaan olitti eerame du’uu isaanii akka mirkaneesse eeruun; balaa hongee uumame kana furuuf abdiin jiru immoo daguugamaa jira jedheera.

Hongicha hordofee naannoo Sumaaleetti dhiyeessiin nyaata qaama gabbisanii kan waggoota darbanii irra gara dhibbeentaa 58tti gadi bu’uu; akkasumas hongee Keeniyaatti itti fufe hordofees dhiyeessiin nyaata qaama gabbisanii gara dhibbeentaa 70tti gadi bu’uun isaa eerameera.

Ji’a kanatti immoo biyyoota Afriikaa bahaatti argamanuuf deeggarsa nyaataa dhiyeessuuf doolaara miliyoona 100 fi miliyoona 30 akka barbaachisu; akkasumas hongichi hammaachuun kan itti fufu yoo ta’e immoo naannichaaf hammaataa dha jechuun FAOn beeksiseera.

Hojiiwwan qonnaa hojjechuu dadhabuu; hammaachuu hanqina nyaataa fi namoonni hedduunis qe’ee fi qabeenya isaanii irraa akka buqqa’aniif sababa ta’eera kan jedhe dhaabbatichi; gaaga’ama namoomaa naannichatti qaqqabuu danda’u ittisuuf deeggarsoonni atattamaa akka barbaachisu himeera.

Biyyoota Afriikaa bahaatti waggoota walitti aanan sadiif roobni yeroo isaa eeggatee roobuu hafuu isaatiin gogiinsichi itti fufuu isaa ti dhaabbatichi kan beeksise. Sababa kanaanis hojiin qonnaa dhaabbateera; beeladoonni gaafaas du’aa jiru kan jedhe sagantaan nyaata adunyaa; Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaatti kan argaman namoonni miliyoonni 13 beelatti saaxilamuutti dhiyaataniiru jedheera.

Biyyoota kanatti deeggarsi namoomaa atattamaan yoo hintaasifamne balaa qaqabu dhaabuun hammaataa akka ta’us hubachiiseera.

Hongee Afriikaa bahaatti uumameef deebii kan ta’u doolaara miliyoona 300 fi miliyoona 27 akka barbaachisu dha sagantaan nyaata adunyaa kan beeksise. Maallaqichis yeroo gabaabaatti nyaataa fi maallaqa calla hubamtootaaf dhiyeessuuf; akkasumas yeroo dheeraadhaan immoo haala qilleensaatiin walqabatee naannolee irra deddeebiin hongeetti saaxilaman fulla’insaan bayyanachiisuuf kan ooluu dha jedheera.

Koreen baraarsa lubbuu adunyaa naannolee hongeen hubaman Oromiyaa fi Sumaalee keessatti hanqina nyaata madaalamaatiin kan miidhaman daa’imman kuma 200 fi kuma 25 olii fi haadholii ulfaa fi hoosistoota kuma 100 caalanuuf deeggarsi nyaata madaalamaa atattamaan akka isaaniif barbaachisu eereera. Naannolee Oromiyaa fi Sumaalee hongeen itti uumametti namoonni miliyona 4.4 ta’an hanqina bishaanii hammaataatti saaxilamaniirus jedheera.

Keessumattuu bishaan dhugaatii qulqulluun dhabamuun isaa rakkoo dubartootaa fi daa’immanii caalaatti hammeessaa akka jiru himameera. Daa’imman bishaan faalame dhuguuf yoo dirqaman; daa’imman waggaa shanii gadii irratti dhibee garaa-kaasaa du’a daa’immaniitiif sababa ta’e dabalatee carraan dhibeewwan adda addaatti saaxilamuuf qaban bal’aa akka ta’e eerameera.

Naannolee Oromiyaa, Affaarii fi Sumaaleetti hongeen uumame daangaa isaa gara naannoo Amaaraatti akka bal’ifate himameera. Naannoo Amaaraa, godina Waag Himraatti aanaalee argaman afuritti wayita gannaatti roobni gahaan waan hinroobinii fi sababa waraana naannicha keessa tureetiin qonnaan bultoonni aanichaa midhaan walitti qabachuu waan hindanda’iniifis beelli uumamuun isaa ibsameera.

