Paarkii biyyaalessaa Qaaftaa Shiraaroo keessaa arboonni 300 gara Ertiraatti godaanuun isaanii ibsame

0
635

Walqaayit Xagadee Seetiit Humaraatti arboonni paarkii biyyaalessaa Qaaftaa Shiraaroo keessa turan dhibbi sadii ol gara Ertiraatti godaanuu isaanii paarkichi Addis Maaledaatti beeksise.

Bineensonni gosa adda addaa paarkicha keessa jiraataa turan akka godaananii fi keessumattuu arboonni faayidaa gabaatiif jecha adamoo seeraan alaatiif saaxilamaa waan jiraniif ta’uu paarkii biyyaalessaa Qaaftaa Shiraarootti dursaan garee kabachiisa seeraa shaambal Baarkoot Dassee Addis Maaledaatti himaniiru.

Arboonni 300 ol paarkicha keessa akka turan kan yaadatan Baarkoot; gidduu kana garuu gara paarkichaatti yoo imalanis akka hinarginii fi gara Ertiraatti godaanuu isaanii eeraniiru. Akka ibsa dursaa garichaatti kan godaananuu fi du’anu arboota qofa osoo hintaane; bineensota paarkicha keessa jiraataa turan kan biraas ni dabalata. Paarkicha keessa gosoota bineensota adda addaa 42 jiraataa turan kan jedhan dursaan garichaa; kana keessaa borofni baddaa baay’inni isaanii waan xiqqaateef sanyiin isaanii sadarkaa baduu irra ga’eera jechuun ibsan.

Baay’inni isaanii hir’achuu yoo ibsanus; kanaan dura paarkicha keessatti bakka tokkotti illee borofni 40 hanga 50 walitti qabamanii kan argamaa turan yoo ta’u; amma garuu fagoo adeemuun borofa tokko qofa akka argan Addis Maaledaatti himaniiru.

Isaan kanaan dabalatattis sanyiiwwan sinbiraa 200; kan bineensota lafa irra siqanuu sagal; akkasumas sanyiiwwan antuutaa shan paarkicha keessa akka turan ibsanii amma garuu godaanaa jiru jedhan.

Addis Maaledaan odeeffannoon hojjettoota irraa argatte akka mul’isutti bineensonni paarkichaa godaanuu caalaatti adamfamanii ajjeefamaa akka jiranuu dha.

Kana ilaalchisees dursaan garichaa; “paarkicha keessa wayita sochoonu hafteewwan qaamaa kukkufan argineerra; rakkoo konkolaataa waan qabnuuf gara keessaatti waan hinseeniniif malee sirriitti arboonni hedduun du’aniiru; arbi tokko du’ee argineerra” jedhaniiru.

Godaanuu bineensota kanaatiifis sababooti ijoon afur akka jiran Addis Maaledaatti kan ibsan yoo ta’u; gochaawwan kun irra deddeebi’amuunis bineensota bakka buusuuf rakkannu gara dhabuutti nu geessaa jira jechuun dubbataniiru.

Dursaan garichaa du’uu fi godaanuu bineensota kanaatiif sababni sadarkaa jalqabaatti eeran lafti paarkicha keessa jiru qotamuu dha. Lafti hinqotamin paarkichaan ala baay’inaan utuu jiruu lafti bal’aan paarkicha keessa jiru qotamee ture kan jedhan shaambal; kunis kan ta’e qonnaan bultoonni lafti haaraan oomisha baay’ee argamsiisa jedhanii waan yaadanuufi jedhan. Itti dabaluunis namoonni naannicha jiran bakkicha qooddachuun bosona isaa ciraa jiraachuu eeran.

Gochaan kun bineensonni akka godaanan taasisuu isaa caalaatti sanyiiwwan biqilootaa 53 ta’an irratti mancaatiin akka raawwatamu gochuu itti dabaluun dubbataniiru.

Sababa lammaffaa jedhamuun kan ka’e paarkicha keessa kuufamni warqii olaanaan jiraachuu isaa hordofuun kan qotamuu dha. Qaamni eegumsa paarkicha too’atu waan hinjirreef namni kamiyyuu warqii baasuuf paarkicha keessa seenuun boolla hanga meetira shanii akka qotuu fi yeroo kanattis bineensota adamsanii nyaataaf akka oolfatan himaniiru.

Sababa waraanaatiin hojjettoonni paarkichaa waajjiraalee adda addaa keessa turan bittinnaa’uu isaanii fi wayita paarkichi hundaa’e bara 1999 jalqabee konkolaattonnii fi qabeenyaan ture hidhattoota TPLFn saamamuun isaanii tajaajilli eegumsaa baratame akka hinjiraanne taasisuu isaa fi bineensonnis baay’inni isaanii akka xiqqaatu taasisuun akka sababaatti ibsameera.

Gama biraatiin; keessattuu ilki arbaa gatii olaanaatti waan gurguramuuf adamoon seeraan-alaa paarkicha keessatti raawwatamu du’uu fi godaanuu bineensotaatiif sababa biraa ta’eera jedhameera.

Addis Maaledaan abbaa taayitaa eegumsa bineensota bosonaa irraa waa’ee dhimmichaa deebii argachuuf kan yaalte yoo ta’u; waajjirichi adamoo seeraan alaa fi sababoota biraatiin baay’inni bineensotaa xiqqaachaa jiraachuu amanee; paarkii biyyaalessaa Qaaftaa Shiraaroo ilaalchisuun odeeffannoo waan hinqabneef kan qulqulleessu ta’uu Addis Maaledaatti himeera.
Paarkiin bara 1999tti hundaa’e kun daangaa Itoophiyaa fi Ertiraa irratti kan argamu yoo ta’u; bal’ina iskuweer kiiloo-meetira 2174 qaba.


አዲስ ማለዳ Bitootessa 17 2014 No 40

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here