Induustiriiwwan oomisha sibiilotaa Itoophiyaa keessa jiran hangi oomisha isaanii dhibbeentaa 20 irraa gara dhibbeentaa 10tti gadi bu’uu instiitiyuutiin misooma induustirii sibiilotaa ibse.
Hangi oomishichaa dhibbeentaa 20 irraa gara 10 fi isaa gadiitti gadi bu’uu isaa daarikteerri daayirektoreetii koomunikeeshiinii instiitiyuutiin misooma induustirii sibiilotaa Fiixee Baqqalaa Addis Maaledaatti ibsaniiru. Daarikteerri koominikeeshiinii kun omishicha dhibbeentaa 20 oomishuun olaanaa ture kan jedhan yoo ta’u; amma garuu kan oomishamaa jiru dhibbeentaa 10 gadi ta’uu ibsaniiru.
Instiitiyuutiin misooma induustirii sibiilotaa waggaatti oomisha toonii miliyoona 11 ol oomishuuf humna waan qabuuf birrii biliyoona 300 fi biliyoona 85 argachuun ni danda’ama ture kan jedhan Fiixeen; amma walakkaadhaan omishamaa kan jiru oomisha birrii biliyoona 20 qofa argamsiisuu dha jedhan.
Walqabsiisuunis; damichi humna oomishtummaa olaanaa yoo qabaates yeroo ammaatti sababa hanqina meeshaalee dheedhiitiin; tokko tokko kan oomishan humna qaban keessaa dhibbeentaa 10; tokko tokko immoo dhibbeentaa shan; kaan immoo dhibbentaa tokkoo gadi ta’uu Addis Maaledaatti eeraniiru. Induustiriiwwan oomishuu dhiisan jiraachuu kan eeran daarikteerichi; industiriiwwan dhibbeentaa 20 omishan yoo jiraatanis garri caalaan kan oomishan dhibbeentaa 10 gadi jedhaniiru. Rakkinichi kanaan dura kan ture yoo ta’es; adeemsaan bara 2014tti hammaachaa dhufuu isaa eeraniiru.
Induustiriiwwan guyyaatti dabaree lamaa fi sadiin oomishaa turan haalli guyyaatti al tokkicha itti oomishan ni jira jedhameera. Giddugaleessa isaa ibsuuf malee induustiriiwwan dhibbeentaa tokkoo gadi oomishanis akka jiran qaamaan dhaqanii mirkaneessuu isaanii daarikteerichi ibsaniiru.
Homna oomishaa guddisuun hafee induustiriiwwan hanga gadaanaadhaan illee oomishuu hindandeenyee fi kan cufamanis jiraachuu ibsa daarikteerichaa irraa hubachuun danda’ameera. Fakkeenyaafis induustiriiwwan qorqorroo oomishan baay’een isaanii yeroo ammaatti oomishaa hinjiran; oomishtoonni moobaayiliis, kan awutommootiiviis haala walfakkaatuun baay’een isaanii omishaa hinjiran. Maqaa waamuun garuu garrii miti” jechuudhaan daarikteerichi dubbataniiru.
Gabaa yeroo ammaatiin fedhiin meeshaalee dheedhii fi dhiyeessiin isaa wal gituu hafuun qaala’insa gatii uumeera kan jedhan Fiixeen; qorqorroo qulqullina qabu biyya keessatti oomishuuf humni kuufamaan utuu jiruu sababa hanqina meeshaalee dheedhiitiin baay’inni namoota qorqorroo barbaadanuu haalli sadarkaa olaanaa irra itti gahe ni jira jedhaniiru.
Itti dabaluunis humni waggaatti toonii miliyoona ykn oomisha birrii biliyoona 300 fi biliyoona 85 argamsiisu yoo jiraates; humna amma kana baachuun walakkaa waggaatti oomisha birrii biliyoona 20 argamsiisu qofa oomishuutu danda’ame jedhan. Hangi oomishaa kunis gadaanaa waan ta’eef kan hojjetamaa jiru humna xiqqoodhaan ta’uu agarsiisa jechuun dubbataniiru.
Akka biyyatti meeshaalee eleektirooniiksii; bilbiloota moobaayilaa; konkolaattota (gara Afriikaa bahaatti) akkasumas oomishaalee injineeriingii fi kan meetiidhaan walqabatan meeshaalee faayaa gara biyyoota alaatti akka ergan himanii; meeshaalee dheedhii biyyoota alaatii galan gama furuutiin garuu humnaa gadi hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Gama biraatiin; induustiriin sibiilotaa akkuma shaqaxa kamiitti kontiroobaandiin rakkoo isa qoru ta’uu kan eeran daarikteerichi; qorannoo hanga ammaatti jiruun keessumattuu meeshaaleen dheedhiin eleektirooniiksii gabaaf dhiyaatan dhibbeentaan 60 ol gara biyyaatti kan seenan bifa kontiroobaandiitiini jedhameera. Kun mootummaa, biyyaa fi uummata; daldalaas kan miidhu ta’uu kan ibsan daarikteerichi; rakkinicha furuufis qaamolee mootummaa adda addaa wajjin hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Instiitiyuutiin misooma induustirii sibiilotaasekteroota hedduu kan tuttuqu waan ta’eef; sektara kana malee sadarkaa biyyatti guddinaa fi jijjiirama fiduun hindanda’amu kan jedhan Fiixeen; qaamoleen qooda keessaa qabanis kana irratti deeggarsa isaanii fi kan gahee isaanii gumaachuu qabu jedhaniiru.
Instiitiyuutiin misooma induustirii sibiilotaa konstiraakshiiniif; konkolaataaf; eleektirooniiksiif; akkasumas maashiiniif (hojiiwwan qonnaatiif) galteewwan kan dhiyeessan dameewwan gurguddaa afur kan qabu yoo ta’u; maayikiroo fi xixiqqaa dabalatee induustiiwwan 600 ol dhaabbata haammatee qabuu dha.
አዲስ ማለዳ Bitootessa 17 2014 No 40