Aanaaleen afur godinichatti argaman hongeedhaan miidhamuu isaanii fi hawaasichi beela keessa jiraachuu hoogganaan biiroo koomunikeeshiinii godina hawaasa Waag Himiraa Kaffaaloo Dabash ibsaniiru.

Anaaleen godinichaa Ziqu’aalaa, Saahilaa, Tsaagbij fi Abargallee jedhaman hongeen akka keessa ture kan kaasan Kaffaaloon; kutaaleen hawaasaa aanaalee kana keessa jiran buqqaatota gargaaruu osoo hintaane ofuma isaaniitiifuu rakkoon fedhii bu’uraa isaan mudateera jedhan.

Aanaaleen arfan yeroo gannaatti rooba gahaa argachuu hafuun isaanii fi mana maree bakka bu’oota uummataatiin gooltummadhaan kan beekame TPLF qaaxxee aggaameen qonnaan bultoonni naannoo sanaa oomisha walitti qabachuu dadhabuun isaanii beelli uumamuu isaatiif sababa ijoo ta’uu hooggantichi itti dabaluun ibsaniiru.

Naannichatti hanqinni roobaa ni ture kan jedhan Kaffaaloon; kanaan dabalatatti TPLF qaaxxee aggaamuun qonnaan bultoonni dahoo keessa waan turaniif midhaan xaasaan tokko mana isaanii akka hinseenne ibsan.

Kaffaaloon itti dabaluunis; ongeen uumamuun isaa rakkoo ta’ee utuu jiruu nageenyi naannichaa boora’uu isaatiin qonnaan bulaan oomisha hongee jalaa baraarameef walitti qabachuu dadhabuu fi ammas waraanichi xumuramuu hafuu isaa hordofee baay’achuun buqqaatotaa beelli umamuun isaa sababa dachaa akka ta’e itti dabaluun ibsaniiru.

Walqabsiisuunis; beelli naannichatti uumame godinicha irra darbuun humna naannichaatii ol waan ta’eef; tumsa mootummaa federaalaa barbaada jedhan. Mootummaan gidduu seenuu qofa osoo hintaane gara naannichaatti bobba’uun daawachuun hojiiwwan barbaachisan raawwachuu qaba jedhaniiru.

Gama biraatiin; rakkoon nageenyaa naannicha keessa jiru qulqullaa’uu waan hindanda’iniif jiraattonni yaddoo fi beelaan miidhamaa jira kan jedhan hooggantichi; hidhattoonni TPLF hanga ammaatti madda yaaddoo waan ta’aniif furmaata fulla’aa argachuu rakkisaa taasiseera.

Hooggantichi dhuma irratti; dhaabbileen namoomaa mootummaa fi miti-mootummaa naannolee gogiinsaan hubaman akka baraaran gaafataniiru. Aanaalee hongeen hubaman Ziqu’aalaa fi Abargalleetti xaafii, misingaa, saliixii, suufii; akkasumas aanaa Tsaagbijitti xaafii, garbuu, qamadii fi kan biraa oomishuudhaan akka beekaman eeraniiru.

Hongee naannoo Sumaaleetti uumameen hanga yoonaatti naannicha keessatti roobni dhabamuu isaatiin duuti beeladaa olaanaan jiraachuu kan himan biiroo hooggansa soda balaa naannichaatti hoogganaa garee of eeggannoo duraa Bashir Arabi.

Naannichatti beeladoonni miliyoonni tokkoo fi kumni 100 dhumuu isaanii kan eeran hooggantichi; haalli hongichaa homaa fooyya’aa akka hinjirre eraniiru.

Hanga Bitootessa 8 bara 2014tti qofa beeladoota kuma 57; gaalota 731; hoolota kuma 300 fi kuma 28 fi 447; re’oota kuma 600 fi kuma 55 fi 951; akkasumas harrooti kuma 37 ol; waliigalaan beeladoonni miliyoona tokkoo fi kuma 100 fi kuma 21 fi 762 ol du’u isaanii ibsaniiru. Naannolee gammoojjiitti jiraattonni odeeffannoo hinkennin waan jiranuuf baay’inni beeladoota du’anii kan ibsame caaluu danda’a jedhaniiru.

