Induustiriiwwan ashaboo akka galteetti fayyadaman hanqinni isaan mudachuun ibsame

0
528

Induustiriiwwan ashaboo akka galtee oomishaatti fayyadaman hanqinni olaanaan akka isaan mudate Addis Maaledaan mirkaneessiteetti. Rakkinichi kan uumame rakkoo nageenyaa naannoo ashaboon sadarkaa olaanaadhaan argamu Affaar keessa jiruun kan walqabatuu dha jedhameera.

Addis Maaledaan oomishaalee qulqullinaa bal’inaan oomishuun kan beekamuu fi teessoo isaa magaalaa Finfinnee kan taasifate warshaa Raphii keessa ogeeyyii jiran irraa akka mirkaneessitetti; keessattuu walakkeessa ji’a Gurraandhalaa irraa jalqabee hanqinichi waan hammaateef warshichi ashaboo fayyadamuu dhiiseera.

Saamunaa dhangala’aa oomishuuf adda durummaan keemikaala S S S (Sodium Lauryl Sulfate/SLS) jedhamuu fi ashaboo kan barbaachisu ta’us; ashaboo malee keemikaalicha fayyadamuun waan hindanda’amneef keemikaalli (Coconut diethanol amine/CDEA) jedhamu lamaan isaa bakka bu’uun tajaajilaa jiraachuu beekuun danda’ameera.

Dhaabbata oomishaalee qulqullinaa oomishu kan biraa tokko keessa ogeessi hojjetan tokko; ashaboo baay’ee akka barbaachisu Addis Maaledaatti eeranii; naannoo guyyoota 20 dura ashaboo kilo giraama tokko birrii saddeetiin bitaa turre; amma garuu dachaadhaan daballee birrii kudha jahaan binna jedhaniiru.

Rakkinichi kan uumame waraana naannoo Affaar keessa jiruun kan wal qabatee dha kan jedhan ogeessichi; gatiin isaa dachaadhaan dabalees dhiyeessii ashaboo argachuun hindanda’amne jechuun ibsan.

Induustiriiwwan gogaa ashaboo akka galteetti fayyadamuun isaanii yoo beekames; instiitiyuutiin misooma induustirii gogaa rakkinichi akka isa hinmudanne ibseera.

Dursaan garee koominikeeshiinii fi sab-quunnamtii instiitiyuutichaa Biruk Xilaahun Addis Maaledaatti akka himanitti; induustiriiwwan gogaa ganna keessa karoora oomisha isaanii wayita qopheessan ashaboon isaaniif barbaachisu waan beekamuuf; babal’ina karoora isaanii dabalachuun kan isaan gahu al tokko bitamee akka kennamaaf jedhaniiru.

Haata’u malee ashaboodhaan walqabatee gaaffii irra-deddeebiidhaan yeroo dheeraaf ka’u hiikuuf keemikaala ashaboo bakka bu’u argachuuf yuunivarsiitii Hindii tokkoo wajjin ta’uun hojiin qorannoo hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Kanaafis ogeeyyiin leenjii fudhataa jiraachuu fi hojiin qorannichaas yeroo dhiyoo keessatti xumuramee ce’umsi tekinooloojii akka taasifamu ibsanii; isa booda ashabootti fayyadamuun akka hafu beeksisaniiru.

Gama biraatiin; ashaboo qofa osoo hintaane oomishaalee qulqullinaatiif kan ta’an hanqinni keemikaalota galtee kan biraa fi daballiin gatii olaanaan mul’achaa jiraachuu dhaabbata oomishaalee qulqullinaa oomishuu fi kan oomishaalee biyyoota alaatii fiduun raabsu keessa kan hojjetanuu fi maqaan isaanii akka hinibsamne ogeessi barbaadan tokko Addis Maaledaatti ibsaniiru. Kunis kan ta’e keessumattuu waraanni Ruusiyaa fi Yuukireen erga dhoo’ee as ta’uu eeranii; oomisha saamunaatiif kan barbaachisu shittoon kiiloo giraamni tokko birrii dhibba shaniin gala ture amma birrii kuma lama ta’eera jedhan.

Akkasumas saamunaa dhangala’aa oomishuuf kan barbaachisu (Sodium Lauryl Sulfate/SLS) keemikaalli jedhamu yeroo ji’a hinguunne keessatti Finfinnee irratti birrii 170 irraa gara birrii 240; Finfinneen alatti immoo birrii 180 irraa gara birrii 250tti dabaluu isaa dubbataniiru.

Kanaanis; yeroo ammaatti oomishaaleen qulqullinaa dabalata gatii olaanaa agarsiisaa jiraachuu kaasan. Fakkeenyaafis warshaatti kan oomishame saamunaa dhangala’aan liitirri tokko birrii 40 hanga shantamaatti kan gurguramaa ture yoo ta’u guyyoota keessatti 70 hanga 80tti gurguramaa jira jedhaniiru. Saamunaa dhangala’aan liitirri shan hanga birrii 300tti akka gurguramu kaasanii; saamunaa gogaan birrii 30 ol ta’uu dubbataniiru.

Addis Maaldaan ministeera daldalaa fi walitti hidhaminsa naannootti daarikteera qorannoo, hordoffii fi too’annaa gatii daldalaa Maskaram Baahiruu irraa deebii argachuuf irra-deddeebi’uun bilbila yoo bilbiltes argachuu hindandeenye


አዲስ ማለዳ Bitootessa 17 2014 No 40

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here