Dabalataanis; madden bishaanii fi boollonni bishanii naannichatti argaman waan goganiif ummanni miliyoona 3.5 ol rakkoo hanqina bishaaniitti saaxilamuu ibsaniiru. Ta’us rakkinicha furuuf bishaan botteedhaan dhiyaachaa jiraachuu kaasan.

Abbootiin warraa kuma 41 ol ykn lammiiwwan kuma 200 fi kuma 42 gadi hintaanes; roobni roobee hongeen yoo bade gara bakka turaniitti akka hindeebine ta’anii buqqa’uun bakkeewwan adda addaatti da’atanii akka jiran ibsaniiru.
Kunis kan ta’e horsiisaan bultoota ta’uu isaanii fi yeroo ammaa beeladoonni isaanii hundi dhumuu isaaniitiin deebi’uuf waan isaan dandeessisu waan hinqabneef akka ta’e dubbataniiru.

Haalli hongichaa wayita fooyya’u gara qe’e isaaniitti deebi’uu kan danda’an immoo beeladoota isaaniitiif nyaata bituu kan danda’anii fi beeladoota isaanii bakkaa bakkatti konkolaataadhaan sochoosuu kan danda’an gara bakkeewwan adda addaa deemuu isaanii eeran. Kanaanis gara aanaalee Harargee bahaa osoo hinhafin lammiiwwan qaxxaamuranii galan jiraachuu kan eeran hooggantichi; yeroo ammaa ummata naannichaa miliyoona 3.6 gadi hintaane irratti hanqinni nyaataa akka mudatee fi qaqqabsiisuun kan danda’ame gruu aanaalee 87 keessatti ummata miliyoona tokkoo fi kuma 47 fi 537 ta’uu kaasan.

Dhaabbilee gargaarsaa irraa deeggarsi dhiyaatu hangasitti hinjiru kan jedhan hooggantichi; deeggarsi hanga yoonaatti taasifame humna mootummaatiin ta’uu ibsaniiru.

Hongeen naannichatti uumame yeroo ammaatti godinaalee kudhanii fi aanaalee 87 ol; akkasumas gandoota kuma tokkoo fi 975 olitti akka ta’ee fi; keessumattuu godinaalee sagal keessa hanqinni bishaanii hammaataan jiraachuu mul’isaniiru.

Hawaasni naannichaa dhibbeentaan 85 nyaata guyyaa fi baasii biraa kan danda’atu galii beeladoota irraa argatuun waan ta’eef; hongichi beeladoota hedduu ajjeesuu isaa fi gatiis akka hinbaasne taasisuu isaatiin lammiiwwan irratti gaaga’ama jireenyaa hammaataa uumuun ibsamera.

Naannoo Oromiyaa godina Booranaatti hongeen uumames hanga ammaatti fooyya’uu hafuun isaa fi hanga yeroo dhiyoottis kanumaan kan ka’e beeladoonni birrii biliyoona afuritti tilmaamaman kumni 300 ol dhumuun isaanii eerameera.

Godina Booranaatti waqitiiwwan roobaa sadiif walitti fufuun bokkaan roobuu hafuu isaa hordofee Itoophiyaa kibbaa fi bahaatti hongeen uumame jiraattota irra dhiibbaa geessisuun isaa eerameera.

Horsiisaan bultoota godina Booranaatiif utubaa jireenya isaanii kan ta’an beeladoonni du’aa waan jiranuuf; beeladoota isaanii fixee harka duwwaatti isaan hambisaa akka jiru horsiisaan bultoonni godinichaa ni dubbatu.

Hoggansi hojii yaaddoo balaa godinichaa gama isaatiin; beeladoonni miliyoona walakkaa caalan du’uu ibseera. Waajjirri qabeenya beeladaa godina Booranaa gama isaatiin; dhiibbaan hongichaa too’annaan ala akka hintaane yaaddoo qabaachuu isaa eereera.

Koomishineerri itti aanaan koomishiinii hooggansa hojii yaaddoo balaa naannoo Oromiyaa Garramuu Oliiqaa gama isaaniitiin; naannichatti hongee godinaalee Booranaa fi Baaleetti uumameenbeeladoonni kumaatamaan lakka’aman du’uu fi ammas taanaan rakkoo naannoo sana jiru dandamachuuf namoonni kumaatamaan lakkaa’amanu deeggarsa barbaadu jedhan.

Godinaalee lamaanitti lammiiwwan kuma sagal caalan deeggarsa namoomaa akka barbaadanuu fi; godina Booranaatti namoonni kumni shan; godina Baaleettis namoonni kuma 400 fi kumni 27 nyaataan kan of hindandeenyee fi rakkoo hammaataa keessa kan jiran adda baasuun sadarkaa gahaa dha jedhamutti ta’uu yoo baates; ji’a ji’aan nama tokkoof qamadiin kiiloo giraamni 15 gargaarsaan dhiyaachaa jiraachuu eeraniiru.

Hooggantichi itti dabaluunis; mootummaan federaalaa fi naannichaa cimdiidhaan nyaata beeladaa dhiyeessuun gamatti beeladoota godina Booranaa jiran gara Geeda’oo, Koonsoo, Gujii fi bakkeewwan jiidha; bishaanii fi dheedicha qaban biraatti bobbaasuun hojii hojjetaa jiru jedhaniiru.

Walqabsiisaniis; mootummaa naannichaa fi federaalaa; dhaabbilee gargaartotaa; aanaalee fi godinaaleetti uummanni wal tumsuudhaan botteewwan 126n hojiin bishaan raabsuu hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Naannoowwan hongeen jirutti akkuma guyyaan dabaleen rakkinichi bal’ataa waan jiruuf hawaasnii fi dhaabbileen gargaarsaa tumsa isaanii cimsanii akka itti fufanii fi yeroo hammaataa kana moo’achuun yeroo itti aanutti darbuun akka danda’amuuf wal gargaarsaan hojjechuu akka barbaachisu hooggantichi eeraniiru.

Yuunivarsiitii Siivil Sarviisii Itoophiyaatti hoogganaan kutaa barnoota misoomaa, dinagdee fi hooggansa hojii Dr. Kaasaa Tashaager; naannoo Oromiyaa godinaalee Baalee fi Booranaa; naannolee Affaarii fi Sumaaleetti hongeen jiru hammaatee itti fufuu isaa hordofee sadarkaa hammaataa dha jedhamu irratti argama jedhan.

Naannolee kanatti hammaachuu hongee mul’atuuf dhimma eegumsa naannoo irratti bakkeewwan adda addaatti qaamoleen dhimmichi isaan ilaalu gamtaadhaan xiyyeeffannoo kennuun hojjechuu dadhabuun isaanii hammaachuu rakkinichaatiif sababa ta’uu eeran. Bakkeewwan kanaan olitti eeramanitti hongeen jiru waraana Itoophiyaa kaabaa keessa turee wajjin dinagdee Itoophiyaa irraan dhiibbaa akka qaqqabsiisee fi beeladoota miliyoona tokko caalan akka dhabsiise; akkasumas lammiiwwan kumaatamaan lakkaa’aman deeggarsa namoomaa eeguuf dirqamuun dabalatatti rakkoo olaanaa keessa jiru jedhan.

Waraana Itoophiyaa kaabaa keessa turee fi rakkoowwan abidda siyaasaa kan biraa jiraachuu hordofee mootummaan naannolee hongeen uumametti xiyyeeffannoo kennuun jijjiirama qilleensaa irratti hojjetaa jira jechuuf nama hindandeessisu jedhaniiru.

Itti dabalaniis; yeroo itti aanutti mootummaan hongee ykn beela ittisuuf ce’umsa dinagdee qonna irraa gara induustiriitti taasifamu irratti xiyyeeffannaan hojjechuu akka qabu hubachiisan. Mootummaan yeroo yeroon kan karoorfatu dinagdeen misooma magariisaa karoora yaadaa keessaa baasuun rawwachuu qaba.

Bakkeewwan adda addaatti gochaawwan eegumsa naannoo irratti dhiibbaa qaqabsiisan hir’isuun hojiiwwan haala jireenya hawaasaa dabalataan hammayyeessanii fi naannoo eeguun ni gorfama jedhan.

Kanaan gamattis; naannolee keessa wantoonni gaariin jiraachuu hordofee jal’isii fi qabeenya bishaaniitti fayyadamuudhaan hongee bakkeewwan adda addaatti uumame ittisuu akka barbaachisu hooggantichi eeraniiru.


አዲስ ማለዳ Bitootessa 17 2014 No 40

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here